Kaardiin Finfinnee Woyyaanee harkatti gubate

Itoophiyaa keessatti wanti Oromoon afoo dhaabate kamuu hin milkaayu.

Woyyaaneen tibbana Oromoo kallattii fi xiyyeeffannaa dhabsiisuuf ni hojjata, hariiroo Oromoo fi Amaaraa jiddutti uumamaa dhufe booressuudhaaf furmaata jettee kan yaadde kaardii Finfinnee qabattee gadi baate. Kaardiin isii kuni guyyaa haraa harkatti gubateera, garuu. Kunis kan ta’e siyaasa bilchina qabu, isa fageessuu yaadu Oromoon geggeessuu isaatiin. Kaardiin Finfinnee kan harkatti gubate, wolhubannaan OroMara kan abshaalummaa isii harkaa fudhate, sa’aa kanatti  Woyyaaneen taasiyaa irra jirti.
Barana Woyyaaneen hedduu rakkatte.  Hallayyaa siyaasa hamatti dhidhimte. Qilee itti badde keessaa harkisee nama baasa jettee waan ol’kaayatte keessaa inni tokko kaardii Finfinnee ture. Dhimmi Finfinnee dhimmi miira Oromoo tuqu akka ta’e beekti. Dhimmi Finfinnee saboota (keessatuu Amaara) birattis bifa addaan ilaalama. Yeroo irreen Oromoo fi Amaaraa hudhee isii qabe kanatti abdiin Woyyaanee dhimmi Finfinnee Oromoo fi Amaara wolnyaachisa, haariiroo amma isaan lamaan jiddutti uumame ni balleessa, qilleensa wolhubannaa biyyaa fi biyyaan alattis mul’ataa jiru ni summeessa jettee amanti ture. Kan ta’e faallaa waan silaa isiin ni ta’a jettee eegaa turteedha. Kaardiin isii himtuu mardoo malee funyoo gaafa rakkoo isiif ta’uu hin dandeenne.
 
Woyyaaneen ummanni bakkuma durii (diina woloo dhiisanii wolitti wocuu fi wolitti qoxxisuu) jira jettee yaaddi. Woyyaanetu bakka dhaabattetti gogee hafe malee ummanni, sakallaanis ta’u, hedduu tankaarfateera. Woyyaaneen akkanatti yaadaa, siyaasa biyyattii bifa kanaan hubataa yoomuu ariitee ummata kana kan dhaqqabdu hin fakkaatu; hanga ummanni dhaabatee hin eeginitti. Ummanni foollii bilisummaa argu eegale kana booda wolqabatee yoo hedduu funduratti saffise malee carraan wolsakaaluu jira hin fakkaatu. Woyyaanee fi kittillayyoonni isii #Oromaaraa hin dhaqqabdanii abdii kutadhaa.