Mootummaann wixinee seeraa dantaa Oromiyaan magaalaa Finfinnee irraa qabdu ni tiksa jedhe labse

Wixineen magaala Finfinnee kuni buáa qabsoo hadhaayaati. Kan hafe kan guutamu yoo Oromoon cimee mirgaa fi haqa isaaf falmateedha.

Mootummaan Itoophiyaa wixinee seeraa dantaa Oromiyaan magaalaa Finfinnee irraa qabdu ni tiksiisa jedhe baasu isaa beeksise. Seerri dantaa Oromiyaan magaala Finfinnee irraa qabdu, heera biyyattiin akeekame,  akka bayuuf gaafii fi dhiibbaan godhamus, wixineen seeraa kuni woggaa 20 booda yeroo jalqabaaf kan dhugoome. Qabsoo hadhaayaa, isa 2016s dabalatee, Oromoon yeroo dheeraadhaaf godhaa tureedha kun akka dhogoomu kan taasise.

Wixineen seera kuni dantaa Oromiyaa ni tiksu kan jedhe qabxiilee tokko tokko ufkeessatti ammateera. Akka fakkeenyaatti, magalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa wolqixa tajaajila laatu. Maqaan Finfinnee fi Addis Ababa jedhu seeraan wolqixa hujii irra oolu. Gama biraartiin, akka wixinee seeraa kanatti, seerri kuni hujii irra oolee yeroo baatii 6 hin caalle keessati daangaan Finfinnee fi Oromiyaa sararamuu qaba. Takka daangaan sararamnaan magaalaan Finfinnee dalgatti (gara Oromiyaatti) hin badhattu jechuudha. Ammas, manniin jireennaa bulchiinsa magaalaa Finfinneen ijaaraman keessa 15% Oromoof kan laatamu ykn kireeffamu ta’a. Akkasumas, teessoon mana maree Finfinnee yoo xiqqaate %25 Oromoodhaan qabama. Dabalataanis, tarsiimoon bulchiinsi magaalaa Finfinnee baasu hundi dantaa naannoo Oromiyaa kan xiyyeeffanaa keessa galche taúu akka qabu wixinee seeraa kana keessatti akeekameera.

Gama biraatiin, wixineen seera kuni wantoota ijoo tuqamuu qaban heddu osoo hin tuqin bira dabreera qeeqama jedhutu irra gayaa jira. Fakkeenyaaf, Finfinneen magaalaa Oromiyaati. Magaalaan tuni maaliif bulchiinsa woloo ykn Oromiyaa jala akka galtu akka hin godhamne ifaa miti. Ammas, Oromiyaan galii magaalaa Finfinnee irraa argamu akka qoodamtuuf hin hayyamamne.  Magaalaan tuni bulchiinsa woloo jala galuu dhabuu fi ammas galiin argamu qoodamuu dhabuun wixinicha fakkeessaa fi gowwoomsaa malee isa dhugatti dantaa Oromoo tiksiisuudhaaf kan karoorfame akka hin taane agarsiisa jedhu, kanniin wixinicha qeeqan.

Wixineen seeraa kuni gafii woggaa 20 oliif lafarra harkifataa tureef deebii quubsaa laateera jechuun tasa hin dandaámu. Xiqqaatus, garuu, wixineen kuni balbala saaqeera. Gaafii fi shakkiin namoota hedduu, muuxxannoo sirna Woyyaanee irraa kaúudhaan, hujitti jijjiiramuu seera bayuuf deemu kanaati. Lafa osoo hin gayin akkuma baratame waraqama irratti hafa sodaa jedhu qabu namoonni dubbisne tokko tokko.  Ammas wixineen seeraa kuni yoom akka seera taú hin beekamu. Dhugaan jirtu, wanti hafe kan guutamu yoo Oromoon mirga isaaf cimee fi dammaqee falmateedha.