Looziin jireenya fayya-qabeessaafis ta’ee umrii dheerinaaf tajaajila guddaa qabdi, jedhu qorattoonni

Guyyaa guyyatti loozii nyaachuun hiree dhibee onnee, kaansarii, sukkaaraafi sombaan du’uu ni hir’isa

Saayinsistoonni faaydaalee nyaanni adda addaa qaban gargar baasanii beekuudhaaff qorannoo gosa hedduu geggeessan. Yeroo dheeraadhaaf dhibee du’aatii namootaaf sabab guddaa ta’aa dhufan, keessumattuu biyyoota guddatan keessatti, kanniin akka kaansarii, dhibee onneefi sukkaaraaf waan fala ykn dawaa ta’a jedhan irratti qorannoo bal’atu geggeeffamaa ture.

hiddaafi sanyii looziiBu’aan qorannoon saayinsistoonni Yunivarsiitii Maastiriikt (Neezerlaand) loozii/ocholonii irratti geggeessan ifa kan taasise nyaanni kuni hanga nuti kana dura hubannuu caalatti fayyaa ilma namaaf faaydaa guddaa kan qabu ta’uu isaati. Akka qorannoo kanaatti looziin fayyaan jiraachuu qofaaf osoo hinta’in dheerina umriif faaydaa danuu qabdi. Guyyaa guyyatti loozii nyaachuun hiree dhibee onnee, kaansarii, sukkaaraafi sombaan du’uu hedduu gadi hir’isa. Looziin fayyaa sammuutiifis tajaajila guddaa kan qabu ta’uu isaati qorannoon Yunivarsiitii Maastiriikt barruu International Journal of Epidemiology irratti baye kan addeesse. Faaydaa fayyaa guddaa looziin qabdu kana kan argachuun danda’amu guyyatti yoo loozii giraama 10 nyaanne.

Looziin faaydaa qabaachuun isii ifa. Heddu nyaachuu irraa garuu, gr 10 oli, faaydaan dabalataa kan hinargamne ta’uus qorattoonni jala sararaniiru. Dhimmi loozii kuni dawaa fudhachuun hedduu wolfakkaata. Kanaafuu, sababni cireefi irbaatas loozii godhanuuf tokko hinjiru.