Kitaabni ‘Siyaasa Oromoo: Imala Obsa Fixachiisaa fi Hegeree Abdachiisaa’ jedhu gabaa irra oole

siyaasa Oromoo.kitaaba haarawa
Siyaasa Oromoo: Imala Obsa Fixachiisaa fi Hegeree Abdachiisaa.

Kitaabni mataduree ‘Siyaasa Oromoo: Imala Obsa Fixachiisaa fi Hegeree Abdachiisaa’ jedhu eebbifamee gabaa irra ooleera. Kitaabichi kan eebbifame Ebla 3, 2019 Finfinnee Galma Giddugala Aadaa Oromootti. Amisterdaam Neezerlaandittis eebbifamuuf akka karoorfame beekameera. Barreessaan kitaabichaa Nasruu Hasan kaadhimamaa PhD fi jiraataa Amisterdaam, Neezerlaandiiti.

Kitaabni kun addadurummatti siyaasaa fi seenaa Oromoo irratti kan xiyyeeffateedha. Kitaabni kun qabiyyeenis ta’ee akkaataa itti barreeffameen, akkasumas ragaa seenaa fi qorannoo badhaa ta’e irratti hundaayuu isaatiin, kitaabota kana dura Afaan Oromootiin barraayaniin adda. Mataduree ka’an hunda ragaan utubuu bira darbee siyaasaa fi seenaa Oromoo isa Afrikaa fi addunyaan walbira qabaa dhiyeessuun isaa kitaaba kana madda hubannoo guddaa taasisa.  Afaanii ittiin barraaye mi’aawaa, akkaataan ittiin barraaye qalbii hawataadha. Kitaabni kun hubannoo siyaasaa fi seenaa Oromoo dhaloota kana barsiisuu qofa osoo hin taane afaanii fi hogbarruu Oromoo sadarkaa itti aanutti ceesisuu irratti waan gumaachu heddu qaba.

Kitaabni Siyaasa Oromoo jedhu maal maal irratti fuulleffate?

Kitaabni kuni seenaa Oromootiin eegala. Cuunfaan seenaa Oromoo, dhimmoota siyaasaan walitti hidhata qabanii, jaarraa 16 irraa eegalee dhiyaateera. Waa’een burqaa Oromoo ragaa qorannoo DNAn deeggaramee ibsameera. Keessumattuu waa’een tokkummaa, gootummaa, gamnummaa fi qaroomina Oromoo jaarraa 16ffaa fi 17ffaa barreeffameera. Kitaabni kun seenaa hatamee fi dagatame, gabaabinaan, ummata biraan gayuuf carraaqeera. Akkasumas, gootummaan Oromoo kaleessaa, seenaan inni Abisiiniyaa irratti hojjate, gootummaa fi tokkummaan inni qe’ee fi kabajaa isaa ittiin tikfate kaayameera. Gayeen sirni Gadaa sabicha ijaaruu fi humna Gaanfa Afrikaatti dorgomaa hin qabne taasisuu keessatti taphataa ture ibsameera. Dhimmoonni jaarraa 19ffaa keessa Oromoo kufaatiif saaxilan tuttuqamaniiru. Kun imala Oromoo dheeraa isa har’aan walitti hidhuuf yaadameeti. Hundaa olitti, seenaan Oromoo gadda kaleessaa qofa osoo hin taane gootummaa dheengaddaa fi gamnummaa heelgaddaas ta’uu isaa Dhaloota Qubeen akka hubatamuuf carraaqqiin godhameera.

