Jijjiirama hawwinu osoo hin argine qabsoo eegalle irraa duubatti jechuu hin qabnu

Ganna 25’f Itoophiyaa keessatti ummanni ukkamfame, akka hin dubannee fi hin jiraanne taasifameeti kan ture. Kan hin xiqaanne, hin salphannee fi mirga isaa guutummatti hin sarbamne yoo jirate saba tokko qofa: isa Tigraay. Isaan keessas hiyyessi Tigraay waadaa gaafa gammoojjii seenameen wolhin agarre, Oromoon Raayyaa afaan isaanii dubbachuun (irra jireessi) alatti diinagdee fi siyasaan worra Maqalee, Aksumii fi Adwaan wolitti hin makamne. Mootummaann woggaa 25’f taayitaa irra ture kan tajaajilaa ture adda durummaadhaan saba tokko keessatti gartuu dhiigaa fi wolbeekumsaan wolitti diraman qofaadha. Saamichi, ajjeechaan, dhiittaa fi gochi badii ummata biyya Itoophiyaa keessa jiru (akka dhuunfaattis ta’ee akka sabaatti) gaddisiisaa, ufjibbisiisaa, boochisaa fi mar’umaa isaanii bobeessaa ture; ganna 25’f.

Ganna 25’f garaan ummata miliyoona hedduu yoo gubate, ibiddi mur’umaa hundaatti yoo qabate kan geeddaramu gara volkaanootti. Volkaanoon ukkaamsanis hin ukkaamamu. Bishaanii fi roobaan hin dhaamu. Humna tikaa fi  rayyaa woraanaanis hin too’atamu. Sochiin Oromoon akka volkaanootti kan dhooye bara 2014. Sadaasa 2015, volkaanoon kuni, anniisaa godhatee babal’atee ifee addunyaa irratti mul’ate.

Sochii Oromoo kana dhaamsuuf/ukkaamsuuf yaaliin hin godhamne tokko hin jiru. Gootota Oromoo qaqqaalii heddu nurraa ajjeesan. Kumaatama madoo taasisan. Namoota laakkofsi isaa hin beekamne mana hidhaatti geessan. Dhiigni Oromoo Oromiyaa lolaasee. Tankaarfiin gara jabeenyaa Oromoo fi kanniin mirga namaaf quuqaman hunda boochise. Wantoonni fokkisaan heddu woggoottan lamaan dabran kana Oromoo irratti raawwatamus dhugaan gurguddoon tokko akkuma jirutti itti fufe: Oromoon lubbuu ufii mararftaee hin jilbiiffanne; Woyyaaneenis dhala Oromoo ajjeesuu fi reeffa lammii allaattii nyaachsisuu irraa duubatti hin jenne.

Gootummaan Oromoo yeroo as dhihoo kuni Oromoo hunda boonse. Hafuurri bilisummaa akka itti urgaayu taasise. Dhiigni saba keenyaa daandii irratti dhangala’e Oromoo dallansiise akka gootummaan hundi diina afoo dhaabatuuf dirqisiise. Kana qofatti hin dhaabanne: Saboota akka Oromoottii dhitamaa fi saamamaa turanis akka mirga isaanii gaafatan; haqa isaaniif falmatan; kabajaa ufiif dubbatan kakaase. Qaanqeen qabsoo bilisummaa fi fincilli diddaa gabrummaa magaalota Konsoo, Amaaraa fi Sidaamaa keessatti akka qabsiifamu taasise. Oromoon qe’ee isaaf qofa osoo hin taane ganda ollaafis ifaa fi abdii bilisumaa ta’uu argisiise. Hoggansi Oromoo Gaafa Afrikaaf murteessaa ta’uu isaa mirkaneesse.

