Jilli hooggana ol’aanaa ODF/ADO Kiibxata gara Finfinneetti imala

Jilli hooggana ODF/ADO guyyaa Roobii magaalaa Finfinnee seena

Jilli hoogganootaa ol’aanaa ODF/ADO Kiibxata gara Itoophiyaatti akka imaluu fi guyyaa Roobii magaalee Finfinnee akka seenu beekame. Jilli kuni kan gara biyyaa imaluuf haala biyyatti deebi’ee sochii siyaasa biyyattii keessati hirmaatuu danda’u irratti mootummaa waliin marii geggeessuudhaf.

ODF baati Caamsaa 11 hanga 12 tti jila mootumaa Itoophiyaa woliin marii geggeessuu isaa ibsee ture. Mariin kuni geggeeffamuu isaa mootumaan Itoophiyaas amaneera. Mariin itti aanus biyya keessatti akka geggeeffamuuf kan gaafate mootummaa Itoophiyaati.

ODF bara 2013 kaayyoo qabsoo Oromoo biyyatti deebi’uu qabdi jedhuun dhaabate. Barri 2013, yeroon ODF biyyatti galuuf murteeffate yeroo OPDOn hirribaa hin kaane, OFC’nis hin jabaannee fi qabsoon Oromoo hin finiinne ture. Karoorri isaas woggaa 2 keessatti biyyatti deeb’iuuf turte. Yeroo sanitti  Woyyaaneen uftuultuu waan turteef karoorri ODF kun hin dhugoomin hafe. Jilli ODF Bitooteessa 2015 Finfinnee seenee ture biyya irraa akka bayu taasifamuun isaa ni yaadatama. Kunis kan ta’eef sodaa fi shakkii Woyyaaneen ODF irraa qabduuf.

ODF biyyatti deebi’uu kan murteesseef jijjiirama amma biyya keessatti uumame hordofeeti namoonni jedhan jiru. Kun sirrii miit. Kuni beekaa dhugaa jallaisuu ykn seenaa dhaabichaa wolllaaluu irraa madda. ODF gaafuma dhaabtuu, bara 2013, kaasee kaayyoon isaa biyyatti galee qabsaayuu ture.  ODF 2013’tti kaayyoo fi karaa itti amaneen qabsaayudhaaf murteeffachuu malee gabaa siyaasaa oo’ite saammachuu fi bu’aa argamaa ture qoodachuuf miti. Yeroo sanitti hedduun namaa jedhaa kan ture ODF biyya gallaan haalli biyyattii hin hojjachiisu, kayyoon isaa kan ummata hidhaaf saaxilsiisu jedhamaati kan ture. Leencoo Lataa mana hidhaatti darbama jedhamaati kan ture malee akka har’aa qabsoo finiinte gufachiisuuf deema kan jedhu hin turre. Kunis, barri 2013 yeroo dukkanaa fi yeroo hedduun Oromoo, keessaa fi alattis, abdii kutatee fi mataa gadi itti qabtee ture waan ta’eef. Murteen amma inni biyyatti galuu waan jijjiirama amma uumameen wolqabatee miti. Wanti jijjiiramni kuni argamsiise yoo jiraate ODF carraa biyyatti galuu woggaa 5 oliif dhoorgatamee ture amma argachuu isaati.

Bara 2013 – 2015 tti, yeroo ODF qabsoo biyyatti deebisuudhaaf murteessetti, qeeqni ka’aa ture ODF  biyyatti deebi’uun irbaata Woyyaanee ta’uudhaan alatti faaydaan inni fidu hin jiru isa jedhu. Worri ODF garuu as taa’anii rakkoo tarreessuu fi miidhaa saba irra gayuuf fagoo taa’anii imimmaan harcaasuu irra biyyatti galanii haaluma rakkisaa keessatti qabsaayutu qabsoo Oromoof faaydaa qaba amantaa jedhu irratti ciche. Ummata woliin hidhamuu fi hadhaa qabsoo dhadhamuuf murteeffate. Tooftaan qabsoos hidhannoo maleesa ta’uu isaa dubbate. Kun hundi osoo Fincilli Diddaa Gabrummaa Gincitti sadaasa 2015 hin dhooyin.

Hoogganoota ODF/ADO

Yeroo dheeraadhaaf jaarmayalee siyaasa Oromoo keessaa OFC fi ODF addadurummaadhaan sabni kuni murannoodhaan qabsoo hidhannoo-maleessa geggesse taanaan jijjiirama fiduu ni danda’a jedhanii kan ifatti labsan. Yeroo ummanni heddu qabsoo qawwee malee qabsoon hidhannoo-maleessa mootummaa Woyyaanee hanga funyaaniitti hidhate jilbiiffachiisuu hin danda’u jedhanitti jaarmayaaleen kunniin qabsoo hidhanno-maleessaa filachuu isaaniitiif akka jaarmayaalee siyaasa Itoophiyaa (amala Woyyaanee) hin hubannetti fudhatamaa fi xiqqeeffamaa turan. Yeroo sanitti (bara2013/14) qabsoon hidhannoo-maleessaa fana tokko hin tankaarfachiisu jedhamaati kan ture. Amma, qabsoon hidhannoo-maleessaa eessaan akka Oromoo geette hundi argeera. Osoo yeroo dheeraa dura tooftaa kana hordofneerra ta’ee jedhaa kan mataa uf hooqus heddu.