Imalli dheeraan qabsoon Oromoo keessa darbite, keessumattuu qoodni barattotaa Oromoo, bal’inaan dhiyaateera. Oromoo saffisaan funduratti imalchiisuu, injifannoo argame harka isaa tursiisuu keessatti barbaachisummaan jaarmayaalee siyaasaa sona qaban qabaachuun murteessaa ta’uun isaa ka’eera. Waa’een qormaata hooggansa sabboonaa, muuxxannoo fi mul’ata qabuu fi saba mataa walitti qabu dhabuun Oromoo irraan gayaa turee gadi fageenyaan kaayameera. Dhimmi hiree ufii ufiin murteeffachuu bal’inaan kitaaba kana keessatti barraayeera. Falamaan lafa daangaa fi magaalota akka Finfinnee, Dirree Dhawaa, Moyaalee, kkf irratti dhiyaatu ragaalee seenaa wabii godhachuudhaan dhiyaateera.
Dhimmoota mooraa siyaasa Oromoo keessatti qajeelatti hubatamuun irra jira jedhaman, keessumattuu kanniin barootaaf walfalmisiisaa ta’an, ka’aniiru. Gaafilee seenaa fi siyaasaa barootaaf deebii quubsaa malee hafan hedduuf deebii laatuuf, kan dhumaas ta’uu baatu, yaaliin godhameera. Tarsiimoo siyaas-diinagdee yoo hordofaman saba Oromoo ni cimsan, tokkummaa isaa ni jabeessan, saba kana humna Gaanfa Afrikaatti dorgomaa hin qabne taasisan jedhaman kitaabni kun akeekuuf yaaleera. Sabni wirtuu Gaanfa Afrikaa ta’e akkamitti siyaasa injifataa geggeeffachuu, bifa kamiin tarsiimoo tarkaanfataa lafa kaayachuu, haala kamiin qorqalbii moo’ataa horachuu fi tooftaa kamiin tokkummaa isaa cimsachuu qaba waan jedhu irratti yaadni laatameera. Akkasumas, akkaataa hariiroo Oromoo fi saboota jidduu jiru fooyyessuun, Itoophiyaa dimokraatessuun, hegeree Oromiyaa fi Itoophiyaa abdachiisaa taasisuun danda’amu irratti kitaabni kun yaada dhiyeesseera. Dimshaashumatti, shoorri ijaaraan Oromoon siysaas-diinagdee Gaanfa Afrikaa keessatti qabaachuuf deemu kaayameera.

siyaasa Oromoo.kitaaba haarawa
Siyaasa Oromoo: Imala Obsa Fixachiisaa fi Hegeree Abdachiisaa.

Seenaa fi siyaas-diinagdee Itoophiyaa keessatti wanti gaggaariin hojjatame jedhamu baay’ee dhaadheffameera. Xiyyeeffannaan kitaaba kanaa waan duratti barreeffamee fi dhaadheffame irra deebi’uu miti. Seenaa haarawa barreessuu ykn waan hin jirre tarreessuu osoo hin taane seenaa awwaalame daaraa irraa hargufaa ifatti baasuu, akka sabicha jiddugaleessa godhatetti dhiyeessuudha akeekni kitaaba kanaa. Kaayyoon isaa waan dibamee fi irra utaalame dubbistoota biraan gayuudha. Qoqqotiinsi kun ajaa tokko tokko as baasuu mala. Kun gareelee walitti gaarriffachiisuuf osoo hin taane dhugaa dhokatte aduu dhoofsisuuf qofa yaadamee ta’uu isaa hubatamutu irra jira. Dhimmoota heddu kaasuuf tattaaffiin godhamus, kitaabni kun qaawwala jiran hunda cufe ykn qaawwala biraa hin uumne jechuuf wanti nama uggisiisu hin jiru. Qaawwala mul’atan cufuun, bakka hafe itti guutuun, dogoggora uumamuu malan sirreessuun ykn bakka itti dhaabate irraa itti fufsiisuun gayee hayyootaati.

