Jilli ODF ob.Leencoo Lataan dursamu gara Oromiyaatti qajeele

ODF waadaa woggaa lama keessatti qabsoo biyyatti deebisa jechuun seene guute. Boqonnaan itti aanu hoo maal ta'ina?

Jilli Adda Dimokraatawaa Oromoo (ADO) ob.Leencoo Lataatiin hoogganamu guyyaa har’aa gara Finfinneetti qajeeluu isaa oduun maddiilee amanamoo irraa arganne mul’isan. Jilli kuni hooggantoota ODF sadarkaa ol’aanaa keessaa eenyuun fa’a akka ammate ammatti wonti beekame hinjiru. Hunda hubachuuf hanga isaan Finfinnee gayaniif obsaan eeguuf dirqamna.

Dhaabichi biyyatti qajeeluun isaa hubatamus ammatti garuu waa’ee simannaa biyyatti isa eeggatuu irraa wonti ibsame tokko hinjiru.

ADOn ykn ODF yeroo woggaa lama dura hundeeffamu korri sabaa dirqama dhaabichaafi qabsoo Oromoo woggaa lama keessatti biyyatti deebisuu hooggana dhaabaatti kennuu isaati kan hooganni ADO  irra deddeebi’ee dubbataa ture. Murtii sani dhugoomsuuf yeroo dheeraadhaaf itti dhama’aa turuu isaallee ibsa hoogganni yeroo adda addaatti laataa ture irraa hubatameera. Dirqama ADO yeroo murteeffame san keessatti biyyatti galchuu dhugoomsuuf dhaabichi mootummaa biyya bulchu wojjiin bifa adda addaatiin marii sadarkaa adda addaa geggeessaa turuu isaati kan kana dura himame. As kaluu kana garuu,  perezidaantiin dhaabichaa ob. Leencoo Lataa yaaliin osoo biyyatti hin galin dura murtee tokko irra mootummicha woliin gayuu kan hinmilkoofne ta’u ibsanii, dhaabichi yeroo korri murteesse kessatti biyyatti galchuun  kan hinhafne ta’uu VOAtti himuun niyaadatama. Mariin biyya alaatti mootummaa wojjiin godhamuuf ture hedduu lafarra harkifate, akka ibsa ob.Leencootti.  Kana booda mariin mootummichaafi ADO jiddutti godhamu Itoophiyaa keessatti kan geggeeffamu ta’a jechuudha. Marii kanaaf haalli maaltu mijaaye akka jiru ammatti wonti ADOn ibse tokko hinjiru.

ADOn biyyatti galus filannoo bara 2015 irratti carraan hirmaachuu baay’ee dhiphaa ta’uu isaati ob.Leencoo Lataa, perezidaantichi dhaabaa, kan dubbatan. Hoggantonni dhaabaa akka dhuunfaatti, haalli aanjawaan jiraata taanaan, filannoo irraa qooda fudhachuu kan danda’an ta’uu isaatis perezidaantichi kana dura ibsuun waan yaadatamuudha. ADOn filannoo as dhufaa jiru irratti akka hinhirmaanneef danqaan guddaan mariin harkifachuufi dhaabichi hanaga ammaatti biyyattii kessatti seera guutee galmaayuu dhabuu isaati.

Dhaabichi yeroo adda addaatti qabsoo sabichaatti lubbuu horuuf biyyatti deebi’uun alatti filannoon fooyya’aan kan hinjirre ta’uu addeesse. Oromoon karaa nagaan biyya keessatti qabsayuun balaa saba irrati akeekkate faccisuu irratti gumaacha guddaa kan qabu ta’uu isati ob.Leencoo Lataa irra deddeebi’anii kan dubbataa turan. Egaa ergaa kana dhugoomsuuf, akka ibsa Leencooti, ADOn kan biyyatti deebi’uuf.

Biyyatti deebi’uun balaa mataa isaa kan qabu ta’us hadhaa qabsoon fiiduu maltu hunda dhadhamuuf dhaabni isanii kan qophaaye ta’uus ob.Leencoon ibsaniiru. Qabsoo Oromoo dhaamuuf jiruutti lubbu horuuf haaluma rakkisa san keessatti qabsaayuun alatti falli biraa kan itti hinmul’anne ta’uu isaati ADOn kan irra deddeebi’ee ibse.

Murteen ADOn fudhate deggarsaafi mormii Oromoota biraa, keessattuu isaan biyya alaa jiraatan biraa, kaasee jira. Worri akeeka ADO deeggaran dhaabichi qabsoo biyyatti deebisuuf labsuun, akkasumas haaluma rakkisaa ta’e san keessatti qabsayuuf murteeffachuun yaada bayeessaafi qabsoo funduratti tankaarfachiisuu danda’uudha jedhan. Kanniin murtee kana morman ammo haala dhabamiinsa dimokraasii biyya keessatti bal’innaan mudhatu kanatti, yeroo dhaabbileen biyya jiran irree mootummaan  laamshayanitti, ADOn biyyattis galu jijjiiramni fidu tokkoyyuu hinjiru jedhu. Inumaa, hireen hidhamuufi dararamuu hoogganaafi deegartoota dhaabaa akka hinmudanne sodaatan.

Nuti gama keenyaan hiree gaariifi milkaawina isaaniif hawwina.