Yeroon Oromoon qabsoo isaa finiinsuu qabu amma K2ffaa

Oromoon gatii hanga amma kaffalle irratti waa daballaan deebii gaafii isaa argachuu fi hawwii ganna 25 dhugoomfachuu ni danda'a.

Qabsoon geggeeffamu kamuu waa’ee wareegamaa qofaa miti. Wareegama irraa guutummaatti baqachuus miti. Caalmatti, waa’ee wareegama xiqqeessuu fi wareegama kaffalamu irraa bu’aa argamsiisuuti. Dhimmoonni ijoon kunniin lamaan kan rarra’an, yeroo qabsoon geggeeffamu, haala yeroo dubbisuu fi tarsiimoos haalicha irratti hundaayuudhaan  sirreessuu irratti. Haala qabatamaa ammaa keessatti haalli qilleensaa maal kan fakkaatu? Fundurri qaboo keenya garamitti qaba tankaarfatuu?

Qabsoo eegalle daran cimsuu fi finiinsuu kan nu dandessisuu, kaleessa irra hara’a, haalli mijaawaan uumameera. Qaanqeen qabsoo Gincitti qabsiifame akka bubbulluun babal’ataa, humna godhataa dhufeera. Qaanqee qeeroon qabsiisteen mootummaan gubataa, Oromoon hamilee argataa fi injifannoo gonfataa, qabsoon keenya ammo kallattii addunyaa hundatti ifaa mul’ataa adeemaara. Sochii baatii lamaaf Oromoon osoo addaan hinkutin taasiseen, ajjeefamaa fi hidhamaa, bu’aa boonsaa fi abdachiisaa arganneerra. Waan abdachiisaa hedu argutti jirra. Kufaa ka’aa, hidhamaa fi dararamaa qabsicha itti fufne taanaan bilisummaa balbala irra geette bananii ol’seensisuun waan hedduu nu dhibuu miti. Hunda caalatti, qabsoo eegalle cimsinee akka itti fufnuuf kan nu dirqu dhimmoota heddutu jira.

Qabxiilee ijoo qabsoo eegaleen Oromoon milkii galmeessisaa jiraachuu kan argisiisan keessaa lama (mootummaan dheessaa jiraachuu fi jidduu isaaniitti rakkoon mul’achuu) kutaa tokkoffaa keessatti tuqeera. Qabxilleen hafan kanniin asii gadiiti.

Addunyaan gidiraa Oromoo arguu fi balaaleffachutti jirti

Wanta mootummaan Woyyaanee arguu fi dhagayuu hin feene keessaa inni guddichi gidiraa Oromoo irratti raawwatame addunyaan arguu fi dhagayuudha. Mootummaan kuni mootii waa dhoksuuti. Kijibaa fi gowwoomsaatti amana. Kan angotti dhufes bifa kanaan. Ganna 25’f kan bulches addunyaa gowwoomsuudhaan. Qawweedhaan ukkaamsaa fi ajjeesaa, yeroodhaafis ta’u bulchuun ni danda’ama; akka biyyoota tokko tokko keessatti mudhatutti. Mootummaan kuni garuu heera hujii irra hin oolchine baasa.  Filannoo hiika hin qabne, kan EPRDF %100’n moo’atu, geggeessa. Kanuma ufii isaa miilaan irra deemu, waa’ee ol’aantummaa seeraa fi sirna federeshiinaa odeessa. Dimokraasii fi mirga ummataa kabajuun filannoo osoo hin taane waa’ee jireenyaati jedhaa hafarsa. Tooftaa kanniiniin addunyaa gowwoomsuu danda’eera, yeroo dheeraadhaaf.

Qabsoon Oromoon osoo addaan hin kunne, du’aa fi hidhamaa, geggeesse mootummaa kana yoomuu caalatti salphise; eenyummaa isaanii, isa dhugaa, dirree irratti baase. Amma badii fi garajabeenya bulchiinsa TPLF, isa guutuun ummata Itoophiyaa ganna 25’f keessa jiraate, addunyaan argite. Rifatte. Gochi suukkanneessaan mootummaan barattoota Oromoo irratti raawwate biyyoota biraa birattii mitii waahiloota isaa Ameerikaa fi Chaayinaadhaanis kan isa woldhabsiisuudha. Ameerikaan mallattootaa addaddaa agarsiisaa jirti. Waan Chaayinaan jettuu fi hojjattu, gara duubaatiinis ta’u, beekuun nama rakkisa.

