Mootummaan abbaa-irree Miyaanmaar filannoodhaan moo’atamuu isaa ibse

Filannoo Dilbata kaleessaa Miyaanmaar keessatti geggeeffameen mootummaan abbaa irree (bulchiinsi humna woraanaa) kumee hedduuf biyyattii bulchaa ture injifatamiinsi hamaan isaa mudatuu amane. Bu’aan filannoo hanga ammaatti labsame kan ifa taasisan paartiin National League for Democracy – NLD, Aung San Suu Kyi ‘n hoogganamu, barcuma paarlaamaa xuruuree fudhachuun isaa kan hin oole ta’uu isaati. Bu’aa filannoo hanga ammaatti labsame 16 keessaa paartiin NLD barcuma paarlaamaa 15 kan ufii taasifateera, jedha Boordiin Filannoo. Paartiin biyyattii bulchaa jiru 1 qofa kan moo’ate.

Mootummaan Miyaanmaar woggaa 25 booda yeroo jalqabaatiif paartileen mormitootaa ciccimoon, NLD’s dabalatee, akka filannoo irratti hirmataniif kan hayyame. Imala dheeraa fi obsa fixachiisaa booda paartileen mormitootaa bariin wolarguu isaaniiti kan bu’aaleen filannoo ragaa bayutti jiran. Bu’aa filannoo ammatti labsameen angawoota gurguddoo keessaa afyaa’iin paarlaamaa fi dura taa’aan paartii biyya bulchuu, Shwe Mann, danbalii paartii NLD kanaan rukutamuun gabaafameera. Innis filannoo irratti moo’atamuu isaa ifatti fudhateera.

Miyaanmaar erga bara 1960’n kaastee kan bulaa ture mootummaa bulchiinsa humna woraanaa ykn sirna abbaa irrummaa, jala.

Bara 1990 yeroo jalqabaatiif filannoon biyyattii keessatti akka geggeefamuuf bulchiinsi humna woraanaa hayyamee ture. Mootummaan abbaa irree yeroo sanitti moo’atamiinsi namudata jedhee tasa hin yaanne; ittis hin qophoofne. Kan ta’e garuu kan isaan hin eegne. Akkuma paartiin mormituu NLD filannoo moo’achuu bareen, bulchiinsi abbaa irree, bu’aa filannoo kan hin fudhanne ta’uu labse. Sana booda kan ta’e hooggantuu NLD fi hooggantoota paartilee mormituu hunda marsee mana hidhaatti guuruu ture. Filannoo bara 1990 hordofee namoota heddutu hidhame, ajjeefame, akka baqatanis taasifame. Mataan paartii NLD, Aung San Suu Kyi, woggaa 20 mana isiitti hidhamtee akka jiraattu erga taasifamee booda bara 2011 kan bilisummaa isii argatte.

Miyaanmaar mana cufattee woggoota hedduuf erga jiraataa turtee booda balbala banattee gara dimokraasiittii imala kan eegalte bara 2011. Kana dhugoomsuu irratti imaammanni bulchiinsa Obaamaa shoora guddaa taphachuu isaatu himama.Dhiibbaan mootummaan Ameerikaa yeroo dheeraadhaaf godhaa ture Aung San Suu Kyi hidhaa gadi lakkisiisuu fi paartiin NLD siyaasa Miyaanmaar keessatti qooda akka fudhatuuf haala mijeesseera.

Cee’umsi Miyaanmaar gara dimokaraasiitti gootu xumura hin arganne; bulchiinsi humna woraanaas angoo irraa guutummatti hin fagaanne. Bulchiinsi mootummaa humna woraanaa, prezidaant Thein Seiniin durfamu, yeroo jijjiirama diinagdee fi siyaasaa biyyattii keessatti fiduuf murteessu ammatti angoo guutummatti gadi lakkisuuf fedhii fi qophii kan hin qabne ta’uu isaa bifa hedduun mul’iseera. Mootummaan Thein Sein heera haarawa baaseen barcuma parlaamaa %25 dorgommiin alatti akka harka isaaniitti kufu taasiseera. Kana jechuun filannoon paarlaamaa biyyoolessaa kan geggeeffamu barcuma %75 qofa irratti. Ammas, Aung San Suu Kyi gara prezidaantummaatti akka hin dhufneef jecha, namni maatiin isaa lammiilee biyya biraatiin wolitti hidhata guddaa qaban prezidaantii Miyaanmaar ta’uu hin danda’an keeyyata jedhu heera biyyattii haarawa keessa galcheera. Abbaan manaa fi ijoolleen Aung San Suu Kyi lammummaa Ingiliiz qabu.

Gama biraatiin, heerri biyyatti akka mootummaan abbaa irree itti kaaye irraa akka hingeeddaramnee gochuuf jecha, mootummaan Thein Sein, humna yaalii heera biyyattii geeddaruuf godhamu dhoorguu isa dandeessisu (veto power) ufii laatera.

Miyaanmaar fagoodhaa dhufte. Haala siyaasa bara 2015 arginu kana bira gayuuf bu’i bayii heddu keessa dabarsite. Egaa kanaafi, imalli Miyaanmaar gara dimokraasitti godhaa jirtuu fi kana dhugoomsuufis murannoon mootummaan Thein Sein agarsiisaa jiru namoota seenaafi haala Miyaanmaar erga 1960’n kaasee keessa dabrite beekan hunda biraa dinqisiifannaa guddaa argataati kan dhufe.