Mormiin barattootaa Oromiyaa keessa oo’aa fi babal’ataa deemaara

Ibiddi mormii Amboofi Gullisootti qabate gara godinootaa fi maagaalota Oromiyaa addaddaatti tankaarfate

Qaanqeen mormii naannoo Amboofi Gullisootti qabsiifame, wolirraa qabataa gara godinootaa fi maagaalota Oromiyaa addaddaatti tankaarfataa dhufeera. Yeroo kanatti, hiriirri mormii barattoonni Oromoo kuni hanag eeggamee olitti oo’aa fi babal’ataa kan itti fufe ta’uu isaa ragaaleen kallattii hundaa bayan mirkaneessaa jiru.

Mormiin kuni erga eegalee torbee lama xumuree gara sadaffaatti tankaarftaeera. Yeroo kana keessatti lubbuun barattoota hedduu dabruu fi hubaatiin bifa addaddaa abrattoota irraa gayaa kan jiru ta’uu kanniin dhimmicha hordofutti jiran ragaa bayaa jiru. Mormii barattootaa kana irratti barattoonni heddu hubamuun gabafameera. Guutuu Abarraa fi Karaasaa Caalaa (lamaanuu Gullisotti), Eebbisaa Mabraatu (Fincaa’aa), Muraad Abdii (Haramaayaa), Baqqalaa Sabbooqaa (Mugar), Gazaahign Oliiqaa, Dajanee Sarbeessaa, Miftaah Juneeydiin fi Dabalaa Tafaa barattoota sochii kanarratti woregamuun isaanii mirkanaayeedha. Kanniin madaayanis heddu. Namoonni meeqa akka hidhaman ammatti wanti beekame hin jiru. Muuxxannoo woggoottan dabaranii irraatti hundaayuun, amala mootummaa Itoophiyaa jechuudhaa, kan jechuun danada’au namoonni heddu mana hidhaatti guuramuun isanii kan hin hafne ta’uu isaati.

mormii barattootaa (2)Mormiin barattootaa naannoo Oromiyaa keessa babal’ataa bifas jijjiirataa kan dhufe fakkaata. Barattoonni ammatti kan gaafataa jiran waa’ee maaster pilaanii qofa osoo hin taane waa’ee dhiiga dhangala’ee fi namoota yakkaa tokkoon maletti hidhatti guurameeti. Barattoonni manniin barnootaa heddu kanniin obboleewwan isaanii ajjeessan seeratti osoo hin dhiyaanne, humni isaan shororkersuufi ajjeessu isaan irraa osoo hin kaane barnootatti kan hin deebine ta’uu ibsaas jiru.

Barattoonni Oromoo, manniin barnoota sadarkaa tokkoffaa, lammaffaa fi ol’aanaa irraa ta’an, hiriira bayuun mormii dhaggeesisuun alatti hubaatiin namas ta’e qabeenya irraan gayan kana jedhamu hanga ammaatti kan hin jirre ta’uu isaati kan maddi keenya ibse. ‘Barattoonni mormii nagaa fi sirna qabeessa irratti bobba’anis, mootummaan humna hidhateen isaan ajjeessuu, shororkeessuufi sochii isaanii qaamota garagaraan wolqabsiisuu hin dhiisne,’ jedhe namni maqaan isa akka hin dhayamne gaafate tokko.

Ammatti godini Oromiyaa qilleensi mormii keessa hin bubbisne jira hin fakkaatu. Ambo, Gullisoo, Haramaayaa, Roobe, Jimmaa, Ciroo, Incinnii, Buraayyuu, Asallaa, Bookee Guddoo, Najjoo, Bulee Horaa, Finfiinnee, Shaashamannee, Gindoo, Nageellee, Mugar, Mogor, Dodola, Amuruu, Sululta, Adaabbaa, Naqamte, Kokkossa, Horroo fi magaalaa/aanolee hiriirri keessatti geggeeffame keessaa isaan muraasa.

Yunivarsiitota naannoo Oromiyaan ala ta’an kanniin akka Arbaa Minci, Dillaa fi Maqalee keessattis osoo hin hafine barattoonni mormii maaster pilaanii fi deeggarsa obboleewwan isaaniif qaban bifa addaddaan dhaggeessisanii jiru- afaanii fi mata gadi qabachuun mul’isaniiru.

Mormiin kuni babal’ataa fi bifa gegeeddarataa deemuudhaan gara mormii hunda ammatee fi gafii Oromoo isa bu’uuraa qabatetti jijjiiramaa jira kanniin jedhan jiru. Naannoo addaddaatti jiraattoonni gaafii barattootaa qabatanii barattoota bira dhaabbataniiru. Akka fakkeenyaattis, Gulliso, lafa baratoonni lama itti ajjeefamanitti ummanni bulchiinsa gandaa buqqisuudhaan bulchiinsa yeroon bakka buusuun isaa gabaafameera. Bifuma kana fakkaatuun, jiraattonni nannoo daanii Finfinnee fi Wolisoon, akkasumas Finfinnee fi Goojamiin wolqunnamsiisu cufuun gabaafameera. Kuni hundi seenaa qabsoo barattoota Oromoo keessatti boqonnaa haarawa.

Mootummaan hiriirri mormii naannoo Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiraachuu amanee, ammatti du’an kan jedhe barattoota 3 qofa ta’uu ibseera. Sochii barattootaa kanaafis sababa kana ta’e, akkuma kana duraa, ‘humnoota farra nagaa’ jedhetti quba qabeera. Yaaliin mootummaan naannoo Oromiyaa barattoota sodaachisuu fi sochii isaanii dhaamsuuf godhe hanga ammaatti bu’aa tokkos kan argamsiise hin fakkaatu.
fincila

Humnoonni mirga namaaf falman kanniin akka Human Rights Watch mootummaan humnatti fayyadamuudhaan mormiifi gaafii barattoota ukkaamsutti jira jechuun ibsa balaaleffanaa baasaniiru. Miidiyaaleen addunyaas waan Oromiyaa keessatti ta’aa jiru kanaaf xiyyeeffannaa laatuu kan eegalan fakkata.

Erga mormiin kuni eegalee miseensonni OFC baay’een reebamaa fi mana hidhaatti guuramaa kan jiran ta’uunis barameera.

Ummata Oromoo biyya keessatti ajjeefamuufi hadhaa iirree mootummaa dhadhamuuf birmachuufi, ammas rakkoo Oromoo xiyyeeffannaa addunyaa akka argatu gochuuf Oromoonni biyyoota addunyaa garagaraa keessa jiraatan hiriira mormii geggessaatiin jiru.