Kufaatii moo injifannoo Obboo Lammaa fi Dr. Abiyyiif hawwinna?

Jalqabaa kaasani namoonni Lammaa Magarsaa kaasettii Woyaaneeti jedhaa turan jiran. Lammaa fi waahilonni isaa hará mana murtiitti dhiyaachuu dhabuu isaanii gara ‘nuti duruu isiniin jenne’ jechuutti deebisan. Dhugaan jiru Lammaa fi waahilonni isaa humna cimaa dhabanis, kaasettii osoo hin taane, raadiyoo laaftuu ‘waveband’ mataa isii qabdu ta’uun isii namoota siyaasa keessatti ilkaan buqqifateef mitii namoota yeroo dhihoo as ABC siyaasaa eegalaniif ifa ture. Raadiyoo Lammaa tana, jalqabaa kaasee hanga har’aatti, akkuma OMN fi ESAT, yaaliin jam godhuu fi qilleensa irraa buusuu gama Woyyaaneetiin yaaliin godhamu irraa dhaabatee hin beeku. Biyyatti ummanni, dubbiin baranaa isa duriin adda ta’uu isaa ganamumaan hubatee qaamaa fi qalbiinis Lammaa fi garee isaa faanaa gugate. Worri duubatti rincicaa tures, gara boodaa osoo hin jaalatin deeggarsi ummanni Lammaaf laate dhiibee hiriiratti isaan naqe. Hubatanii, xiqqaatus qilleensi jijjiiramaa jiraachuun isaa onnee irraa fudhatanii waan hin taaneef yoo hir’inni mudhatu, yoo gufuun Lammaa mudatu worri jalqaba qiyaamaan dhaabachuu labsuu fi ummatas ummatas amansiiisuuf dadhabu isaani.
Yaaliin duula amma Lammaa fi garee isaa irratti baname waan dhimma Ob. Baqqalaa fi hidhmtoota keenna qofaan wolqabatee miti. Dhimmi kuni dubbii hammeessuu, sagalee worra duula geggeesuu ol kaasuu hin oolle garuu. Yeroo dhihoo dura namoonni #GareeLammaa faarsuun akka heddumaate nutti himaa turanis jiru. Hoogganoota ijaa fi qalbiin ummataa irra jirtu irraa ija kaasaa jechuudhaan alatti, qabsoo bilisummaaf jecha eennuun faarsuu fi eennuun jalatti wolhiriirsuu akka qabnu garuu akka filannootti wanti ummataaf dhiyeessan hin turre. Hanga yakki isaanii dirree irratti bayutti, hanga qabsoon sirreeffachuun akka hin danda’amne hubannutti garee Lammaa Oromoo godina hundaa biratti fudhatama argataa dhufe irraa ijaa fi qalbii keenna gara deebifnu hin qabnu. Tokkummaa Oromoo uumamaa dhufe keessatti namoonni kuni qooda mataa isaanii qabu. Utubaa tokkummaa diignee daandii gara gandummaatti nu deebisuu malu hin qabannu.
Tibbanas, #GareenLammaa Oromoo buqqa’e naannoo Finfinnee qubsiisuuf sochii eegaluu isaatiif abaaramaa tureera. Oromoon buqqa’an kan qubsiifamaa jiru naannoo Finfinnee qofa miti. Bakka Oromoon demography dhaan qe’ee isaa irratti dhiibbaa jala jiru heddu (magaalaa akka Bishaangaariitti, kan daangaa Hawaasaatti argamtu) irratti hujiin qubsiisuu kun eegaleera. Fedhiin mootummaa Woyyaanee (akkuma karaa Haylamaaram Dassaalenyiin nutti himame) Oromoota buqqaán Somaaletti deebisuu ture. Gareen Lammaa kana afoo dhaabachuu bira darbee ummata kana kan qubsiisaa jiru naannoo Oromoof tarsiimawaa (strategic) taé irratti. Gareen Lammaa tankaarfii kana fakkaatu fudhachuu isaatiif galata malee abaarsa argachuun isarra hin turre. Siyaasni Dayaaspooraa yeroo heddu micciiramaa waan ta’eef Lammaan abaarameera. Ummanni Oromoo bal’aan, inni Mandii hanga Raayyaatti qalbii fi qabeenyaan lammii isaa bira dhaabate, lammiin isaa naannoo Shaashamannee fi Finfinneetti quphatuuf ni gammada malee hin gaddu. Hunda caalatti, ummanni naannoo Somaalee irraa buqqaé hedduun isaa hujii daldalaa irra ture. Ummata daldala malee qonna hin beekne baadiyaa fi magaalota carraan hujii hin jirre qubsiisuun bifa kamiin adeemsa sirrii taá?
