Ootizimiin daa’imman haawwotii umrii 20 gadiifi 40 olii irraa dhalatan irratti hedduminaan mul’ata

Balaan daa'imman haawwotii umriin 20 gadiifi 40 olii irraa dhalatan ootizimiif saaxilamuu guddaadha

Ootizimiin ‘autism’ dhibee guddina sammuu daa’immaniiti. Dhibeen kuni gufuu jireenyaafi guddina daa’immanii afoo dhaabateedha: dhihaafi bahattis. Dhibeen Ootizimii (autism) hangamuu yaaddessaa ta’us dawaa wonti jedhamu hanga ammaatti bira hingayamne. Ootizimiif sababa ta’uu hinoolle jadhamanii kanniin qorattootaan qubni itti akeekamaa ture sanyiifi naanoodha: ootizimiin sanyii irraa kan dhaalamuufi naannoo irraa waan dhufuu ta’uu hinoolle jedhamee amanama.  Dabalataan,  sababa rakkoo ootizimiif daa’imman saaxiluu ykn carraa ootizimiif saaxilamuu ol kaasuu malu barre jedhu qorattoonni.

Qorannoon daa’imman miliyoona 5.7 kanniin bara 1985 – 2004 jiddutti dhalatan irratti, biyya 5 keessaatti, geggeeffame kan akeeke umriin dubartiin takka (abbaas ni ilaallata) daa’ima itti dhaltu carraa daa’imni tokko ootizimiif saaxilamuu irratti dhiibbaa kan qabu ta’uu isaati.  Qorannoon barruu Journal Molecular Psychiatry irratti maxxanfame akka ifa godhetti daa’immani haawwotii umrii 20 gadi jiraniifi kanniin umrii 40 ol jiran irraa dhalatan kanniin haawwotii umriin 20 – 40 jidduu jiran irraa dhalataniin yoo wolbira qabamu balaan isaan dhibee ootizimiif saaxilamuu hedduu guddaadha.

Rakkoon daa’imman abbaa umrii mana 50 keessa jiru irraa dhalatan ootizimiif saaxilamuu isaan abbaa umrii mana 20 keessa jiru irraa dhalataniin wolcinaa yoo qabamu %66 ol ka’aadha. Bifuma wolfakkaatuun, carraan ijoolleen haawwotii umriin 20 gadii irraa dhalatan kanniin haawwotii umriin mana 20 keessa jiru irraa dhalataniin yoo wolbira qabamu, hireen ootizimiif saaxilamuu,  %18 caalmaa argisiise. Maatiin lamaanuu umrii xiqqaa (20 gadi) ykn umrii guddaa (40 oli) qabaachuun carraan ootizimiif daa’imni isaanii saaxilamuu daran akka ol ka’u kan godhu ta’uu isaati qorannoon kuni kan ifatti mirkaneesse. Daa’imman hawwootii umrii xiqqaafi guddaa qaban irraa dhalatan irra jireessatti dhibee ootizimiif kan saaxilamaniidha jechuu akka hintaane qajeelatti hubatamuu qaba.

Fayyaa haadhaatiifis  ta’ee kan ijolleetiif ulfaafi dhaluun yeroo isaatti ta’uu kan qabu ta’uu isaati kan qorannoon kuni akeekuu yaale.

Sadarkaa addunyaatti namoota 1000 keessaa namni hanga 2 rakkoo ootizimii kan qabu ta’uu isaati kan himamu. Akka ragaaleen bara 2014 addeessanitti daa’imman Ameerikaa keessaa %1.5 rakkoo ootizimiif kanniin saaxilamaniidha. Rakkoon kuni dubra irra dhiira irratti kan baay’innaan mul’atu ta’uunis beekameera. Kuni hundi maaliif akka ta’e ammatti wonti beekame hinjiru. Waa’ee ootizimii gadi fageenyaan beekuuf qorannoon akkuma itti fufetti garuu.

Ootizimiin dhibee guddina sammuu daa’immanii gufachiisuudha. Daa’imman rakkoo kana qabaachuun isaanii kan hubatamu irra jireessatti yeroo isaan umrii 2 – 3 jidduu jiranittti. Daa’imman ootizimii qaban guddina sammuutiin boodatti harkifatan, afaanis dafanii hinbanatan. Namoota dhibee ootizimii qaban jireenya hawaasummaa keessatti danqaa guddatu isaan mudata.