Jijiiramuun OPDO ifa; daran akka jijjiiramtuuf qabsaayuun gahee sabboontota Oromooti

OPDO Woyyaanetu uumee kanaaf hin jijjiiramtuun siyaasa hin ta’u. Wanti hin jijjiiramne hin jiru waan ta’eef. Asuma ollaa keennatti, kaleessa Shaabiyaa fi Woyyaaneen qabsaayota ummataa turan. Jarreen kun Afrikaa keessaati har’a abbootii-irree 1ffaa fi 2ffaa dha. OPDO’n garba turte abad hin finciltu ykn hin jijjiiramtu jedhaa odeessuu fi abdii wolkuchisiisuu mannaa akka daran jijjiiramtuuf qabsaayuu/dhiibuu woyya. Yoo OPDO’n jijiiramte kan Oromoon fayyadamu. Kan Oromoon akka hin fayyadamne barbaaduu fi kan dantaa dhuunfaa isaaf dursa laatu qofa kan jijjiiramuun OPDO isa mufachiisu.
Namoonni #LammaaMagarsaa shakkuu hujii godhattan, OPDO baranaa fi tan bara darbee gargar baasuudhaaf rakkattan mee waan qe’ee Oromoo fi mooraa Woyyaanee keessatti yeroo dhihoo as ta’aa jiru qalbiin ilaalaa.

1. Qe’ee Oromootti maaltu ta’aara? Qabsoon Oromoo ganda Oromoo hunda keessa qilleensa jijjiiramaa, abdii fi bilisummaa gadi lakkisteerti. Shaashamannetti ummanni mataa wolqabatee jiraata. Naqamtetti Oromoon sodaa tokkoon maletti diree irratti waan garaa isaa dubbata. Ciroo fi Roobetti ummanni mataa ol qabataa tirata. Guutummatti bilisoomne jechuu koos miti. Magaalaa fi baadiyaa Oromiyaa heddu keessatti haalli baranaa kan bara darbeen tasa waan wolbira qabamuu miti, garuu. Ummanni hamilee godhateera. Oromoon daandii jijjiiramaa/bilisummaa irra jiraachuu isaa hubateera. Qilleensi bilisummaa ganda hunda keessa bubbisaa jira. Kana kan fide dhiiga Oromoo ta’us, gumaachi Lammaa Magarsaa fi bulchiinsa isaa waan tuffatamuu miti. Badii kaleessaa qofa irra dhaabatanii wolwoqaruu osoo hin taane xiqqaattus yoo namni ykn gareen tokko waa hojjate jajjabeessuu fi galateeffachuu aadaa godhachuu qabna. Kuni amala gaarii ta’uu bira darbee akka isaan daran cimanii hojatan godhuu keessattis baka guddaa qaba. Hamileen baraabachisaa mitii?

2. Mooraa Woyyaanee keessatti maaltu ta’aara? Woyyaanee fi kittillayyoonni isii, kaadiree hanga hoogganootaatti, hayyootaa hanga barreessitootaatti, hundi kan abaaraa oolu Lammaa Magarsaa fi bulchiinsa isaati. ganna 25’f akkana hin turre. Nam isaniif ta’u Oromiyaa keessa kaayatu. Kan amala addaa argisiise battalumatti aangoo irraa darbatu. Woggaa tokko as waa’ee Oromiyaa fi OPDO kan barreeffamu, kan odeeffamu akka ABO’n Oromiyaa fi OPDO dhuunfateetti. Leellistoonni ol’aantummaa Tigree halkan guyyaa Lammaa fi bulchiinsa isaa halkan guyyaa baleeleffatu, OPDO irratti dhagaa darbatu. Garuu Lammaa bakkaa kaasuu fi OPDO tana dhabamsiisuu hin dandeenne. Yaalanii dadhabnaan kan abaaru fi salphisuuu irratti fuulleffatan. Humna dhaban malee osoo akka fedhii isaaniitii Oromiyaan qaata labsii yeroo muddamsuu jalatti kufte. Kun osoo hin ta’in kan hafeef Woyyaaneen fedhii dhabdee oso hin taane bulchiinsi Lammaa Magarsaa waan tole jedhuu dideef. Ija Woyyaanee fi kittillayyoota isii biratti Lammaa Magrsaa fi hooggansi OPDO haarofni akkas jibbamuun, abaramuun, shakkamuun, boqonnaa dhoorgatamuun waan tokko akka gaaritti ragaa nuuf baya. Innis, OPDO’N ammaa ajajaa fi too’annaa Woyyaaneen ala ta’uu isiiti. Kana mitii kan Oromoon ganna 26’f hawwaa ture? Kana dhabee mitii kan Oromoon OPDO woggaa 26f abaaraa fi jibbaa ture?

Wantoonni OPDO’n amma hojjataartu gaafi Oromoo jarraa tokkoo oliif wolirratti tuulame deebisuu miti isa ganna 26’f wolirratti kuusameef fala laatuuf yeroo hin arganne, humnas hin horanne. Rakkoon ganna hedduuf tuulame OPDO haarome jettuu mitii jaarmayaan Oromoo kan biraas osoo boru taayitaa qabatee salphatti deebisuu hin danda’u. Rakkooleen hidda gadi fageeffatan heddu waan ta’aniif. Garuu, saffisa ummanni barbaaduun tankaarfatuu dhabdus OPDO’n Lammaa Magarsaa sarara sirrii irra jiraachuun isii haalamuu hin qabu. Sarara irra akka hin baane, duuabttis akka hin jenne godhuun dirqama sabboontota Oromoo hundaati. OPDO hirribaa kan kaase qabsoo Oromooti. Qabsoon Oromoo OPDO’n Woyyaanee irraa akka aantuuf hamilee fi deeggarsa laatuu qaba. Hamilee wolcabsuun wolballeessuu fi mogolee wolbuusuun alatti faaydaa biraa hin qabu.
OPDO harkatti galfachuu irratti cimnee hojjachuu qabna.Kanatu nu baasa. Isa kanatu bilisummaa saffisiisa. Tooftaa kanatu wareegama bilisummaa nurraa hir’isa. Tooftaa kanatu abshaala ta’uu keenna mirkaneessa.