Baqqalaa Garbaa fi Oromoonni heddu yakka tokkoon maletti mana hidhaatti dararamaa jiraachuun isaanii ifa. Hireen Oromoo woggoottan hedduu kanuma ture. Kana kan fige gabrummaan jiraachuu fi ol’aantummaan seeraa biyyattii keessa dhabamuu isaa isaatiif. Tibbana garuu hoogganoonni Oromiyaa mana murtiitti dhiyaatanii hidhamtoota keennaaf ragaa bayuuf mallattoolee argisiisanii turan. Kunis abdii jijjiiramni dhufaara jedhu hunda keenna keessatti osoo hin uumin hin hafne. Abdiin ture guddaa ta’us ammatti hoogganoonni kunniin dhaddacha mana murtiitti waan hin dhiyaanneef abdii abdii bira hin darbine. Kuni ta’uu dhabuun isaa hunda keenna garaa hanqate, gaddisiise. Mana murtiitti dhiyaachuu dhabuu isaaniitiif qeeqamuu qabu, #GareenLammaa. Duulli wolxiqqeessuu, woldiinsuu fi maqaa wolballeessuu sirriidhaa? Yoo sirrii taé hanga sadarkaa kamiitti itti deemamuu qaba? Qabsoon wolhiliinsa hin qabne, qabsoon woldhabamsiisuu hunda keenna akka dhabamsiisu, hunda keenna Woyyaanee jalatti akka kuffisu daqiiqaafis dagatamuu hin qabu. Kan diina rifachiisne, kan alagaa maalalchiisne, kan lammii keenna boonsisne woldhagayuu fi tokkummaa keenna cimsachuu waan eegalleef.
Guyyaa har’aa mana murtiitti dhiyaachuu dhabuu isaatiin gareen Lammaa waan hiríse qaba. Taús, akka waan gareen kuni aantummaa ummataatti guutummatti dudda laateetti labsuun ammatti sirrii hin ta’u. Murtii kanarra gayuun waan baayee ariifate fakkaata. Kan nama raaju warri dhimma kana hafarsu tokko tokko yeroo Ob. Baqqalaa fi Dr. Mararaan Awurooppaa fi Ameerikaa dhaqu namoota isaanuu dubbisuuf fedhii hin qabne. Wanta qabsoo kana miidhaa jiru keessa inni tokko fakkeessuudha.Ammas, worri jalqabaa kaasee gareen Lammaa kaasettiidha jedhaa ture yoo gareen kun diina jedhe nama hin raaju. Namoonni kunniin nuti duruu isiniin jennee jechuu qofa kan itti mulátu. Dubbii kanas yoo hafarsan nama hin raaju. Wanti hubatamuu qabu hunda keenna kan #GareeLammaa hidhe gandummaa osoo hin taane hujii abdachiisa eegaluu isaaniiti. Ammas, qaamota biraa irraa oduu malee abdii dhabuu keenna. Gama biraatiin, worri Lammaa Magarsaa fi Abiyyi Ahmad abaaran Qeerroon karaa cufuu qabdii jechuu malee kallattii Baqqalaa fi waahilooni isaa mana hidhaatii ittiin hiikaman hin akeekne. Dhiimmi ijoon, maddi rakkoo isa waan taéef.
