Jireenyatti milkaayuu fi milkaayuu dhabuu kan murteeessu amala malee sanyii namaa miti

Namoonni milkii guuddaa galmeessisan amala addaa malee jiinii addaa hinqaban

Hojjadhee naaf hindabru jedhaa cinqamtuu?Barnoonnis naaf hinta’u jedhaa jeeqamtuu? Namoonni dalagaanis ta’ee barnootaan milkaayan sanyii ‘jiinii’ addaa qabu jettanii amantuu? Irra deddeebi’aa yaadaa. Maaliif milkaayuu dadhabeef osoo obsa hin fixatin fala barbaadaa.

Namoonni diinagdee, barnootaafi jireenyaan milkaawan uumamaan kaanniin biroon addaa miti. Wonti adda isaan godhu jira, garuu. Amala isaaniiti. Namoonni kunniin amala addaa qabu. Hedduun isaanii ulaagaalee 8 asii gaditti  tarreeffamaniin hoogganamu. Isaan jala masakamu. Nutis amala kanniin dhaaluuf carraquu qabna, milkii brbaanna taanaan.

Isinis  yaalaa. Wonti hinmilkoofneef…haalli keessa jirtan hingeeddaramneef tokko hinjiru.

  1. Wonti sagantaan ala hojjatamu hinjiru

Namoonni hojii sona qabeessa, boonsaa hojjatan maal akka hojjataniifi yoom akka hojjatan dursanii beeku. Karooraa qabu, isa jalas masakamu.  Halkan yaadaa bulanii…hirribaa olka’anii wonta hojjatamuun milkiin guddaan hinargamu. Jireenya keenya haakaroorfannu…akka dirree milkiitti baanu.

2      Hujiifi bakki hujii isaaniis qindoomina qaba

Worri jireenya keessatti milkaayan waan ufii kaayan hindagatu…barbaadanii argachuun yeroo itti hinfudhatu. Kanniin qindoomina hinqamne waan barbaadan hinargatan…kanaafi san barbaachatti yeroo heddu galaafatan.  Yerotti dhimma bahuun bu’uura milkaayinaati. Anshaaggaan tasa dalagaa keenna keessarri maandheffachuu, jireenya keenya keessatti mana ijaarachuu hinqabu.

3      Dhimmoota murteessaf dursa laatu

Isa jalqaban osoo hinrawwanne kan biraatti hintankaarfatan. Kanniin baay’ee barbaachisaa ta’aniif dursa laatan- worri milkii. Namoonnni heddu waan jalqaban jiddutti kutanii yaadaafi ijanis gara biraatti ce’an. Namoonni milkii gurguddaa galmeessisan aadaa akkasii hinheddummeessan. Kan qabde geessiin nidursaa…san booda kan biraa itti aansaa.

4.  Waan hojjatan irratti hedduu xiyyeeffatu

Heduun keenna altokkotti waan heddu raawwachuu kan dandeennu ufseena. Namoota tokko tokkoof kuni dhugaa ta’uu nidanda’a. Isaanumaafuu yeroo tokkotti waa heddu irratti  bobba’uun akka yoo wan tokko qofa dhiibaniitti itti hinmilkaayan. Waan tokko irratti xiyyeefachuun waan hojjataaran gadi fageenyaan hubachuufi  dhimmicha guutummaatti too’annaa jala galfachuu nama dandeessisa. Qalbii guutuun waan hojjatan duukaa bu’uun  milkiif haalaan barbachisa.

5. Wonti hojjataaran akkamitti akka daran fooyya’uu qabu irratti yaadu

Tasa waan hojjatanitti hinquufan. Gahe, kanarra hinfooya’u  hinjedhan. Daran bareechuuf dadhaban; sahuu akkamitti fooyyeessa yaada jedhuun qabaman.  Karaan daran waan hojjadhaaru kana ittiin fooyyessuu danda’u jiraa laata jedhanii ufgaafatan. Yoomuu waan hojjatan kan ittiin daran fooyyessan heddutu jira.

6. Daqiiqaa 60 – 90 wolitti dhaabanii hojjatu. San booda boqannaa fudhatu

Namni maashinaa miti. Qamaafi samuun boqonnaa barbaada…hara galfannaa gaafata. Namoonni milkii gurguddaa addunyaa kana irratti galmeessisan hedduun sa’aa 1 irraa hanga 1 1/2 wolitti dhaabanii hojjatu. San booda daqiiqaa murtaayeef hara galfatu. Yeroo boqonnaatti sammuun hara galfata…qaamnis anniisaa dabalataa argata.

7. Email, facebookfi bilbilaatti karooraan dhimma bahu

Gadaa intarneetii kana hedduun keenya emailfi facebook dubbisuufi deebisuun yeroo heddu galaafanna. Bilbilas sagantaan ala dhimmma itti baana. Namoonni milkii kana hingodhan; waa cufa karooraan geggeeffatan. Guyyatti si’a 3 email, facebookfi SMS dhimma bahu : ganama, waareefi waaree booda. Guyyaa guutuu irra ooluun isaaniif hintahu. Wolumaa galatti waan yeroo isaanii gubu ykn yeroo dheeraa irraa fudhatu addaan baasanii beekuudhaan ufirraa hir’isu.

  1. Waan isaan jeequ ufirraa hir’isan

Nama waa hojjatu waa heddu kan jeequ. Kanniin keessaa bilbilli, balballi qu’amuufi xalyan email banamuun. Namoonni milkii goonfatan dhimmoota hujii irraa isanii jeequ irraa fagaatan…kanniin xiyyeeffannaa isanii hatan hundatti balbala cufan. Hojjatanii milkii kan argatan, yoo waan nama jeeqan irraa fagaatan. Haalli mijaawaan hojii nama dandeessisu uumamuu qaba.