Sa’aa kanatti qaanqeen bilisumumaa ganda heddu keessatti qabatteerti.  Woyyaaneen dhaamsuudhaaf asiifi achi jetti…humna qabdu hundatti dhimma baati. Garuu, akkuma arginu Goondar, Amboo fi Awodaay keessatti ibiddaan gubatti…dandii irratti ciincofti, ciloofti. Adeemsa woggaa 25 keessatti takkaa waan akkanaa hin agarre, Woyyaaneen. Tufii fi uftuulummaan kan gutamte, tasa wanti akkanaa Oromoo fi Amaara; akkasumas Sidaamaa, Konsoo fi saboota hunda biraa namudata jettee hin eegne. Ammatti haalli jiru isa woggaa dabree mitii isa kaleessaatiinis adda. Woyayaneen galaana itti badde daakti. Waan ganna 25’f facaafatte haamatti. Yeroo gabaabaa keessatti dhabama ni taati.

Qabsoo Woyyaanee irratti geggeeffamu wolqabatee rakkoon ykn hir’inni yeroo dheeraadhaaf mul’ataa ture taa’anii wol ilaaluu ykn woliif birmachuu dhabuudha. Amboo yoo ka’amu inni Ciroo taa’ee ilaala ture. Oromoon yoo ka’u Amaaraa fi saboonni biroo dangaa dhabatanii taajjabuu ture. Woggaa kana rakkoon kuni fala kan argate fakkaata. Oromoon daangaa hanga daangatti ka’eera. Ganda hundatu lolate. Aanaa hundatu mirgaa fi haqa ufiif dubbate. Isa bahaa fi dhihaatu wolirratti du’uuf dhaadate. Sochiin Oromoon osoo wolirraa hin cinne baatii 8’f geggeesse sabni Konsoo, Amaaraa fi Gambeellaa mirga isaaf akka dubbatu kakaase…jajjabeesse. Woyyaanee irratti, iddoo isiin geette hundatti, ibiddi akka qabatu taasise. Sabni gurguddaan finciluun inni hafes akka finciluuf haala mijeessa… hamilee saba biroos kakaasa. Hundi yeroo tokkotti ka’uun harka Woyyaanee qal’isa, Agaazii fi humni federaalaa asiifi achi akka faca’aniif dirqamsiisa. Kuni naannoon tokko tokko too’annaa humna ajjeechaa fi gidirsan ala taasisa…bilisummatti geessa. Ammas, mootummaan Itoophiyaa gooli uumaa fi dhiiga dhangalaasaa ta’uu addunyatti argisiisa. Qabsoon kuni akkuma cimee itti fufeen, umriin mootummaan Woyyaanee hedduu gabaabaa ta’uu firaa fi diinattis argisiisa.

Qabsoo tanarratti lammii heddu dhabneerra: du’aa fi hidhaadhaan. Gochi gara-jabeenyaa nurratti raawwatame ganda hunda ganda gaddaa fi taasiyaa taasise. Oromoo hundi waliin imimmaan harcaase. Dhugumatti, woggaan kuni Oromoof ulfaataadha. Gama biraatiin, gatiin qaaliin kaffalamus, barri kuni bara Oromoon mataa itti olqabate. Barri kuni bara mootummaan Woyyaanee itti xiqqaate. Barri kuni bara diinni Oromoo itti qaanfate. Bara kana waan heddu arganne, hedduu funduratti tankaarafanne. Qabsoo keennaan Woyyaaneen hidda irraa sochosne, gootummaa keennaan saboota biraas dadammaqsine, akkasumas qabsoo keennaaf deeggarsa dippiloomaasii cimaa argamsiisne. Injifannoon argame hundi akkuma jirutti ta’ee, wonti nuti ammatti godhuu hin qabne yoo jiraate: qabsoo dhiiga itti dhangalaasnetti xumura osoo hin goone boqachuudha. Kan boqannu yoo Woyyaaneen mataa irraa uf buufne qofa ta’uu hundi keenna jala sararuu qabna. Haala woggaa 25’f ture itti haa fufuuf miti kan gootonni hedu nu biraa ikufaniif. Jijjiirama hawwinu osoo hin arginu harka kennachuu fi abdii kutachuu hin qabnu.