Mootummaan Suudaan baqattoota Oromoo fi Eertiraa humnaan biyyatti deebisutti jira, jedha HRW

Koolugaltoonni Eertiraa humnaan akka Eertiratti deebifaman godhaman

Suudaan baatii Caamsaa keessa baqattoota Eertiraa 442 humnaan gara irraa dhufanitti deebisuu fi lammiilee Itoophiyaa 64 (baay’inaan Oromoo ta’uu malaa) Itoophiyatti deebi’suudhaaf mana hidhaa keessatti wolitti qabuu isiiti Human Rights Watch (HRW) kan gabaase.

Yaaliin Dhaabbanni Baqatoota Mootummoota Gamtoomaniis (UNHCR) haala namoonni hidhaman keessa jiran hubachuudhaaf godhame mootummaa Suudaaniin danqamuun isaa beekameera.

Lammiileen Itoophiiyaa (Oromoo) kumaatamatti laakkawaman woggaa woggatti du’a, hidhaa fi gidiraa Woyyaanee baqa gara Suudaanitti ce’an. Keessumattuu wanti woggoottan lamaa oliif Oromiyaa keessatti mul’ataa ture haala hammeessuun isaatu dubbatama. Mootummaan Suudaan ummata Woyyaanee jalaa dheessee kooluu isaa jalatti gale harka qabaa mootummaa Itoophiyaatti kennuun gocha fokkisaa fi seera dhabeessaadha. Woyyaanee fi mootummaan Al Bashir michummaa cimaa qabaachuun duri kaasee yaachisaa ture. Amma ammoo Gamtaan Awurooppaa koolugaltummaa Gaafa Afrikaa irraa maddu hanbsiuuf/hir’isuuf jecha maallaqa Suudaanii fi Itoophiyatti dhangalaasuun isaa haala daran hammeesse; jireenya lammiilee keennaa Suudaan keessa jiraatanii hadheesse.

Tankaarfii mootummaa Suudaan kana qeeqaa fi balaaleffannaan cimaa kallattii heddu irraa mudataatiin jira. Dhaabbileen mirga namoomaaf falman gochi mootummaa Suudaan kuni seeraa fi waliigaltee addunyaa kan cabsuudha jedhan. Mootummaan Suudaan dhiibbaa itti jiru kanaaf deebii maal akka kennu ammatti wanti beekkame hin jiru.