Lammaa fi Abiyyi osoo saba isaaniitti dudda laatuu eegalaniiyyuu nuti dudda isaanitti laatuu hin qabnu. Lammaa fi Abiyyiin kan achi kaaye qabsoo Qeerroo Oromooti jennee irratti walii gallee hin turree? Egaa namoota dhiigaan dhiibnee achi keenne yoo diinni shiraan sakaalee nu harkaa kuffisu nuti akkamitti diinaaf dhiisnee dheessina? Kan taúun isarra ture qabsoo keennaan namoota kana tikfachuu fi harka diinaatii baafachuudha. Isaan qofa osoo hin taane kan duubatti harkifate, inni mooraa diinaa keessatti maandheffates akka as bayu godhuu irratti hojjachuu malee inni gadi baye akka qocaa mataa isaa dhagaa Tulluu Araraatti akka awwaaluuf haala mijeessuun nurra hin turre. Injifannoo harcaasaa dheessuun sirrii miti. Dallannee fiignee baayuun salphaadha. Fiignee deebiúun ammoo salphaa hin ta’u. ABOn abdii lolee dafee deebi’a jedhuun chaartaraa bayee achumaan hafe. Barri kuni bara 1992 ta’uu baatus yoo uf eeggannaa fi bilchinaan siyaasa keenna geggeeffanne gaarii taá. Aarii fi dallansuun siyaasni geggeessan gara kasaaraatti male gara injifannootti nama hin geessu. Ammas, siyaasa keessatti injifannoon altakkaan hin galmeeffamu.
#GareenLammaa mana murtiitti osoo dhiyaatanis carraan ob. Baqqalaa fi Gurmeessaan faati hiikamuun xiqqaadha. Garuu hiikkaan inni qabu (Oromoo fi gama ol’aantummaa seeraan wolqabate) guddaa ture. Mana murtii irraa hafuu isaaniittiif wanti jedhama jiru heddu. Namni torbee tokko dura Lammaan diinaan wolhudheera jedhu torbaan tokko boda kaayyoo ummataatti dudda laate yoo jedhu kan jedhuun namaaf salphatu torbee darbe waan hojjatamaa ture quba hin qabu isa jedhu. Yoo wolqeeqnuuf wolirrrati duullu wol’eeggataa fi wol’qusataa ta’uu qaba. Torbaan muraasa booda Lammaa fi Abiyyi mana murtiitti dhiyaatanii yoo ragaa bayan, sanuu bifa mataa Woyyaanee lafa ilaalchisuun, waaée namoota kanaa maal jechudhaaf deemna? Worri har’a Lammaa Magarsaa Muktaariin wolitti qixxeesse, worri har’a Abiyyiin salphise maal nutti himuuf, bifa kamiin waan haara odeessan, xiinxala maal dhiyeessuuf deemu? Kaleessa kaasettii…boodarra diinaan morma wolqabaaran…hara OPDO amanuun erga duutee…boru ammoo deebinee seenaa hojjatte jechaa faarsuu… wanti akkanaa mallattoo hubannaa dhabuu malee mallattoo bilchinaa hin taú. Yookaan dursanii waa arguu, yoo kun hin taane dursanii waan labsuu irraa uf qusachuun barbaachisaadha. Torbaan torbaaniin nama olkaasa fi gadi buusuun, sanuu olola jajjabaadhaa, xawalwaallee nama fakkeessa, eenyummaa fi hubannoo namaas salphisa.
Dhugatti rakkoon jiru heddu. Ni jalqabne malee wolakkaa hin geene…xumuruun mee haa hafuu. OPDO dhiiga Oromoon ykn qabsoo hadhaayaan asiin geenneerra. Xiqqaattee guddattee wanti ta’e bu’aa qabsoo Oromooti. Xiqqaattus, deeggarsi #GareeLammaa Poolisiin Oromiyaa Qeerroo ajjeesuu irraa akka uf qusattu taasise, poolsiin ummata isaanii waliin dangaa irratti akka du’aniif bobbaase, hanga tokkos taú lafa afaan saamtotaatii buuse, OBN rakkoo sabaa akka saaxiluuf haala mijeesse, magaalota keenna keessaati Oromoon mataa akka ol’qabatuuf taasiseera. Injifannoon kunniin waan irratti ijaaruu qabnu malee waan diigamuu qabanii miti. Lammaa fi Abiyyiin hundatti ganne taanaan waan hanga ammaa argame diignee gara ziiroo iraa waa cufa eegaluutti nu geessuu mala. Ziiroo irraa waa ijaaruun hundarra ulfaataadha. Falli garee Lammaa diinni akka nu harkaa hin fudhanneef qabsaayuudha. Kuni jaalala Lammaaf osoo hin taane jaalalaa fi dheebuu bilisummaaf qabnuuf. Karaan bilisummatti nu geessu heddu. Ammatti, abshaalummaan itti deemnaan inni irra gabaabaan isuma amma #GareenLammaa qabate kana. Garee Lammaa hujii Woyyaaneen itti laatte osoo hin taane kan nuti itti kennine akka hojjatan godhuuf qabsayuu qabna.