Jireenyatti milkaayuu barbaadduu? Qabxiilee kanniin irratti xiyyeeffachuu hindagatinaa

Wantoota akka laayyotti harka namaatti hinkufne keessaa inni tokko injifannoo ykn milkii jireenyaa argachuudha. Hedduun namaa milkaayuu nihawwa; kan dhugatti milkaayu garuu waa xiqoodha. Milkiin namoota garagaraaf hiikkaa adda addaa qabdi. Milkiin irraa haasayutti jiru isa diinagdeen badhaadhuu ykn beekumsaan hayyoomuu ykn dandeettii addaan beekkamuu ta’uu nimala. Daandii qabannuufi gosa milkii filannutu addaaddummaa uuma malee hawwiin milkiif qabnu hundas ta’uu baatu hedduu keenya wolnufakkeessa.

Wanti nuti akka milkiitti keennu hedduu cimaa kan bira hingayamne fakkaata. Tarii sii yaaduufi namoota sidhagayutti yaanni kee  aabjuu ykn fixeensa ganamaa fakkaatee mul’achuun nimala. Jalqaba irra yaanni kee aabjuudhuma guyyaa fakkaatee sitti ykn waahiloota keetti mul’achuun isaa sihinajaa’ibin. Yeroo heddu diinni keenya fagoodhaa hindhfu: shakkiin ati ufirraa qabdu duubatti siharkisa, yaadni namootaa aabjuu kee akka gattu sitaasisa.  kan muratee waan yaade hunda gara hujiiti hiikkateef wanti yaade hundi yeroo hangamuu fudhatu waanuma danda’amuufi bira gayamuudha. Wanti hundi keenya qajeelatti hubachuu qabnu garuu, milkiin jireenyaa hujii, obsa, dadhabbii, bu’ibayiifi woreegama heddu gaafata.

Imala jireenyaa injifannoon gegegessuuf wanti godhamuu ykn tankaarfiin fudhatamuu qaban danuudha. Hundi  altokkotti akka hindanda’amne nihubattu. Milkaayina barbaanna taanaan qabxiilee  irratti hojjachuu ykn aadeffachuu qabnu keessaa ijoo tarreesseerra. Kamiif dursi laatamuu qaba? Isa kan murteessu isinuma; haala jiruufi jireenya keessanii kan beeku isinuma waan ta’eef. Qabxiileen akka asii gadiitti dhihaatu. Irratti hojachuufi jireenya keessan ittiin fooyyeffachuun dirqama keessan.

  1. Hiriyyummaan namoota wojjiin qabdu kaayyoo kee wojjiin hindeemu yoo ta’e xumura itti laatuu irraa duubatti hinjedhin. Gobbutti makamtee deemuu irraa ufqusadhu.
  2. Milkaayina hawwita taanaan onnee waa uggitu qabaachutu sirraa eeggama.Waan cufa sodaattee harkaafi miila hidhattee jiraachuu nidandeetta. Milkaayinni garuu sodaatanii waan hunda irraa hidhamanii taa’uu bira hinjirtu.
  3. Waan waadaa seentu irra waan hujiin mul’istu caalchisuuf yaali.
  4. Kufaatii simudatuu maluuf namatti quba qabuu dhiisii itti gafatamummaa fudhu.
  5. Kufaatii adeemsa keessatti siqunnamuu malutti hinqaanfatin. Kan osoo hinkufin bakka guddaa gaye ykn tabba baye hinjiru.
  6. Namoota kaayyoofi dandeettii kee gaafii keessa galchan sirreessuuf hindhama’in. Adeemsa keessa wanti hundi ifa ni ta’aaf.
  7. Namoota dandeettii kee shakkanitti seeqadhu.
  8. Bakka woyiitti gargaarsaafi gorsa namootaa akka sibarbaachisu hubadhu ykn fudhadhu. Namni tokko waan cufa akka dansatti beekuun inuma hinyaadamne.
  9. Woldorgommii kabaji ykn ulfeessi.
  10. Kufaatii namootaa arguu irra injifannoo isaaniif hawwi.
  11. Milkaayina argamsiisteef namoota irraa galata argachuu ykn barbaaduu hujii hingodhatin ykn kabajaa argachuuf hincinqamin.
  12. Ganama hunda dura hirribaa ka’uu aadeffadhu. Culullee ganamaan kaatetu ija fuudha.
  13. Gatii ufiif kenni; yeroodhuma namoonni akka nama bu’aa hinqabneetti silaakkayanis.
  14. Waa’ee namootaa osoo hintaane yaadota gurguddoo irraa haasayuu heddummeessi.
  15. Maallaqa kee hanga saantimootaatti too’achuuf yaali.
  16. Karoora baafatte galmaan gayuu irratti cichi; hangamuu dadhabsiisaafi obsa fixachiisaa yoo ta’e.
  17. Waa xiqqoos taatu, yeroo injifannoon ykn milkiin argamte itti gammadi.
  18. Gara jalqabaatti faaydaa argattu irra waan faaydaa argamsiisu irratti maallqa, yeroofi beekkumsa kee dhangalaasi.
  19. Jijjiiramaaf saahuu ufqopheessi.
  20. Maallaqni waa hunda dursuu akka hinqabne quba qabaadhu.
  21. Yeroo tokko tokko waan keessi kee sitti himus dhagayi.
  22. Bakka heddutti ufhinciccirin. Kallattii dandeettiifi fedhii itti qabdu irratti fuulleffadhu.
  23. Yaanni kee inni jlaqabaa tarii isa hunda caalu ta’uu dhabuu akka malu qalbisi. Isa caalu barbaaduu hujii kee keessaa tokko taasisi.
  24. Hariiroofi jireenya hawaasummaa hanga tokko woreegi. Hoy hoyiin gammachuu yeroo malee milkii isa waaree hinargamsiisu.

Yaadadhaa, wanti akka salphatti argamu hinjiru; kessumaayyuu aabjuu ufii guuttachuun waan laafaa miti. Osoo salphaa ta’ee aabjuuyyuu hinta’u. Waan dhugumatti hawwinu bira gayuun hujiifi dadhabbii ykn woreegama guddaa gaafata. Kana jechuun ammoo yeroo hunda dhagaa baqaqsuu qabna jechuus miti.  Waan hunda caalaa kasaaraan akka taa’aniituma aabjachuu hinjiru. Worri taa’aarru, diriirfannee, daaraa dhadhahannee haa kaanuu.