Ministerri Muummee, Dr Abiyyi Ahmad, miilaan gadi dhaabachuu fi aangoo isaa cimsachuuf dursa laatuu qaba

Haali siyaasa biyyattii wolxaxaadha. Tooftaan itti deemuun dirqama.

Sirni woggaa 27f nurratti fe’ame maal akka fakkaatu beeka. Arii fi gubata Woyyaanee yeroo ammaatti keessa jirtu agarra. Jibbaa isaan Ob. Lammaa fi Dr Abiyyi irraa qaban quba qabna. Hunda caalatti gareen kuni bofa ta’uu isaa ni hubanna. Kan Oromoon waan qabate cimsachuu, aangoo harka seente tana dhugoomsachuu qaba jettee amantu lash jedhi. Ni urraa, obsa godhadhu.

Jijjiirama Oromoo fi saboonni biraa hawwan torbaan tokkotti osoo MM Dr Abiyyyi fidee gammachuun isaa daangaa hin qabu. Dhugaan jirtu garuu Dr Abiyyi jijjiirama nuti arguu barbaannu akka fiduuf Woyyaaneen akka jalaa hin gorre ifa. Qormaata itti heddummeessuun, Oromoo fi saboonni Dr Abiyyi irraa abidii akka kutatan taasisuun, Oromoo fi Dr Abiyyiin gargarbaasuun tooftaa Woyyaanee isa itti aanu. Bulchiinsa Dr Abiyyi ona taasisuuf shira heddu xaxuuf deemti. Kana keessaa ajjeechaa fi hidhaa hammeessuun, saboota wolitti buusuun tokko ta’uu mala. Dr Abiyyi Oromoo ajjeesaa, hidhaa jedhee Agaazzii akka hin bobbasne ifa. Ajjeechaa fi hidhaan kana booda Oromiyaa keessatti ta’u hundi akka tooftaa Dr Abiyyiin laamshessuuf raawwatamuutti fudhatamuu qaba. Kunis kan raawwatu ajaja Saamoraa fi Geetaachoon ykn murna Agaazii Oromoon masaraa seenee arguu irra du’a naaf woyya jedhuun ta’uu mala.

Rabbi nu baasu malee qormanani Woyyaanee irraa nu mudatuuf deemu salphaa hin ta’u. Kana hunda irra Dr Abiyyi aanee jijjiiramatti nu geessuu kan danda’u yoo wanti lama ta’e qofa. 1ffaa, aangoo ufii cimsachuudha. Kana jechuun sadarkaa addaddaatti namoota jijjiramaaf fedhii qaban gara mootummaa isaatti fiduu fi namoota gufuu ta’uu malan tooftaadhaan irra aanuudha. Biyya woggaa 27f harka Abbaay Xahaayyee fi Saamoratti kufte keessatti kun hundi waan baatii tokko keessatti ta’uu miti. Ariitiin , jarjaruun Woyyaanee daran rifachiisuu fi gara balleessinee bannaatti isii geessuu mala. Ganamumaan diina kee rifachisuun, mallattoo siif dhufaaraa qophaayii dabarsuun siyaaasa abshaalaa miti.

Qabsoon tuni akka salphatti as hin geenne. Dr Abiyyi akka salphatti masaraa san hin seenne. Hundi kan ta’e dhiigaan. Dhiiga qaalii Qeerroo Oromoo. Garuu, tooftaa fi obsaan masakamuu dhabuudhaan waan gara dhiiga dhangalaasuutti nu geessu, injifannoo arganne nu harkaa baasutti deemuu hin qabnu. Kana jechuun cal jenneetuma teennna jechuu akka hin taane haa hubatamu.

Milkaayina bulchiinsa Dr Abiyyiif dhimmi murteessaan inni lammaffaa deeggarsa ummataati. Dr Abiyyi bu’aa qabsoo keennaatii deeggaruu qaban. Masaraa senneerra. Amma waa hojjachuu qabna. Waa hojjachuun garuu, biyya dantaan garee hedduu keessa jirutti, kan sanuu garee tokko tokko humnana deemutti, salphaa hin ta’u. Deeggarsa ummataa cimaTU Dr Abiyyiin barbaacgisa. Kuni Woyyaanee ni rifachiisa. Dr Abiyyif humna dabalataa argamsiisa. Dr Abiyyi deeggarsa ummataa wolirraa hin cinne argachuuf garuu tankaarfii tokko tokko fudhachuu qaba. Kunis ajjeechaa fi hidhaa dhaabsisuu, worra hidhame hiiksisuu fi kan biraas ta’uu mala.

Dhugaan haalamuu hin qabne rakkoon sabaa jaarra tokkoo oliif woliratti kafameera. Innumti ganna 27 salphaa miti. Ob Baqqalaa Garbaa MM osoo ta’ee waan baatii tokkotti hiikamuu miti. Hundi dhawaataan itti deemamuu qaba. Waan baatii tokko keessatti hin deebine har’a akka deebi’uuf ijibbaata godhuun rakkooo biraa qabatee akka as bayuu malus hubatamuu qaba. Amma masaraa seenneerra. Kana booda gaafii ummataaf deebii laatuudha dirqamni Dr Abiyyi. Garuu, hhundi bilchina siyaasaa, obsaa fi tooftaan itti deemamuu qaba. Jarjaraan re’ee akka hin horre ni beekama.