Mariin ADWUI labsii Oromoo irratti Agaazii bobbaasuu fi OBN ukkaamsuu baasuudhaan xumurame

OPDO fi ANDM gimgamaa taani akka uf qulqulleessanii fi sochiin OroMaraas akka dhaabatu murtaayee jira

Bu’aan xumura marii ADWUI wanta addaa kan uf keessaa qabuu miti. Wantoonni heddu kanniinuma eegamaa fi tilmaamamaa turaniidha. Doorsisaa fi qoqqoodiinsatti fayyadamuudhaan Woyyaaneen mariin kuni bifa ol’aantummaa isii itti fufsiisuun akka goolabamu godhuu dandeetteerti. Ibsa baye keessatti wanti xabaaqurame heddu. Oromoof garuu dhimmoonni asii gadii ijoo fi kanniin xiyyeeffannaa Oromoo hundaa barbaadaniidha.

Isaanis: 

1. Sochii bilisummaa, mirgaa fi haqaa Oromoon geggeessaa jiru humnaan ukkaamsuudhaaf Agaazii, taankii fi xiyyaara nurratti bobbaasuudhaaf murteessuu isaaniiti. Kuni sochii labsii yeroo muddamsuu ykn waan isaa olii ta’uuf deema. Waan fedhes yoo ta’e gatii heddu nu kaffalchiisa, dhiiga heddu nu dhangalaasisa malee Oromoon galma isaa gayuu irraa humni isa dhoorgu hin jiru. Qabsoo kana boodaa tooftaa fi tarsiimoon (bifa gaaga’ama salphisuu fi injifannoo heddummeessuun) itti deemuu qabna. Kana godhuuf Oromoon keessaa fi alaan, murnaan osoo hin taane, tokkummaan hojjachuu qaba. Diinni tooftaa jijjiiratee as baye. Nutis akka durii murnaan fiiguu dhiisnee tooftaa haaraan (gamtaan hojjachuu fi kkf) as bayuu qabna.

2. OBN ukkaamsuudhaaf murteessiteerti. OBN qabeenya Oromooti. OBN sagalee Oromooti. Woyyaanee fi kittillayyoonni isii OBN akka qormaata OMN fi ESAT caalatti isaan mudateetti ilaaluu erga eegalanii bubbulaniiru. Faaydaa OBN qabsoo Oromoof qabu, midhaa fi kasaaraa inni Woyyaanee irraan gayaa jiru waan beektuuf yeroo dheeraadhaaf OBN irratti xiyyeeffattee hojjataa turte Woyyaaneen. OPDOn dadhabdus, Oromoon OBNn akka qabeenyaa fi sagalee isaatti ilaaluudhaan dhaabbata kana kufaatii jalaa baraaruudhaaf socho’uu/qabsaayuu qaba. OBN dhaabbata qilee haabu’u jennee ilaalluu miti.

3. OPDO keessaa namoota ol’aantummaa Woyyaanee afoo dhaabachuu eegalanii fi aantummaa sabaa qabaachuu isaaniitiif mallattoolee argisiisan rukutuudhaaf murteesitee jirti. Eennu akka rukutamu ammatti ifaa miti. Garuu miseensonni OPDO sadarkaa addaddaati jiran kan godhuu qaban hoogganoota Woyyaaneen rukutuu barbaaddu osoo hin taane worra marii ADWUI kanarratti isaan rukuchiisee fi Oromoo salphisiise rukutuu qaban. OPDO’n jiraachisuu mitii uf jiraachisuu yoo kan barbaadan taé miseensonni OPDO gantootaa fi jilbiiffattoota (yoo wanti haasayamu dhugaa tae kanniin akka Diribaa Kumaa, Worqinaa Gabayyoo kkf) uf keessaa qulqulleessuu qaban. Abdiin jireenya OPDO dubatti jechuu osoo hin taane aantummaa sabaa cimsanii itti fufuu qofa. Woyyaanee jalatti dheessuu osoo hin taane gara sabaatti baqachuudha kan isaaniif wabii jireenyaa taú. 

