OMN dogoggora ABO irraa barachuu qaba

Jaarmaya ABO keessa rakkoon jiraachuu mallattooleen agarsiisan mul’achuu erga eegalanii bubbuleera. Yoo xiqqaate woggaan 15 dabreera. Namoota tokko tokoof kun kan ife woggaa heddu dura ture. Akka carraa ta’ee, hedduu keennaaf kan bariite, rakkoon odeeffamaa ture kan nutti mul’ate kaleessa. Erga waa heddu galaafatamanii; erga waa cufti sadarkaa suphuun hin danda’amne irra gayee booda.

Gara jalqabatti rakkoon jiraachuu kan arge nama hundaa miti. Worri arges hundi ifatti bayee rakkoon jiraachuu dubbachuuf onnee hin arganne ykn haalli hin hayyamne. Worri gara jalqabaatti rakkoon jiraachuu isaa ifatti dubbatan rakkoo garagaraaf saaxilaman. Oromummaa fi sabboonummaa mulqaman. Hedduu isaaniitti maqaa ergamtoota diinaa, gantoota ykn ayyaan-laallattoota jedhutu maxxanfame. Kan kana godhaa ture worruma jaarmaya keessatti hafee fi ummata gara jalqabaatti rakkoon jiraachuun itti hin mul’anne ture. Hanga har’aattis, woggaa heddu booda, namoonni qabsoon Oromoo fi ABO’n rakkoo akka hin qabneetti odeessanii fi kan odeeffamu hundi olola diinaa fi diigduuti kanniin jedhan jiru. Haala akkanati kan namni dhugaa akka hin dubbanneef hamilee cabsu; rakkoo osoo argan afaan qabatanii akka jiraataniif isaan dirqisiisu. Tokko tokko ammoo, yaaddoo qabsoon Oromoo ni gaaga’amti, Woyyaaneen nutti kolfiti jedhuuf ukkamamanii jiraachu flatan. Kana jechuun hedduun namaa rakkoo dibee, dhaloota itti aanutti dabarsee, bira dabre jechuudha. Oromoof dhaabachuun ykn falmachuun bifa kana qabaachuu irra hin turre, garuu.

Rakkoon woggoottan hedduuf dibamee bira dabrame yoo gadi bayu balaa maal akka qabaatu Oromoo caalatti kan bare jiraachuun isaa shakkisiisaadha. Worra woggaa 15 dura rakkoon jiraachuu yoo itti himamu fudhachuuf rakkatu, kan har’a ABO bakka saddeetitti baqaqe balaaleffatu; dhagaanis darbatu. Hara’a maqaa hooggana kaleessa akka gootaatti ilaalaa ture hunda kan lagatu. Hedduun namaa jaarmaya fi hooggansa isaa tuffatee qabsoo keessaa harka fudhate. Oromoof kufaatiin kana caale hin jiru. Burqaan rakkoo kanaa jaarmayumaa fi hoogansa isaati. Ta’us, worri sababa addadada tarreessuudhaan rakkoon ture akka hin kaanee, yeroodhaan fala akka hin arganneef carraaqaa turan, akkasumas namoota rakkoo kaasan xiqqeessaa fi xureessaa turan gaaga’ama qabsoo Oromoo mudate keessaa harka hin qabnan jechuun hin danda’amu.

Rakkoon kuni osoo jalqabatti, irra diddibuun hafee, ifatti dubbatamee, rakkoon jiraahcuuun amanamnee fudhatemee irratti hojjatamee har’a qabsoo fi jaarmaya keenna hallayyaa kana fakkaatu keessatti hin arginu ture. Hundi kan beekuu qabu, rakkoo qabsoo keessatti nu mudataa turan dibuudhaanis ta’ee wakkachuudhaan Oromoos ta’ee jaarmaya jaalannu rakkoo itti dhidhiman keessaa dhiibnee  baasuu hin dandeenne. Jaarmayaa fi hooggana jaalannutti dhugaa dubachuu dadhabuudhaan hunda dhiibnee hallayyaa rakkoo cimaa kan buufne. Duruunfannee hoogganaa fi jaarmaya keenna dhiibbuudhaan saba kana miine. Beekaas ta’ee wollalaan kana godhu kennaana danata diina keenna tiksine. Dantaa Oromoof  waardiyaa ta’uu yoo kan feenu ta’e onnee fi sammuu, rakkoo keessaa fi alaa, kan hooggana keennatti hin mul’annes dabalatee, ittiin hoggana keennatti agarsiisnuun qabaachuu qabna.  Kan ABO irraan geenne barnoota nuuf ta’a yoo ta’e.

Bakka ibiddi hin jirretti aara hin argan. OMN rakkoo guddaa keessa seeneera jedhanii jala sararuun ammatti rakkisaa ta’uu mala. Garuu rakkoon, keessumattuu inni bulchiinsaan wolqabate, jiraachuu wantoonni agarsiisan yeroo yerotti baay’ataa dhufaniiru. Woggaa sadi keessatti namoonni haganaa jaarmaya kaayyoo isaatti amananii itti seenan gadi dhiisanii bayuun waan akka salphatti ilaallamuu miti. Akka adaa ABO keessa tureetti diddibaa fi rakkoo jiran isa biraatti dhiibaa bira dabruun filannoo fi tooftaa keenna yoo ta’e malee. Adeemsi akkasii ABO hallayyaa buse. Carraan ABO, OMN’n akka mudatu arguu hin feenu. Kun kan dhugoomu hawwii qofaanii miti. Rakkoo ABO’n keessa gangalataa dhufe irraa baruudhan.

