Korri Atlaantaa xumurame; milkaayinni isaa ibsa ijjannoo baase hujitti jijjiiruu irratti rarra’a

Rakkoon yeroo dheeraadhaaf nu qunnamaa ture ibsa ijjannoo basuu dadhabuu osoo hin taane, ibsa baasnuu fi waada ummataaf seennu hujitti geeddaruu irra

Korri Hoogganoota Oromoo guyyaa sadiif Ameerikaa, magaalaa Atlaantaatti geggeeffamaa ture milkiin xumurame. Kora kana irraa Oromoota 600 olitu kallattii addunyaa hunda irraa wolitti bayuudhaan qooda irraa fudhatan. Hedduun hirmaattotaa hoogganoota jaarmaya hawaasaa, siyaasaa fi amantaati.

Kora kana qindeessuu fi Oromoon iddoo hundaa wolitti dhufee waa’ee qaabsoo isaa irratti akka mari’atuuf haala mijeessuun waan guddaadha. Korri guyyaa sadiif geggeeffamaa turee fi abdiin guddaan irratti gatame kuni ibsa ijjannoo baafachuudhaan xumuramee jira.

Ibsa ijjannoo korri kuni baase keessaa inni ijoon, qabsoo eegalametti xumura laatuudhaaf jaarmayaaleen siyaasa Oromoo hundi woliin hojjachuudhaaf wolhubannoo irraa gayuu fi isa kana duraa haaromsuu isaniiti. Gama biraan ammaoo, ba’aa Woyyaaneen ummata irratti feete ufirraa buusuudhaaf ummanni Itoophiyaa bilisummaa hawwu hundi tokkummaan ka’uudhaan akka qabsaaniif korri kuni cimsee gaafate.

Ammas ibsi kora kanaa dhaabbanni gargaarsaa tokko ummata qabsoo kana irratti miidhaan sadarkaa addaddaa irra gaye gargaaru akka bu’uureffamuuf gaafata. Bifuma wolfakkaatuun qabsoo Oromoo gama diplomaasiin utubuu fi cimsuudhaaf jaarmayaan qorannoo akka dhaabatuuf waamicha dhiyeesse.

Balaan Woyyaaneen Oromoo fi ummata Itophiyaa biroo irraan gayaa jirtu hedduu guddaa fi yaachisaadha, akka ibsa kora kanaatti. Blaa ummata irra gayaa jiru kana dhaabuudhaaf hawaasni addunyaa qabsoo Oromoo bira akka dhaabatuufis korri kuni gaafateera.

Dhuma irratti, dhiigni Oromoo qabsoo kana irratti dhangala’e bilaash akka hin taaneef Oromoon iddoo jiru hundatti qabsoo tanaaf waan danda’u hunda akka godhuuf waamichi dhiyaatee jira.

Yaaliin kora kana qindeessuu fi milkeessuudhaaf godhame hedduu dinqisiifatamuu qaba. Garuu, dubbin guddaan kan jirtu ibsa ijjannoo baafachuu bira osoo hin taane ibsi baye hujitti akka geeddaramuuf cimanii hojjachuu bira. Hujiin guddaan isa hanga ammaa ta’e osoo hin taane isa gara boodaatti hafe jechuudha. Sababni isaas ibsi kana dura bayaa turee fi korri kana dura taa’ame baay’een isaa ibsa ijjannoo gaggaarii baafatus, ibsi hujitti yoo geeddaramu yeroo hedduu waan hin mudhanneef. Inni kunis sararuma isa dabree akka hin hordofneef uf eeggannaan guddaan godhamuu fi hujiin laffarraa hojjatamuu qaba.

Gama biraatiin, qaamonni addaddaa Kora Atlaatntaa kana qabxii ijoo lamaaf qeeqaa turaniiru. Gareen tokko adeemsi kora  kanaa iftoomina kan hin qabnee fi jalqabaa kaasee qaamota hirmaachisuu qabu akka silaa barbaadamutti hin hirmaachifne jechuudhaan qeeqan. Akka yaada isaaniitti hayyoonni Oromoo nyaata bilchaate irraa qooda fudhachuu qofa osoo hin taane adeemsa bilcheessuu keessaas qooda qabaachuu isaan irra ture jedhu. Graeen inni lammataa, akeekumaa fi galma kora kanaa kan shakkaniidha. Yaaddoo fi shakkiin isaanii korri kuni gara jaarmayaa siyaasaa haarawa bu’uuressuutti fuulleffatuuf tirataara isa jedhu.

Qeeqa qabxii lammataan wolqabatee ibsi korri baase kan addeessu jaarmayaaleen siyaasa Oromoo woliin hojjachuudhaaf waadaa isaanii haaromsuu malee, ammatti jaarmaya haarofni dhalachuu isaa  hin agarsiisu.