Manchastar Yunaayitid Arsenaaliin 2 – 1n injifatamee FA Cup ala ta’e

Gareen Arsenaal garee Manchastar Yunaayitid 2 – 1n moo’achuudhaan tankaarfii guddaa gara geeba FA Cup wolitti aansee moo’achuutti godhe. Arsenaal, Manchastar Yunaayitidiin dirree ‘Old Traford’ irratti moo’achuu kan danda’e. Arsenaaliif goolii kan laakkofsiisan Naachoo Monriiliifi Daanii Weelbeek dha.

Tapaha kana irratti goolii Arsenaaliin injifannoof geessite kan kiyyoo keessa marmarse Daanii Weelbaak leenjisaa Arsen Venger irraa dinqisiifannaa guddaa argachuu danda’eera. Arsen Venger Daniin tapha gaarii taphachuu isaas ragaa baheera. Daanii Weelbeek erga Manchastariin gadi lakkisee garee Arsenaalitti makamee yeroo jalqabaatiif kan Old Traafoorditti taphate.

Arsenaal tapha itti aanu Braadfoord Siitii wojjiin Ebla dhufu keessa Wembilitti taphachuuf deema. Tapha san injifannaan kophiin Arsenaal godhu isa geeba FA Cup ta’a jechuudha.

Leenjisaan Manchastar Luwii fan Kaal injifannoo dabarsanii morkataaf laatuun hedduu kan nama gaddisiisu ta’uu dubbateera. Manchastar Yunaayitid harka Arsenaaliti, sanuu dirree isaa irratti moo’atamee FA Cup ala ta’uun isaa kilabichaafi deeggartoota isaatiif hadhaa kokkee gaddarbuun hedduu rakkisu itti ta’eera.