Muummee Ministeraa ta’uudhaaf kan Lammaa Magarsaa irra muuxxannoos ta’ee dandeettii qabu hin jiru

Sababa kamiifuu Lammaa Magarsaa dirqama kana baadhachuu yoo dadhabe Dr. Abiyyi Ahmad muummee ministeraa taúudhaan beekumsaa fi muuxxannoo gayaa qaba.

Biyyoota heddu keessatti kaadhimamaa pirezidaantii/muummee ministeraa taánii dhiyaachuudhaaf akka muuxxannoo cimaatti kan ilaallamu tokko muuxxannoo naannoo bulchuu qabaachuudha. Seenaa keessatti pirezidaantii Ameerikaa heddu (Bil Kiliintanii fi Joorji Buush dabalatee) bulchitoota naannoo turan. Biyya hindii keessattis akkasuma. Hindi, Braziil, Iraan, Xaaliyaanii fi biyyoota biraa keessatti kan taáa ture isuma kana.

Sadarkaan isaa wolhaacaaluu malee pirezidaantiin naannoo hujii isa kan pirezidaantiin biyyaa hojjatuun wolfakkaatu hojjata. Pirezidaantiin naannoo hoogganaa seektara diinagdee, fayyaa, qonnaa, tika nagaa, siviil sarvisii, barnootaa fi kkf tuuti. Pirezidaantiin naannoo yoo gara pirezidaantii biyyatti ol guddate waanuma dura hojjataa jiru sadarkaa ol’aantatti hojjata jechuudha. Garuu, ministerri tokko kan hoogganu seektara tokko qofa. Muuxxannoo fi kallattiin xiyyeeffannaa miseensa paarlaamaa tokkos seera tumuudha. Beekaan ykn hayyuun tokkos muuxxannoo seektara hundaa qabaachuu hin dandaú. Garuu, baruu hin dandaú jechuus miti. baruun yeroo gaafata. Muuxxannoo qabaachuu dursanii hujii san keessa darbuun wolqabata. Haalli qabatamaan amma Itoophiyaan keessa jirtu waa baruuf kan yeroo namaa laatuu miti. Nama muuxxannoo roga hundaa qabuudha kan mummee ministeraa taúun irra jiraatu.

Lammaa Magarsaa afyaa’íi Caffee Oromiyaa ture. Sana booda pirezidaantii Oromiyaati. Pirezidaantii Oromiyaa taúun waan salphaa miti. Pirezidaantii Oromiyaa taúun wolakkeessa Itoophiyaa (gama diinagdee fi ummataatiinis) bulchuu jechuudha. Lammaa Magarsaa woggaa tokkoo oliif Oromiyaa haala abdachiisaa taéen bulchaa tureedha. Hujiin gaariin inni eegale Oromiyaa bira darbee ummata guutuu biyyattii biratti akka urjii abdiitti ilaallamaa jira. Dhugaa kana kan haalu Woyyaanee qofa. Sababa kamiifuu Lammaan yoo dirqama kana fudhachuu dadhabe, bakka kanaaf gahumsi Dr. Abiyyi Ahmad kan Woyyaanota hundaa ol yoo ta’e malee kan isaanii gadii miti.

Mallas Zeenaawiin muuxxannoo biyya bulchuu miti kan mataa Itoophiyaatti isa baase. Muuxxannoo osoo hin taane Mallas Zeenaawiiti Haylamaaramiin harkisee Kiiloo 4 kan geesse. Akkuma woggoottan darban keessatti argaa turre sirni Woyyaanee yeroo hunda nama muuxxannoo, beekumsaa fi ilaalcha dimokraatawaa taé qabu osoo hin taane nama dadhabaa, dhamaa fi farra dimokraasii taé kan ummata irratti feú. Nama sammuun isaan caalu arguun isaan dhukkubsa. Nama dimokraasii fi wolqixxummaa sabootaatti amanu arguun hirriba isaan dhabsiisa. Ammas, hawwiin isaanii nama doomaa ykn ergamtuu gara barcuma muummicha ministeratti as fiduudha. Jaarraa isaan waan barbaadan saáa barbaadanitti raawwachuu dandaán sanitti aduun dhiyaa jiraahcuu hubachuu qaban.

Isan dantaa isaaniitiif jecha wixxifatu. Roorroo itti fufsiisuudhaaf Lammaa afoo dhabatu. Dantaa Oromoo fi Itoophiyaaf ammatti namni Lammaa caalaa abdiin irratti gatamu hin jiru. Waan Oromoo fi Itoophiyaaf taú kan murteessu Dabratsiyoonii fi kittillayyoota isaa osoo hin taane ummata haqaa fi wolqixxummaaf qabsaayaa jiruudha. Kuni akka dhugoomuf qabsoon keessaa fi alaa finiinu qaba.