Kitaaba kana keessatti matadureewwan ka’an heddu ilaaluuf kan yaalame muuxxannoo addunyaa jiddugala godhachuudhaan. Kun kan ta’eef hubannoo dubbistootaa gabbisuu qofaaf osoo hin taane siyaasni Oromoos galumsa (context) siyaasa Gaanfa Afrikaa fi addunyaa keessatti ilaallamuu qaba amantaa jedhu irraa ka’uudhaan. Badhisanii yoo hin ilaalle sammuu badhachuun, fageessanii yoo hin ilaalle fagoo dhaqqabuun rakkisaa ta’a.
Bu’aa qorannoo seenaa fi siyaasaati kitaabni kun. Kitaabichi irra caalatti hujii hayyootaa irratti kan hundaayeedha. Dhimmoonni seenaas ta’ee siyaas-diinagdee kitaaba kana keessatti ka’an hundi ragaa madda amanamoo irraa ta’aniin akka deeggaramaniif ijibbaanni godhameera. Bakka tokko tokkotti, akka nama siyaasa Oromoo yeroo dheeraadhaaf hordofaa fi keessatti hirmaataa turetti, xiinxallii fi hubannoon barreessaas itti dabalameera.

Kufaatii fi mugaatii jaarraa olii irraa dandamachuudhaan Oromoon amma ka’eera. Jaalatee jibbee, dirqama Gaanfa Afrikaa funduratti tarkaanfachiisuu addadurummaan seenaan kan fe’e Oromotti. Kanaaf dhaloota hubannoon gabbate, irree beekumsaa cimsate; hidhannoo siyaasaa, seenaa fi saayinsii tolfate uumuun qooda hayyoota Oromoo fi firoottan isaati. Jaarraa 21ffaa keessa saba guddaa akka Oromoo beekumsaa fi hubannoo cimaan maletti, hooggansaa fi jaarmaya sona qabaniin alatti geggeessuun ulfaataa ta’a. Hooggansaa fi jaarmayni mooraa Oromoo keessatti tokkummaa waaraa argamsiisuuf hojjatu, kan qormaata keessaa fi alaan saba mudatu faccisuuf tattaafatu hin jiru taanaan hireen saba kanaa faffaca’uu ta’uu mala. Duboon faffaca’uu kufaatii ta’uu isaa ragaaf Oromoo caalaa kan dhiyaatu hin jiraatu.

Oromoon saba guddaadha. Sabni guddaa fi boonaan kun waan guddaa fi waan boonsaa hojjachuu qofatu irraa bareeda. Akkuma baay’inaa fi qabeenya isaa Oromoon beekumsaa fi qaroominaan hundarra dheeratee, hubannoonis mara ciicatee argamuu qaba. Dur alagatu isa hidhe. Amma sakaallaan hiikameera. Ifnanni bilisummaas bayeera. Kana booda qaamoota alaatti quba qabuun baay’ee deemsisa hin fakkaatu. Sababa tarreessuun, harkifannaa heddummeessuun hin feesisu. Sabni kun kallattii hedduun baay’ee duubatti hafeera. Ganamaan fe’achuun, hunda dursee tarkaanfachuun, fiigicha siyaas-diinagdeen morkattoota hunda moo’achuuf hojjachuun gayee Oromooti. Ammas, Oromoon saba hundi abdatu, odaan isaa kan cufti jalatti haragalfatu akka ta’uuf hojjachuu qaba. Kanaaf siyaasa isaa itiffachuun, mooraa isaa tasgabbeeffachuun, tarsiimoon masakamuu aadaa godhachuu qaba.

Sabni kun seenaa hatamaa, tooftaadhaan dirree siyaas-diinagdee irraa darbatamaa tureera. Oromoon amma imala gara dirree bilisummaa, dimokrasii fi badhaadhinaatti isa geessu eegaleea. Danqaaleen daandii irratti isa qormaatan heddu ta’uu malu. Didhaa fi hudhaalee jiran hundaaf uf qopheessuun, siyaasa isaa daandii hubannoo fi tarsiimoo qabsiisuun waan boruuf jedhamuu miti. Kun injifannoo argame tursiisuuf, akkasumas tapha siyaas-diinagdee hundarratti goolii laakkofsiisuuf murteessaadha. Kitaabni kun kana dhugoomsuu irratti waan gumaachu heddu qaba.

Yaada namoota kitaabicha dubbisanii keessaa:
“Kitaabni kun dhugaa dubbachuuf kitaata seenaadhaaf ta’u qabu kan addaa ta’eedha. Ani kitaabilee qabu keessa kana akka kitaaba kanatti jaaladhu hin jiru harka caala abbaan carroomee bitate nibadhaadhe. Anaaf kitaaba amantaan addaa base hin ilaalu.”