Kan nama wolhinfalmisiisne, woggaa sadi keessatti namoonni heddu OMN keessaa bayuu isaaniiti. Hojjattoonni dafaa dafaa jaarmaya tokko gadi dhiisuun addunyaa kamuu irratti mallattoo rakkooti. Kan Oromoo (OMN) adda ta’uu hin danda’u. Akkamitti ykn maaliif namoonni kuni hundi OMN keessaa bayaniin  dhimma baay’ee wolnama mormisiisuudha. Isa bira haa dabarru. OMN keessaa namoonni baay’inaan bayuun, dhugaa jalaa ija duruunfanna, gurra cufanna yoo ta’e malee,  akka agarsiisa rakkoo keessaa OMN’n qormaataa jiruutti fudhachuu qabna. Akkuma ABO godhaa turee fi jiru rakkoo mumul’atu hunda dhoksuu ykn sadarakaa isaa xiqqeessuu irratti yoo kan bobbaanu ta’e, dogoggora dabre irraa waa barachuu keenya gaafii keessa galcha. Arraba dhugaa hadhooftuu dhadhamu qabna yoo ta’e, yeroo hunda OMN fi bulchiinsi isaa sirrii, yeroo hundaa ammoo dogoggorrii kan namoota OMN keessaa bayanii fi qeeqanii ta’uu hin danda’u. As bira, makmaaksi Oromoos jira. Yoo OMN’f hin hojjatu jechuu baanne.

Falamaa adeema jiru keessatti namni OMN balleessuudhaaf duual bane jiraahcuun isaa shakkisiisaadha. Dhugaa fi oduu wolrukutuudhaaf geggeffamu qalbii tasgabboofteen gargar baasu qabna. Qabsoon kan godhamaa jiru garee akkaataan OMN itti geggeeffamaa jiru sirraayuu qaba jedhuu fi kanniin haalli OMN ittiin geggeeffamaa jiru rakkoo qabaachuun isaa itti hin mul’anne jiddutti. Yoo wol moo’achuudhaaf jennee dhugaa kan hin jallisne ta’e, dhugaan jirtu tanuma. Rakkoon guddaan jiru rakkoo waa hubachuuti. Mallattooleen rakkoon jiraachuu agarsiisan, isaan obboroo suni, nama hundatti waan mul’ataatii miti. Heddun namoota keenyaa gara galgala, yeroo gabaan adda galuudhaaf kaloofte, dammaqu. Yeroo sannitti, daqiiqaa dhumaatti, waan bade sirreessuun waan akka laayyootti ta’uu miti. Dhuma irratti namootaaf kan salphatu sirreessuu osoo hin taane isii hafte jaamsuudha- hunda qeequu fi balaaleffachuu. Sochiin erga gabaan addaan galtee ABO cimsuudhaaf taasifame akka hin milkoofne argina.

OMN fi qabsoo Oromoo dadhabsiisa, ammas diina nutti kolfisiisa jennee rakkoolee jiran irraa dubbachuu fi haqa irra dhaabannee fala barbaaduudhaaf tattafachuu irraa uf qusachuu hin qabnu. Rakkoon har’a xiqqeessinuu fi dibnee bira dabruudhaaf carraaqnu hidda godhatee, babal’atee boru gadi baanaan Woyyaanee fi Habashaa qofa osoo hin taane addunyaa guutuu nutti kolfisiisa. Hunda caalati, hayyootaa fi jaarmayaalee Oromoo hunda irraa gara abdi dhabuutti nu geessa. Lammata jaarmaya fi hayyoota Oromoo akka hin amanne nu taasisa. Kuni balaa guddaadha.

OMN akka lubbuun jiraatu qofa osoo hin taane qabsoo bilisummaa keessatti shoora gudda akka taphatu yoo kan feenu ta’e, rakkoo jiran hunda har’uma sirreeffataa fi dogoggora addaddaa irraa barataa akka deemuuf dhiibbaa wolirraa hin cinne godhuu qabna. Diigamuu miti dadhabuu OMN kan hawwu hin jiru. Qeequun ykn rakkoon jiraachuu dubachuun OMN rakkina irraa baraaruudhaaf malee rakkinnati naquudhaaf miti. Ifatti gadi bayanii dubbachuus kan fidu, yeroo heddu, keessaan yoo itti himamu hooggansi jaarmaya addaddaa fudhachuu diduudha. Rakkinnatti OMN’n naquun rakkoon osoo jiru arguu dadhabuu fi yoo itti himamus fudhachuu diduudha. Hubadhaa, jaarmayaa fi hooggansi dhiibbaan ummataa irra hin jirre hin milkaayu. Tasa bakka yaadame hin gayu. Jaarmayaa fi hoogganoota kan sirreessu, yoo maqaan kan daanditti deebisu ummata. OMN’n cimsuun gumaacha maallaqaa qofaan miti. Gumaachi yadaas hedduu barbaachisaadha. Hamilee woliif laatuun waan gaaridha. Yoo rakkoon jiraates wolqeequu fi bakka rakkoon jirtu wolitti agarsiisuun fayyaa jaarmaya tokkoof baay’ee murteessaadha. Rakkoo dibaa fi ufirraa dhiibaa imaluu caalaa kan akka rirmaa jaarmaya nyaataa kuffisu hin jiru.