Baranni akka bara dheengaddaa miti. Dhiiga dhangalaasaa, ajjeechaa dhoksaa, kumaatama gidirsaa, dimokraatawa uffakkeessaa fi addunyaa gowwoomsaa miliquun bara 2015 keessa tasa hin danda’amne. Jarraan dhoksaa fi addunyaa gowwomsa dabreera; isaanitti bari’eera.

Sa’aa kanatti mootummoonni addunyaa gurguddoon, addadurummaadhaan Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa, Itoophiyaan ummata isii ajjeesuu fi ukkaamsuu irraa akka ufqusattu irra deddeebi’anii gaafataa jiru. Mariin bal’aan, humnoota dhimmi ilallatu hunda jiddutti, akka geggeeffamuufis dhiibbaa godhaa jiraachuudha kan dhagayamu. Akka kana duraa miidiyaan addunyaa haa nu’arguu fi miidhaa nurratti raawwatamu haa gabaasuuf yeroon itti dhiphannu dabreera. Kana booda waa’ee qabsoo Oromoon (#OromoProtests) itti jiruu barreessuu fi gabaasuun dantaa miidiyaalee addunyaati; gurraa fi ijji hawaasa addunyaa waan kana faanaa bu’aarti waan ta’eef. Dirqamni keenya waan barreessanii fi gabaasan qofa isaaniif argamsiisuudha; qabsoo eegalame cimsanii itti fufuu jechuudha. Bifa kamiinuu xiyyeeffannaan biyyootaa fi miidiyaalee addunyaa amma arganne kuni harka keenyaa akka bayuuf hayyamuu hin qabnu- gatii guddaan dhufe waan ta’eef.

Waan ifnanni aduu argate dhoksuuf Woyyaaneen dadhabuu fi hirriba dhabuu hin qabdu. Ajjeechaa fi gidiraa Oromoo irratti raawwatame waakkachuu fi qaama biraatti haqachuun sadarkaa hin danda’amne irra gayameera. Kan ta’e hundi ijaa fi gurra hawaasa addunyaa bira gayeera. Galata gootota Oromoo du’anii fi gidiraa Oromoo irratti raawwatamu woraabaa fi gabaasa jiraniif. Kana booda falli? Fala ta’u barbaaduu qofa. Kunis, itti gaafatamummaa fudhachuu fi gaafii Oromoo simachuu qofa.

Kumaatama hidhatti dhiisene boqachuun boqannaa sammuu nama dhoorga

Hanga ammaatti lubbuun namoota 140 olii galaafatamuun bal’inaan gabaafameera. Laakkofsa namoota madaayanii, hidhamanii fi barnoota irraa ari’amanii kan beeku tokko hin jiru. Wanti beeknu jira, garuu: namoonni hidhaman kumaatamatti kan laakkayaman ta’uu isaanii.

Qabsoon eegalle isa lafa keenya tiksuu qofaa miti. Jala sararaa. Qabsoon kuni boqonnaa heddu qaba. Isa nubiraa hidhame hiiksisuu, isa barnoota irraa ari’ame mana barnootaatti deebsisuu fi namoota madaayan fayyisuu ufkeessatti ammata. Hujiin nama Oromoo ajjeesee fi madeesse seeratti dhiyeessuus qaama qabsoo kanaati.

Qabsoo eegalame kana keessatti dhimmoota kanniin irratti hojjachuu dadhabuun rakkoo heddu qaba. Tokkoffaa, mana hidhaatti, dirree irratti woldhiisuun qabsaayota gargarbaasa; qabsichas laaffisa. Mana hidhaa fi mana yaalaatti woldagachuu fi dhimma dhuunfaa irratti xiyyeeffachutti nu geessa. Akkuma woliin falmaa mirgaaf daanditti bane, woliin hidhamuu fi hidhaa hiikkamuu qabna. Wolganna taanaan eessaa gayuun hin danda’amu. Kan mootummaan daftee nama hiituufis namootuma gargara qooduudhaaf. Mootummaan kanatti akka milkaayu hayyamuun waanuma hin taane.