Dhaloonni kun hubannoo siyaasaa fi seenaa cimsachuun hegeree Oromoof murteessaadha

Jaarraa 21ffaa keessa jirra. Jaarraa kana keessatti dirree siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaan moo’achuuf beekumsi, hubannoon, qaroominaa fi odeeffannoon murteessaadha. Oromoon qaama hawaasa addunyaati. Waan jaarraan kun gaafatu harkatti galfachuudha saba kana injifataa, funduratti saffisaan tarkaanfataa kan taasisu. Gama kanaan, yaalii bira bifa darbeen, hujiin gayaan hojjatameera jechuuf wanti nama uggisiisu heddu jira hin fakkaatu. Kaayyoon kitaaba kanaas yaalii dhaloota qaroome, bilchaate, siyaasaa naannoo fi addunyaa hubate uumuuf godhamu keessatti waa gumaachuudha.
Oromoon saba guddaadha. Oromoon utubaa Gaanfa Afrikaati. Akka arbaatti siyaas-diinagdeedhaan baadhatee naannoo kana ceesisuu seenaan Oromotti dirqama fe’eera. Dirqama seenaa jaarraa tokkoo fi walakkaa booda dhufe jalaa dheessee garri Oromoon bayu jira hin fakkaatu. Falli dirqama kana baadhachuuf irree fi ceekuu isaa cimsachuu, dhaloota qaroomee fi qarame baayi’naan horachuu, dirqama seenaa kanas akka ba’aatti utuu hin taane akka carraatti fudhachuudha.

Jaarraa oliif dukkana keessa turus, amma hegereen Oromoo yoomiyyuu caalatti ifaadha. Hireen dansaan barootaaf hawwamee fi dhugoomsuudhaaf qabsaayame harka isaa seenteerti. Qabaa hin tolchan taanaan wanti harka seene qubbiin jidduun harkaa nama bayuu mala. Hireen argamte akka hin baaneef qabaa tolfachuun gayee Oromooti. Hiree amma argamte tikfachuuf, siyaas-diinagdeen funduratti tarkaanfachuuf carraaqqiin Oromoon godhu, keessumattuu shoorri dhaloota qubee, kan laayyo ta’uuf hin deemu. Dhaloonni Qubee saba isaa bilisoomsuu, Oromoo hallayyaa gabrummaa keessaa harkisuu, irratti qooda dorgomaa hin qabne taphateera. Hegereen Oromoos kan jiru harkuma dhaloota kanaati. Milkii fi injifannoo caaluuf dhaloota baratee fi hubatee uumuuf hubannoo seenaa fi siyaasaa dhaloota kanaa gabbisuun murteessaadha. Dhimmi dhaloota qarame omishuu waan boruuf jedhamuu miti. Kana dhugoomsuuf carraaqqii godhamu keessatti kitaabni kun waan gumaachu qaba.

Akkuma gara jalqabaatti ka’e kitaabni kun qabiyyeenis ta’ee akkaataa itti barreeffameen kitaabota kana dura Afaan Oromootiin barreeffamaa turaniin waan adda isa godhu heddu qaba. Kitaabni kun kitaaba mataduree heddu kaase. Seenaa fi siyaasa kallattii biraa irraa nutti mul’isuuf carraaqqii taasiseedha. Hunda caalatti, dhimmoon ijoon kitaabicha keessatti ka’an ragaalee qorannoon kan deeggaramaniidha.

Dimshaashumatti, siyaasaa fi seenaa gadifageenyaan hubachuu yoo kan qabdan ta’e kitaabni dubbifamuu qabu isa kana. Kitaaba kana harkatti galfadhaa waa irraa baradhaa.

siyaasa Oromoo.kitaaba haarawa
Siyaasa Oromoo: Imala Obsa Fixachiisaa fi Hegeree Abdachiisaa.