Labsiin Lafa Magaalaa ‘Liiziin’ qabachuu (721/2004) akkuma Labsii farra shoroorkessummaa (652/2009) Oromoota dhabamsiisuu irratti kan xiyyeeffate ture. Bu’ura labsichaatin ummanni keenya lafa mana jireenyaa miti tan awwaalaa argachuu hin dandeenye. Lafa ganama harkaa qabuu itti dhabe. Caalbaasiin ba’u hundi Oromoota cal-godhee hambise. Lafti fi magaalonni barbaadamtu hundi tan Oromooti. Lafa malee ummanni hin barbaadamne. Hojjataa, jiraataa fi qotee bulaa Oromoo labsichi gabaan ala taasise. Lafa, qabeenyaa fi naanno ufi salphatti gadi lakkisuuf dirqaman. Labsichi si fayyada jedhamee jiraataan, hojjataa fi qotee bulaan hin basaasamne hin ture. Booddeen wal taajjabbi qofa ta’ee hafe. Hattoonni, abbootin qabeenyaa muraasni fi fayyadamtonni sirnaa lafaa fi magaalota Oromoo Baddallee hanga Baddannootti, Raayyaa hanga Raayitutti harkatti galfatan.
Labsichi daba ummata keenya magaalaa keessaa ari’uu malee qaawwaaleen seeraa, qajeelfamaa fi danbiiwwan raawwachisan akkasumas dhimmoonni hojiif rakkisaa ta’an kan birootis heddutu keessa ture.
Imaammanni dhimma bulchiinsa lafaa fi magaalaan wa-qabatu kan sadarkaa federaalatti bahu hundi kallattii fi al-kallattiin Oromoo fi Oromiyaa ilaallata. Miidhuudha! kan fayyadu hin argine.
Kanaaf bulchiinsi OPDO haaraan cimee dhimma kana hordofuu qaba. Oromoo fi Magaalaa wal simsiisuun dirqama. Hooggantoonni Biiroon Misoomaa fi bulchiinsa lafa Magaalota Oromiyaa irra jiranis kutannoon hojjachuu malu. Waan ummata keenya fayyadu mirkaneessuu fi kan miidhu mormuu qabu. Labsiin ummata keenya sadarkaa dakaa (grassroot) irraa fayyaduu danda’u; kan Oromoota gara magaalatti harkisuu danda’u qopheessuu barbaachisa. Barri sodaa fi sobaan saba burjaajessan hafu mirkaneessu feesisa.
Barreessaa karaa harun2has@gmail.com qunnamuu dandeettan.