4. OroMaraan Woyyaane hirriba erga dhoorgee bubbuleera. Woyyaaneen dudda Oromoo fi Amaaraa irra tetteeti kan woggaa 27 Itoophiyaa dhuunfatte. Sabni gurguddaan lamaan kun wolhubataa hojjachuun kufaatii isii akka saffisiisu beekti. Kuni balaa jiraachuu isii irratti aggaamame akka ta’e bareechitee hubatti. Kanaaf hariiroo Oromoo fi Amaara jiddutti uumamaa dhufe diiguuf asii fi achi jetti. Woyyaaneen akka abdii kutattu, akka isiin haada ufitti gootuuf Oromoon biyya keessaa fi biyya alaa yeroo kamuu caalatti OroMara cimsuu qaba. Keessattuu gayee fi shoorri hawaasaa fi barattootaa as biratti guddaadha.

5. Gareen Lammaa jaalatee fudhatee, akka fudhatuuf dirqamee ammatti wanti beeknu hin jiru. Wanuma fedhes yoo taé labsiin ADWUI ifa kan godhe mariin bifa Woyyaanen barbaadduun (murtii woraana Oromoo irratti labsuu, OBN ukkaamsu, OPDO fi ANDM gimgamaa dabalataa akka geggeessaniif dirqisiisuu) xumuramuu isaati. Yoo jaalatee murtii kana fudhate gareen Lammaa Oromoon adda gale. Yoo dirqamanii gara tankaarfii tooftaa fudhachuutti (yeroodhaaf duubatti deebi’uu) deeman wanti  lafarratti mudhattu isa labsii irraa argine osoo hin taane waan biraa ta’uuf deema (huji irra oolchu diduu fi danqaa uumuu).  Gimgamaan kana boodaa kan fedhiin Woyyaanee itti guuttamu osoo hin taane kan gantuu fi jilbbiiffattuun ittiin rukutamtu ta’uu qaba.

Wolumaa galatti;

1. OPDO’n kana booda (umrii kan qabaattuu yoo ta’e) fuulaa fi qalbii isii gara dhawaataan mana hidhaa ADWUI jedhamu kana keessaa bayuutti deebisuu qabdi. Haala amma jiruu fi humna amma qabduun kun akka ta’uuf gooftonni isii (Woyyaaneen hanga funyaaniitti hidhatte) hin hayyamtu. Qalbii qabdi taanaan OPDO’n hujii lafa jalaa kan garasitti isii geessu irratti hojjachuu qabdi. Kanaan alatti ufii isiitiif barabaraaf salphina, xiqqeennaa fi kufaatii keessummeessaa; Oromoos saamsisaa fi ajjeesisaa kan jiraattu ta’a.

2. Oromoon woraana irratti labsame afoo dhaabachuu, OBN tikfachuu fi hoogganoota OPDO (worraa aantummaa osoo qabu garuu humna dhabee fi galtuu) addaan baafachuu qaba. Hunda mooyyee tokko keessatti cafaquun qabsoo Oromoo ni miidha malee hin fayyadu. Qabsoon Qeerroo Oromoo keessaa (harka garaa jalaan) fi alaan yoo deeggarsa argate qofa saffisa, bakka hundi hawwinu nu geessa. Kanaaf, OPDO aantummaa sabaa qabanitti (yoo jiraatan) fayyadamuun nu fayyada malee nu hin miidhu. Worra aantummaa sabaa qaban jajjabeessuu fi badhaassuu, gantoota ammoo  salphisuu fi qullaa hanbisuu qabna. Namni jijjiiramaaf fiduuf hojjatuu fi kan diina waliin taee jijjiirama afoo dhaabatu ija tokkoon ilaallamuun irra hin jiraatu. Waa hunda caalatti worra aadeemsa woggaa tokko keesaatti ifatti aantummaa sabaa fi sabboonumaa agarsiisan taankii diinaa jala buusuu hin qabnu. Isaan rakkoo kana booda isaan mudatuu malu irraa hin baraarru taanaan lammata namni nu amanee Woyyaanee ganu tokko akka hin jirre ammumaa hubatamuu qaba. Mooraa diinaa keessaa nama hawatuu ykn boojiuu dadhabuun mallattoo dadhabinaa malee ciminaa ta’uu hin danda’u.