Labsii Woyyaanee cabsuudhaan tooftaan ukkaamsaa akka hin hojjanne agarsiisuu fi abdii isii kutachiisuun barbaachisaa ta’a

Harun Hassen | Hawwiin Woyyaanee labsii isii sodaan ummanni ukkaamamee fi manatti hidhamee akka jiraatu godhuudha. Hawwii isii fashalsiisuun dirqama Oromoo fi Amaaraati.

Oromoon ajjeechaa, hidhaa, saamicha, doorsisaa fi ukkaamsatti xumura laatuudhaadhaaf malee daran ajjeefamuu fi ukkamfamuuf miti kan qabsoo hadhaayaa woggaa tokkoof geggeesse. Ammas dhugaa hadhooftuu liqimsuudhaaf kan rakkatte Woyyaaneen sagantaa ajjeechaa fi ukkaamsaa bal’aa maqaa ‘labsii yeroo muddamsuu’ jedhuun qabattee gadi baate. Labsiin kuni waan hanga ammaa Oromoon hin beekne heddu nutti hin argisiisne; kanaaf kan hedduu nu hin yaachisnee fi nu hin sodaachifneef. Maqaan ifatti labsamuun alatti, Oromoon woggaa tokko guutuu haaluma labsii kana fakkatu jalatti qabsaayaa turuun beekamuu qaba.

Ta’us garuu dippiloomaatonnni Finfinnee irraa km40 ol akka hin baane daangessuu, Intarneetii hunda irratti dhaamsuu,  miidiyaa hawaasaa banuu fi OMN daawwachuu yakka taasisuun isaanii addunyaa maalalchiise, qalbiin waan Itoophiyaan itti jirtu akka hordofan dirqisiise.

Akka labsii kanaatti haxxifachuu fi fincaaniif manaa gadi bayuun yakka. Hawwiin Woyyaanee labsii isii sodaan hundi ukkaamamee fi manatti hidhamee akka jiraatu godhuudha. Hawwiin isii daaraa ulatuu sabni Oromoo fi Amaaraa itti agarsiisaa jira.

Yeeroo fincaaniif hin bayinaa jedhametti kan ummanni kuma heddutti laakkawamu Kofaletti kan wolitti baye Woyyaanee balaalefatte. Labsiin Woyyaanee bayee guyyaa muraasa keessatti ummanni Meettaa Roobii akka galaanaatti dirree kan dhiphise; alaabaa isaa kan baase. Naannoo Amaaraatti ummanni Baahir Daar fi Goonadrii mana taaudhaan labsii Woyyaanee gatii dhabsiise.  Kana godhuudhaan ummanni jibbaa sirnichaa fi tuffii labsichaaf qabu agarsiise. Kana godhuudhaan Woyyaanee fuula keessa kabalaase.

Murannoon Oromoo fi Amaarri bilisummaaf qabu ifa. Ummanni kuni bilisummaa isaa gonfachuu, Woyyaanetti xumura laachuuf sochii cimaa fi seena qabeessa geggeessaa jira. Sagaleen nu gayee gandaa hunda seenteerti. Bakka maratti labsii dinnee didaati kan woljalaa qabamaa jiru. Kuni hundi kan ta’utti jiru gatiin guddaan kaffalamaati. Sabni kuni lamaan dide jennaan Woyyaaneen labsii yeroo muddamsuun sodaachistee mitii rasaasa itti roobdee jilbiiffachiisuu tasa hin dandeettu. Ajjeestee hunda akka hin fixne ifa. Kumaatama hidhuu ni dandeetti. Oromoo fi Amaara hunda hidhuus hin dandeettu. Osoo hidhuu barbaaddeeyyuu bakki itti hitu hin jiru.

Labsii jajjabaa labsuu fi Agaazii ummata keessa gadi lakkisuun mallattoo jabeennaa miti. Mallattoo dhama’uu fi kufaatiin isii kalaayuuti. Hundi yaalii harka laachuu dhabuudhaf asii fi achi jedhamuudha. Kuni nu slrifachiisuus ta’e sodaachisuu hin qabu. Karaa addaddaan Woyyaanee madeessaa fi injifannoo isii irratti galeessaa deemaarra waan ta’eef.

Woyyaaneen saáa kanatti irree qabdu abdachuu osoo hin taane waaqa onnee Oromoo fi Amaaraatti sodaa lakkisii ykn wolitti busii kadhachutti jirti. Kanaan alatti tooftaan isiin ittiin moo’attu tokko hin jiru. Sodaachisaa malee humna ittiin saba kanniin lamaannitti jilbiiffachiiftu duras hin qabdu. Qabaachuufis hin deemtu.

Woyyaneen erga labsi labsitee namoota heddu manaa guuraa hidhutti jirti. Keessumaattuu haalli Godina Arsii Lixaa fi naannoo magaalaa Sabbataa adda; hedduu yaachisaa ta’aa dhufera. Mirgaaf dubbannee qofaaf hidhamuu, ammas Agazii fi jala deemtuudhaan doorsisamuun waan yeroon irra dabre ta’uu Woyyaanetti agarsiisuu qabna. Oromoon haqa koo irraa hin maqu, namni tokkoo harkaan na hin tuqu jechuu itti fufuu qaba. isa yoomuu caalatti labsii yeroo hatattamaa isa ukkaamsuuf yaalamuu balaaleffatuufi namoonni akka hin hidhamne tikfatuu Danda’uu qaba. Danda’ama taanaan akka Kofalee fi Meettaa Roobitti kumaatamaan daanditti bayutu irra jira. Dadhabamu ammoo akka ummata Goondarii fi Baahirdaar mana taa’uudhaan Woyyaanee irraan kufaatii diinagdee geessuu fi labsii isii Oromiyaa keessatti bakka kan hin qabe ta’uu itti agarsiisuu qaba.

Miidhaan Woyyaanee irra gaye baay’ee cimaadha. Keessumayyuu gama diinagdeen kasaaraa keessaa bayuu hin dandeenne keessa jirti. Baankiin biyyatti sharafa biyya alaa hin qaban. Rakkoon kunibyeroo gabaabaa keessatti waan furamuu miti. Dameen sharfa biyya alaa argamsiisu alergiin abaaboo, albuudaa fi turizimii akka hin bayyananneti rukutamera waan taeef. Gama siyaasaatiinis kasaaraa hamatu isii mudate. Woyyaaneen deeggarsa dippiloomaasii dhabaa fi waahiloota isiin alatti darbamaati kan jirtu.

Yaada qabdan karaa harun2has@gmail.com barreessaa biraan gayaa.