NASA’n suuraa ardii fageenya miliyoona km 1.6 irraa kaasuu danda’eera

Saatalaayitiin tuni too’annaa obonboleettii aduuf yaadamteeti kan garasitti ergamte

Suuraa lafaa fageenya km mil 1.6 irraa

Instiitiyuutiin Qorannoo Samii Ameerikaa (NASA) yeroo jalqabaatiif surraa ardii fageenya km miliyoona 1.6  irraa kaasuu danda’e. Suuraa kana kaastee gara ardiitti kan ergite saatalaayitii Deep Space Climate Observatory (DSCOVR) jedhamtuudha. Leensiin kaameraa saatalaayitii kanaa cinaa ardii teenyaa (naannoo Ameerikaa Kaabaafi Kibbaa) guutummatti argachuu danda’eera.

Saatalaayitiin tuni ammatti kan jirtu hewaa keessa fagaattee idoo harkisni lafaa baa’yee tasgabbaa’aa ta’e Lagrange Point 1 jedhamuudha.

Suuraan fageenya km miliyoona 1.6 irraa kaafame kuni duumessa ardii akka gaaritti argisiisuu bira ce’ee gammoojjiiwwan, laggeeniifi qarqara galaanaa ifatti mul’isuu danda’eera. Suuraan DSCOVR kaaste kuni qorannoo dabalataaf gumaacha guddaa kan qabu ta’uu isati kan qorattoonni NASA ifa godhan.

Saatalaayitiin tuni too’annaa obonboleettii aduuf yaadamteeti kan garasitti ergamte. Akka ibsa NASA tti saatalaayitiin tuni jijjiirama ardiifi atmoosferii guyyaadhaa guyyatti akka too’atan ykn faana bu’an isaan dandeessisti. Qindoomina dhaabbilee Ameerikaa saditu (NASA, NOAA fi Humna Qilleensa Ameerikaa) kaayyoofi karooraa saatalaayitii tana garasitti erguu dhugoomse.

Seenaa suuraa ardii samii keessaa kaasuu

Lafti samii irraa gadi yoo ilaallamtu maal akka fakkaattu dhallinamaa yeroo jalqabaaf kan arge bara 1946. Suuraan laafaa suni kan ka’e ol fageenya km 100 irraa waan tureef naannoo murtaayeen alatti naannoo bal’aa kan ammateefi argisiisu hinturre.  Suuraan suni kophaa isaatti marma lafaa ifatti argisiisuudhaaf gayaa  ture.

Suuraa ardii Apollo 17 bara 1972 kaaste
Suuraa ardii Apollo 17 bara 1972 kaaste

Suuraan ardii inni lammafaa, tarii suuraan seenaa dhala namaa keessatti hedduu tamsa’ee argamu, isa bara 1972 xayyaarri samii Apollo 17 jedhamtuun lafarraa fageenya km 45,000  fagaattee kaaste ture. Keessumatti suuraan inni lammaffaa kuni yaadaafi hubannoon ilmni namaa ardii teenyaaf qabu gama tokkotti akka luucca’u godheera jechuun nidanda’ama- lafti diriirtuu osoo hintaane kubbaa kan fakkaattuudha.