Jijjiirama dhufaa jiru dhugoomsuudhaaf jaarmayaaleen keenna siyaasa anamalee keessaa saffisaan bayuu qaban

Siyaasni wolxiqqeessuu fi OPDO qofa busheessuu eessaanuu nu hin gayu

Dimokraasiin akka dhufuuf, diigamiinsa jalaa uf baraaruudhaaf hundi keenya garee kana deeggaruu fi jajjabeessuun alatti, gareen kuni gara dimokraasiitti biyyattii akka ceesisuuf dhiibbaa godhuun alatti falli biraa kan hin jirre ta’uu dubbate obboo Baqqalaa Garbaa. Fageessanii waa ilaaluun kana. Dantaa sabaa fi biyyaaf dursa laatuun akkana. Yaadadhaa, kana dura gaafa Ob Baqqalaa Garbaa mootummaa kana hidhannoo malee Oromoon jilbiiffachiisuun ni danda’a jedhe namoonni tokko tokko jecha isaa akka qoosaatti fudhataa turan. Ammas, jechaa fi gorsi hayyuu fi hoogganaa kanaa dhaggeettii argatuu qaba. Waa malee miti kan Ob Baqqalaan Dr Abiyyii fi Ob Lammaan hunda irraa deeggarsa argachuu qaban kan jedheef. Hundi garee kana akka jajjabeessuuf kan waamicha godhuuf jaala OPDO ykn Garee Lammaatiif miti. Haala qabatamaa amma Oromoon keessa jiru keessatti dantaan Oromoo isaan dadhabsiisuun osoo hin taane isaan cimsuudhaan kan eegamu jedhee waan hubateef, akkuma Oromoo hedduu abdii garee kanarratti waan horateef.

Dhugaa ufitti himuun gaariidha. uf gowwoomsuun, olola silaa diinaaf maleen woldhamaasuun uf balleessuu, tan argamtes uf harkaa baasuudha. Hundi keenna yoo duruunfannee dhiibne mootummaan kuni ni jiga. Qeerroon mootummaa kana akka jigsu, biyyatti eennuu akka hin bulchine godhuu kan danda’u ta’uu isaa bira yeroo kanatti shakkiin heddu hin jiru. Garuu, kaayyoon Oromoo Oromiyaa ijaaruu malee jigsuu miti. Jigsuu jechuun maaliidha? Mootummaan dhabamuun diigamuudha. Oromiyaa diigamuu irraa habisuu, yok isii diigamte saffisaan  ijaaruun qaama cimaa ijaarame, kan ammas hundi abdii irraa qabu lafaa qabaachuu gaafata. Baatii 5 ykn woggaa tokko booda jaarmayni kam cimee akka as bayu hin beeknu. Ammatti garuu, dhugaan hadhooftuun, jaarmayni siyaasaas ta’ee dhabbanni biraa osoo Oromiyaan boru diigamtee baatii muraasa keessatti deebisee Oromiyaa miilaan gadi dhabu tokko hin jiru. Sababni dadhabina isaanii irra caalatti dhiibbaa ADWUI’n woggaa 27 jaarmayaalee siyaasaa irratti godhaa tureedha. Waanuma fedhee haa ta’uu sa’aa kanatti humna misooma fiduu mitii isa caasaa bulchiinsaa godinaa fi aanota hunda keessa saffisaan diriirsuu, isa mindaa kaffalee hojjattoota jiraachisuu danda’u tokko hin jiru. Akka Woyyaneen goote jaarmayni humna qawween hunda lafatti dachaasee Oromiyaa qabatus ammatti nutti hin mudhatu. Yoo mootummaan bulchiini Dr Abiyii fi Ob Lammaa bakkaa ka’e kan ta’uuf deemu jaarmayaalen xixiqqoon hunda hundaa as yaa’uudha. Kuni haala yeroo ce’umsaa wolxaxaa taasisa. Oromiyaa bulchiinsa malee hanbisa. Sabanis,jalqabatti, jaarmayni Oromiyaa haa bulchuuf ummanni dirqama itti kenne tokko hin jiru. Yoo anatu si bulchaa taate malee. San godhuufis jaarmayin tokko humna gayaa qabaatu amatti hin mudhatu. Jaarmayni tokko godina tokko lama iratti dhuunfa godhuu mala. Kunis rakko mata aisaa qabatee gadi baya.