Qaamota aajjeechaa fi doorsisaaf sababa ta’an seeraaf akka dhiyaatan gaafachuu dhabuun dhiiga Oromoo dirree irrati facaasuu, foon obboleewwan keenyaa allattii nyaachisuudha. Kana caalatti ammoo, namoonni garajabeenyaan nama ajjeesan seeratti hin dhiyaatan jechuun yeroo biraatis gocha badii irraa akka ufhinqusanne isaan taasisa, gidiraa gara funduraaf haala mijeessa. Namni Oromoo ajjeesu fi doorsisu gatii guddaa kan kaffalu ta’uu, jala deemtuu hanga Abbaay Tsahayyeetti kan jiran hundi akka beekan, hujiidhaan hubachiisuu qabna. Gumaa nama 140 baasuu irraa boqachuu miti namni  tokkos yoo nurraa ajjeefame gara gumaa baafachuutti ol guddachuu qabna. Yeroon teennee yeroo eeggannuu fi booyaa jiraanu dabreera.

Dhimoonni kan hidhame hiiksisuu fi worra Oromoo ajjeessan seeratti dhiyeessuu kuni waan salphaa miti. Oromoo akkas sodaa haqatee fi tokkummaan dhaabateef wanti ulfaatu tokko hin jiru. Maaster Pilaanii Finfinnee TPLF woggoottan hedduuf gorora itti buufte ‘dhaabsisuu’ kan danda’e humnuma kana ta’uu yoomuu dagachuu hin qabnu.

Bulchiinsa Agaaziin itti taphatu jala Oromoon nagaa fi tasgabbiin hin jiraatu

Yeroo kanatti Oromiyaa kan bulchaa jiru humna Agaaziiti. Woraanni akkas Oromiyaa dhuunfachuun salphachuu Muktaarii fi Abbaaduulaa qofaa irratti hin daangayu. Oromoon qe’ee isaa irratti nagaa fi tasgabbiin jiraachuu irratti duumeessa rakkoo guddaa uumeera. Ummataa gabaa baye shororkaan bittinsu, humni Agaazii. Barattootaa mooraa barnootaa keessatti gidirsu. Daandii irratti, muka keessatti ummata ajjeesu. Shororkaa daangaan maletti babal’isu. Wobii jireenyaa nu dhabsiisu.

Haala Oromiyaan humna Agaazii jalatti kufte kana keessatti, nagaa fi tasgabbiin jiraachuu gufuun guddaan mudateera. Hanga humni kuni ganda jireenyaa, mana barnootaa, magaalotaa fi baadiyaalee Oromoo kessatti maandheffatetti ajjeechaan, hidhaa fi gidiraan tasa hin dhaabatu. Kallattiin qabsoo keenyaa inni tokko humni woraanaa nurraa akka ka’u gaafachuu fi falmachuu irratti qaba xiyyaafachuu. Mootummaan kana raawwachuuf mitii dhagayuuf qophii miti.

Muuxxannoon ganna 25 kan hundatti mul’isu mootummaan Itoophiyaa kan mataa jabaatuu fi ummata tuffatu ta’uu isaati. Kana jechuun gaafilee asii olitti kaayaman kana deebsiuudhaaf yoomuu qophii akka hin taane ni hubatama. Dirqamsiisuun ammoo hujii keenya. Qabsoon baatii lamaan darbanii kan ifa godhe garuu, Oromoon tokkummaa cimsatee fi sodaa onnee isaa keessaa haqate waan gaafate argachuu kan danda’u ta’uu isaati.  Qabsoon eegalle hadhooftuudha. Ta’us, gaafilee bu’uuraa gaafachuu fi mirga keenyaaf dhaabachuun dirqii ta’a. Mootummaan kuni hollatee fi sodaatee jira. Kana irratti, Oromoon tokkummaa argachuu fi qabsoon isaa ijaa fi gurra addunyaa hawachuun hirriba isaan dhabsiisee jira. Haalli kuni, itti fayyadamuu dandeenna taanaan, injifannoodhaaf haala nuuf mijeessaara. Yeroon qabsoon cimee itti fufuu qabu, yoomuu caalatti, ammaa. Ajjeechaa fi ukkamsaa baqachuun injifannoo hanga ammaa dhiigaan arganne gatachuu hin qabnu. Qabsoo jalqabaa, gidiraan hammaateef duubatti gugachuu lagachuu fi qaanfachuu qabna. Gatii amma kaffalle irratti waa daballaan deebii gaafii keenyaa argachuu fi hawwii ganna 25 dhugoomfachuun ni danda’ama.

Qabsoon itti fufa!