Nelson Mandela
Namoota mirga dhoorgachuun namummaa isaanii gaafii keessa galchuudha.
Abraham Lincoln
Umanni hacuucame mootummaa hacuucu kuffisee isa naaf ta’a jedhuu dhaabachuuf haqa warraaqsa gegeessuu qaba.
Thomas Paine
Mirga hunda nama dhabsiisuun mirga finciluu namaaf mirkansuudha.
Napoleon Hill
Ciminnii fi guddinni qabsoo/yaalii wolirraa hin cinne qofaan argama.
Thomas Jefferson
Tooftaan abbootii-irree moofaan namoota muraasatti dhimma bayuudhaan ummata ukkaamsuudha.
John V. Lindsay
Mirgaa fi bilisummaan ummataa saahuu kan ukkaamfamu maqaaa seeraa kabajsiisuu fi tasgabbii eegsisuutiin.
Thomas Campbell
Dhiigni goototaa sanyii muka bilisummaati.
Bill Ayers
Warraaqsi hundi gara jalqabaatti waan hin yaadamne/hindanda’amne fakkaata. Takka eegallaan waan dhaabamu ykn too’atamuu miti.
Mao Tse-tung
Humni ummataa tasa waan moo’atamuu miti.
Thucydides
Iccitiin gammachuu bilisummaadha. Iccitiin bilisummaa ammoo gootummaadha.
Thomas Edison
Dadhabbinni keenna guddaan harka laachuudha. Karaan injifannoon shakkii tokkoon maletti ittiin argamu irra deddeebi’aa yaaluudhaan.
Fred Hampton
Warraqaa ajjeesuun ni danda’ama; warraaqsa ajjeesuun tasa hin danda’amu.
Victor Hugo
Yoo abbaan-irrummaa sabate, worraaqsi ummataa dhugaa argate.
John F. Kennedy
Worri gaafii karaa nagaa ukkaamsan warraaqsa jeequmsaatti ummata geessan.
Lyndon B. Johnson
Kaleessi keenyaa miti deebisuudhaaf. Boru garuu keenya injifachuufis ta’ee moo’atamuuf.
Margaret Mead
Namoonni hagoon kutatan addunyaa hin jijjiiran jettee hin yaadin. Hanga har’aattis kan ta’aa ture kanuma.
Malcolm X
Nama gochi garajabeenyaa saahuu irratti raawwatu akka ufirraa hin faccisne barsiisuun yakka.
Helen Keller
Kan fuula isaa gara ifnana aduu deebise gaaddidduu hin argu.
H. Jackson Brown, Jr
Yeroo tokko tokko waan ijji hinargine onnee argiti.
Bill Cosby
Milkaayuuf, fedhiin milkiif qabdu sodaa kufaatii simudatuu maluu hedduu caaluu qaba.
Oscar Wilde
Yeroo hunda diina keetiif dhiifama godhi. Wanti akkas isaan aarsu tokko hinjiru waan ta’eef.
Og Mandino
Murannoon milkaayuuf qaban cimaa taanaan, kufaatiin tasa namarra hin injifattu.
Robert Louis Stevenson
Guyyaa waan haamattuun osoo hintaane waan facaafattuun madaali.
Confucius
Suuta deemuun rakkoo hinqabu, hanga hindhaabannetti.
Thomas A Edison
Dadhabbiin keenya guddaan harka laachuudha. Daandiin ittiin milkii argannu guddaan yeroo hunda altokko irra deebi’anii yaaluudhaan.
William Shakespear
Har’a eenyuun akka taane ufbeekna. Wonti nuti hinbeekne boru eenyuun akka ta’uu malluudha.
Lao Tzu
Imalli kiiloomeetira kumaatamaa tankaarfii takkaan eegala.
Aristotle Onassis
Yeroo qajeelatti nutti dukkanoofte kan ifnana arguuf xiyyeeffachuu qabnu.
Bill Gates
Hiyyummaa keessatti dhalachuun badii keetii miti. Akka hiyyoomattetti jiraachuudha badiin kee.
Albert Einstein
Kan takkaa hindogoggorre, isa takkaa waan haarawa hinyaalle.
Walt Disney
Aabjuun keenna hunduu dhugaatti nijijjiirama; yoo ari’uu ykn bira gahuuf onnee ykn gootummaa qabaanne.
Sam Levenson
Sa’aa hinilaalin. Waan sa’aan hojjattu hojjadhu. Funduratti tankaarfadhu.
Gordon B Hinckley
Dadhabbii ykn hujiin alatti, wonti margu tokko hinjiru aramaa malee.
Albert Einstein
Seera taphaa barutu sirraa eegama. San booda hundarra fooyyessitee taphachuu qabda.
Florence Nightingale
Sababni injifannoo ykn milkii koo: takkaa harka hinlaanne, sababas hintarreesine.
Steve Jobs
Karaan tokkichi waan addaa ykn waan cimaa ittiin hojjachuu dandeettu waan hojjattu jaallachuudhaan. Waan jaallattu hanga aammaatti bira hingeenne, wolitti hinbaane yoo ta’e barbaaduu itti fufi. Tasa hintaa’in.
Makmaaksa
Oromoo
Kan guyyaan isaaf kenne buqqeenuu dhagaa cabsa.
Madda Hinbeekamne
Hanga waacufti guutamuuf kan eeggatu tasa waan tokko hin hojjatu.
Chaayinaa
Yeroon irra gaariin muka dhabuun male woggaa 20 dura. Inni gaarii lammataa amma.
Jaappaanii
Torba kufii saddeetaffa ka’i.
Chaayinaa
Waan dhagayu nidagadha. Waan argu niyaadadha. Waan hojjadhu ni hubadha.
Hindii
Wonti tokko tokko ija nama harkisa. Waan qalbii kee hawate qofa hordofi garuu.
Hawaayii
Durummaan karaa lamaan: takkaa horrii heddu wolitti qabuu ykn hawwii daangaa hinqabne dhaabuu.