Lammaffaa, jaarmayaleen siyaasaa hundi mariidhaan mootummaa cee’umsaa dhaaban akka hin jenne jaarmayaaleen keenna bakka Woyyaaneen dhabamtettii mitii, woggoottan 27 darban, yeroo Oromoon gabrummaa hamaa jala turetti wolitti dhufanii woliin hojjachuu irra, dhimma woloo irratti gamtaa ijaarachuu irra dhagaa wolitti darbachuu, woldiinsuu fi wolsakaaluudha kan aada godhatan. Jaarmayaaleen woggoottan hedduuf aadaa gadhee kanaan xaxaman boru OPDOn diigamteef battalumatti wolreebbatanii mootummaa cee’umsaa Oromiyaa kufaatii irraa hanbisu, saba funduratti tankaarfachiisu ijaaran jechuun waan hin fakkaanne. Hubanoon akkanaa kan maddu xaxaa siyaasaa fi jaarmayaalee Oromoo woggoottan hedduuf keessa darban hubachuu dhabuu irraayi. Osoo gamtaa jaarmayaalee cimaa hin qabaatin Oromiyaan diigamte taanaa barri murna maqaa Harargee, Arsii, Tuulamaa, Maccaa, Gujii fi kkf keessaan, keessaa fi altti wolijaaran, namoota kaardii kanaan taphatan, ummata wolargaa wolii xireefatan wolitti araarsinee mootumaa ce’umsaa sona qabu ijaarannu bara biraati. Fagoodha. Itti milkoofnaanis waan biraati.  Lafa duwwattuu kan wolitti dhufeenya jaarmayaalee fi hoogganotaa danqe ana malee, anatu caala waan jedhuudha. Gaafa barcumni muummicha ministeraa fi pirezidaantii Oromiyaa bana ta’e maal woyya? Dhageettiif fokkistus, dhugan jirtu tana. Kana irra diddinbee bira darbuun ibiddaan nu barbadeessuu, dirree badhaadhinatti osoo hin taane gara isa kasaaraatti nu ceesisuu mala. Wanti tuffatamee bira darbamu hin jiru. Rakkon wogoottan heduuf nu sakalan hundi xiyyeeffannaa isa barbaachisu argatuu qabu. Yeroo hunda erga kasaaraan nu mudatee boonnee wolboochisuu,abaarsan wolhuqqisuu, qeeqaan wolrakkiisuu hin qabnu.

Itoophiyaa mitii Oromiyaan erga diigamtee deebisanii ijaaruun akka diiguu salphaa ta’uuf hin deemu. Osoo garee haaromsaa kun as bayuu baatee gabrummaa jala jiraachuu mannaa diigamuus filanna ta’a ture. Amma, hireen osoo hin diigamin gara dirree bilisummaa fi dimokraasiitti ce’uu argamaa jirti fakkaata; abshaalummaan itti fayyadamuu dandeenna taanaan. Namoota akka ob Lammaa Magarsaa fi Dr Abiyyi Ahmad kan quuqama sabaa qaban arganneerra; gamnummaan dhimma itti baana taanaan. Bakka amma geenne kanarratti, akkauma Ob Baqqalaan jedhe, dirreen dimokraasii akka banamuuf isaan dhiibuudha. Duruunfatanii woldhibuun wolfudhatanii hallayya bu’uus akka fidu dagatamuu hin qabu.

Ammas, duumessi ulfataan siyaasa biyyattii irraa hin kaane. ADWUI jala jiraachuun fedhii ummataas hin fakkatu. Akka abdii isaan irratti horannu, barri paartii ummanni filateen jiraannu fagoo akka hin taane akka hubannuuf jecha jarmayaaleen siyaasaa biyyaa fi biyyaan ala jiran tapha wolabaaruu fi wolxiqqeessuu, siyaasa OPDO bushessuu qofa irratti xiyyeefate keessaa siffisaan uf baasuudhaan qaban. Haaluma rakkisaa kana keessatti waa jijjiiramaa jiraachuu, faca’iinsa irraa gamtaan hojjachuu filachuu isaanii sabatti argisiisuuf cimanii hojjachuu eegaluu qaban. Bakka kun hin taanetti abalutu Oromiyaa bulcha aabjuu fi hawwii jedhu qofaan biyyattii dhiibnee hallayyaa eennuu boru keessaa baasuu hin dandeenne akka hin seensisneen yaaddoo namoota hedduuti. Bakka amma geennee irraa kallatti lama qofa qabna. Yoo abshaalummaa fi gamnummaan tankaarfanne dirree bilisummaa fi badhaadhinnaatti baana. Duruunfannee, jibbaa OPPD qofaan guutamnee fiigna taanaan Somaaliyaa biraa taana. Filannoon kan Oromooti. Garuu, dhiibbaan worra nu malee gara waan nu miidhu filaachutti akka nu hin geessine uf eeggachuu qabna. Afaaniin hafarfamus, dantaa Oromoof dursa laatuu mannaa anamaleen bakka heddutti mudhataa jira. Ennuunuu haa ta’uu, karaa kamiinuu haa ta’uu, fedhii fi hawwiin Oromoo gadadoo fi gadaantummaa jaarraa tokkoo oliitti xumura laatuudha. Dhiiga saahuu dhangalaasnu, yeroo fi qabeenya qabsoo dhuma hin qabne irratti qisaasnu hin qabnu. Bara mara qabsayaa jiraachuun gamnummaas, gootummaas miti. Bilisummaa Oromoo dhugoomsuudhaaf carraan argamte takka osoo nu hin dabarre itti fayyadamuu qabna.