Jawaar Muhaammadii fi gareelee isa morman jiddutti araara buusuu fi tasgabbii argamsiisuun dhimma dursi laatamuufii qabuudha

Muuxxannoo ganna 25 irraa barra yoo taé, tooftaan xiiqii fi woldadhabsiisuu, deeggartoota wolirratti bobbaasuu sakaaleeti hunda kan kuffisu.

Mooraa qabsoo Oromoo keessa addaddummaan yaadaa yeroo dheeraadhaaf kan ture. Wolirratti duuluun aadaa taéeti barame. Xiiqiin wal’afoo ijaajjuun; anatu hunda irra beeka fi tan ani jedhu malee tan biraa hin taatu jechuun waan ganna dheeraadhaaf keessa turameedha. Hedduun hoogganoota keennaa yeroo fi qabeenna sabaa wol jaamsuu fi woldhabamsiisuu irratti mancaasan jechuun ni dandaáma. Baay’een isaanii walxiqqeessan; arraba hamaadhaan walxureessan. Rassaasa Woyyaaneef malte wolirratti dhukaasan. Hundumti jechuun bifa dandaámuun hin qaban tarsiimoo Woyyaanee ittiin balleessan. Garuu, taaánii tooftaa ittiin wolgaadián ciccimaa baasan.

Haalli kuni yeroo dheeraadhaaf Oromoo gaddisiise; onnee xiqqaa-guddaa madeesse. Rakkoodhuma  kanatu qabsaayonni heddu akka manatti debiániif kan dirqisiise. Maaltu nuuf woyya? Akkamiin rakkoo, xaxaa hamaa kana keessaa baana jedhaa sabni wolgaafataa fi mariátaa ture. Yaa Waaqa saba kanaa dhagayi jedhaa akka kadhatan taasise. Yeroo Oromoon biyyaa fi biyya-alaa dhamaée taaútti Jawaar Muhaammadii fi hayyoonni biraas kan as bayan. As bayuu isaaniitiin qilleensi abdii mana Oromoo, ganda hunda keessa bubbise. Haalli kuni hawwiin ijaaramuu, irree tokkummaadhaan kaánii bilisoomuu saba keessa jiraachuu qofa osoo hin taane, eebjuun hundaa inni yeroo dheeraas kana taúu ifatti mul’ise. Jawaarii fi fakkaattonni isaa rakko Oromoof fala argamsiisu; keessumattuu jaarmayalee fi hoogganoota wolitti fiduudhaan nagaa fi araara buusa jedhamee abdiin guddaan irratti gatame. Jawaaris irra deddeebi’ee saba kanaaf kan waadaa seene kanuma ture.

Dhugumatti gara jalqabaatti tattaafiin godhamanii jiru; mallattooleen abdachiisaa taán heddus mudhatanii turan. Silaa duubatti mucucaachuun hoogganoota Oromoof (as biratti ummanni wan himatamuuf hin qabu) aadaadhaa, wanti abdii guddaan eegame bakka eegame osoo hin geenne dhoqqee hamaadhaan qabame. Akka nama tokkoo tokkootti inumaa duubatti mummucucaateeti kan argame. Nama araaraa kan jedhame (Jawaar) yeroo yerotti gara himatamaa fi qubni itti qabamaatti jijjiirame. Hafuurri abdii tokkummaa gara bubbee ololaatti geeddarame. Wolumaa galatti yeroo kanatti yaaliin naga buusuu, hoogganoota Oromoo jiddutti qabbana buusuu daandii araaraa irraa maqee kallattii biraa qabateera. Jawaar jaarmayoota/ hoogganoota siyaasaa jiddutti (keesumaa ABO-Shanee) araara buusa jedhanii eeguu mitii Jawaarii fi ABO-Shanee (kanniin biraas hin jiran jechuun hin dandaámu) jiddutti naga buusuun hedduu barbaachisaa taée muláte. Gareen kanniin lamaan jidduu wanti baatii muraasaaf taáa ture kan agarsiisu (yoo ifatti waraanni wolirratti baname jechuus hanqanne) haalli hedduu Oromoo yaachisuu fi buáa dhiiga Oromoon 2016 keessa argame dhabama/bilaash taasisu taajjabutti jirra. Kun hedduu gaddisiisaa fi qaanessaadha.

Rakkoon mooraa qabsoo Oromoo keessatti babalátaa adeemaa jiru Oromoo yaachisaa fi gaddisiisaa; Woyyaanee ammo gammachiisaa, ilil jechisiisaa fi abdachiisaati kan dhufe. Hoogganoota Oromoof, kanniin saba keennaaf qabsoofna jedhan, beekaas taée dogoggoraan waan diina nurratti sirbisiisu, mataan Oromoo ammo akka lafa laalu taasisu hojjachuu caala wanti fokkisaan hin jiru. Tooftaan xiiqii fi woldadhabsiisuu, deeggartoota wolirratti bobbaasuu, muuxxannoo ganna 25 irraa barra yoo taé, sakaaleeti hunda kan kuffisu. Mooraa qabsoo Oromoo keessatti wanti hundi bare yoo jiraate qabsoon wolirratti duuluu,  tooftaan wolmooyuu fi woldhabamsiisuu eennuunuu hin baasu- hunda gaadiéeti kan kuffisu. Haala walxaxaa kana keessati inni cimaa ufiin jedhu karaan ittiin injifatu; inni laafaa jedhamee tuffatmu yeroo moátamee jilbiiffatu kana dura hin agarre; kan aboodas waan arguuf deemnu hin fakkaatu. Kan taúu qabu, osoo qabsoon fuula isii Woyyaanee irraa gara mooraa Oromootti deeffate tuni gaagaámaa fi faffacaíinsa guddaa bira nu hin geessin dhaabachuu qabdi. Yeroo fi qabeenya keenya waan kasaaraa malee faaydaa hin qabne irratti osoo hin galaafatin atakaaroo jalqabameef hatattamaan falli argamuu qaba. Dhugumatti yeroo fi qabeenna walirratti ittiin duullu ni qabnaa?

Manguddoon Oromoo, Jawaar fi kanniin isa qeeqan ykn ifatti isa himatan jiddutti naga buusuu qabu.  Ibiddi dibamee bira dabramu boru nu balleessa…mooraan qabsoo Oromoo gara cileetti akka geeddaramtu taasisa. Ibidda hoogganoonni qabsiisaaniin ummanni saahuu dararamuu fi gargar qoodamuu  hin qabu. ummatattiin deemaniin ummaNagaa buusuun…akkaums ummata xiiqiin sochoú  hunda tasgabbeessuun dirqama yeroon gaafattuudha. Oromoon hundi kanaaf dursa kennee, isa kana dhugoomsuu irratti haa hojjatu.  Hoogganoota Oromoo walmorkaniin, dhumaatiin Oromoo isintti haa mudhatu; dhiigni dhangala;aa jiru garaa isin haa nyaatu jedha- yoo worwaannaa kiyya kan dhagayanii.