Jarmayaaleen Oromoo woliigaltee irra gayuun qabsoo Oromoo boqonnaa haarawa seensisa

Waliin hojjachuuf murteeffachuun jarmayaalee Oromoo eebbifamuu fi jajjabeeffamuu qaba

Jarmayaaleen siyaasa Oromoo Caamsaa 1, 2016 waliigaltee tokkummaadhaan qabsoo geggeessuu isaan dandeessisu uumachuun beekame.  Jaarmayaaleen waliigaltee kanarra gayuu labsan kunniin ABO, ADO, KWO fi ABO Tokkoomeedha. Waliigalteen amma labsame kuni bu’aa marii yeroo dheeraa fi dhiibbaa hawaasa Oromoo ta’uunis hubatameera.

Waliigaluun jarmayaalee Oromoo dirqama yerooti. Yeroo Oromoon kumaatamaan ajjeefamuu fi qe’ee isaa irraa buqqifamu kanatti jarmayaaleen Oromoo irree ufii jabeeffatanii, qabeenyaa fi beekumsa qaban wlitti fidanii, galma qabsoo isaaniis gama tokkotti luuccessanii Oromoof falmachuun alatti filannoo biraa dhabuu isaanii hubatuudha kan gara miinjala tokkummaatti isaan fide, akka xiinxallitoota siyaasa Oromoottii. Oromoo harka qullaa diina afoo dhaabatu daran onnachiisuu fi diina ammoo rifachiisuun kan danda’amu bifa kanaan waliin hojjachuudhaaf murteeffachuu fi waliin dhaabbatanii mul’achuudhaan. Akkasumas, qaamota qabsoo Oromoo bira dhaabachuu malan ufitti hawwachuu fi abdachiisuun kan danda’amu woljalaa dhokataa, citaa waljalaa fudhataa fi afaan addaddaan dubbataa osoo hin taane mul’ata tokko qabaachuu fi agoobara cimaa jala dhaabachuu isaanii ifatti agarsiisuudhaan. Kan eegalame abdachiisaadha. Jajjabeeffachuu fi tin’ifachuun dirqama hundaati.

Tokko irra lama woyya. Diigamuu irra ijaaramuudha kan filatamu. Ijaaramanii waa fiduun waan eebbifamaadha. Ijaaramanii waa fiduu dadhabanis, kufanii wolkuffisuu fi hoxxee wolirratti jigsuu irra harka hedduun filatamaadha. ‘Waliigalteen hojjachuuf murteeffanne’ jechuu isaanii mitii woldiiguu fi woldiinfachuu irraa adabanne, akkasumas woldiiguun kasaara malee bu’aa akka hin qabne baranne ergaa jedhu dabarsuun isaanii kophaa isaatti, keessumattuu sa’aa kanatti, Oromoof waan guddaa, oduu gammachiisaa dhaa. Imala isaanii gammachuun simachuun, bakka amma isaan gayan kana irraa akka funduratti saffisaan tankaarfatan gochuun dirqama hunda keennaati. Kan eennuunuu jalaa hin dhokanne, manni tokkummaa kuni daaqaa ta’uu isaati. Citaa irraa luqqisuu fi bubbee ololaa hamaa itti lakkisuun daran yoo jigse malee gidaara isaa hin jabeessu, akka hin dhim’ifne hin taasisu.

Oduu waliigaltee jarmayaalee Oromoo kana hunda namaa miti kan abdachaa fi bu’aa hatattamaa argamsiisa jechaa jiran. Dhugaadha, ijaaramuu fi diigamuun yeroo addaddaatti mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mul’ate namoota heddu yaachisuu fi milkaayina isa kanaas shakkii keessa akka seensisan taasisuun isaa ifa. Hedduu waliin deemanii ykn jalqabumatti dhaabatanii, dhugaan jiru Oromoon biyyaa fi biyya alaa yeroo dheeraadhaaf gafataa fi warwaataa kan ture jarmayaaleen kunniin yoo danda’ame mana tokko ijaarachuu yoo dadhabame ammoo tumsa bilisummaa tolfachuu kan qaban ta’uu isaati. Imalli isaanii garasitti ta’uu isaatiif kuni ragaa guddaadha. Yaadadhaa, namoota kaleessa waliin hojjachuu mitii mana tokko keessatti waliin mul’achuu hin feenetu har’a waliin dhaabatee mul’ate. Kuni abdachiisaa ta’uu ufamansiisuu qabna!

Jarmayaleen Oromoo yeroo addaddaatti tokkoomuu fi battalumatti diigamuu waan heddummeessaniif namoonni tokko tokko waliigaltee amma uumame kanas ija shakkiin akka ilaalan taasisaa jira. Tokkummaan kuni essaa akka gayuu fi bu’aa qabtamaa maal akka fidu eennuyyuu, worra tokkoomes dabalatee, ammattii afaan guuttatee irraa dubbachu hin danda’u. Akka isa kana duraas diigamuu jalaa kan hin miliqne ta’uu isaatiifis ragaan hin jiru. Kan ijaaramuu Oromoo hawwu kanas abdiidhumaan ilaaluudha kan irraa eegamu. Yeroodhuma hunda shakkiidhaan xaxamuun, dukkana malee ifnana arguu dadhabuun mataan isaa rakkoodha.

Boru diigamu ykn bu’aa hatattamaa Oromoon hawwu hin argamsiisan shakkiin jedhu garuu gara tattaafii godhamaa jiru kana ololaan gufachiisuutti nu geessuu hin qabu. Balaalefannaa fi fundura dhaabbannaan kan dhufuu qabu yoo waliigalteen amma labsame kuni Oromoof gagga’ama qaba jedhamee amaname qofa. Haala amma arginuu fi eenyummaa jarmayaalee amma waliigaltee uumatanii kanaa irratti hundoofnee kan jechuu dandeennu gamtaa uummachuu isaaniitiin gaaga’amni Oromoo fi qabsoo isaa irra gayuu malu tokko hin jiru. Waliigalteen kuni umrii ni qabaataa? Jjijjiirama hatattamaa, isa hundi arguuf dheebotu, ni fidaa? Umrii qabaatuu dhabuus, jijjiirama fiduus fiduu dhabuus nimala. Seenaa dabre qofa irratti xiyyeeffachuu fi yeroo gara funduraatti ilaaluu qabnutti duruunfachuun marmartoo rakkoo keessa turree keessaa nu hin baasu. Hujiin kana booda hojjatamu murteessaa ta’a, bu’aa qabatamaa argamsiisuudhaaf. Kaleessa kufan jechuun har’as, borus ni kufan jechuus miti. Namnis ta’ee jarmayaan tokko daa’imaa, kufaa-ka’aa, gangalataati akka itti dhaabbatuu fi miilaan tiratu kan baratu. Ammas, jijjiiramni saffisaa kan dhufuu malu tokkoomuu isaanii qofaan osoo hin taane waa gummachuu fi shoora taphachuun keennas yoo itti dabalame qofa. Kophaa isaaniitti, si’a meeqas tokkooman, waan guddaa hojjachuu akka hin dandeenne ifa. Kufaatiinis yoo dhufe, isaan qofaa miti kan abaaramuu fi qubni itti qabamuu qabu.

Waliigalteen amma labsame kuni bu’aa hin qabu jedhaa namoonni tokko tokoo dursanii labsaa fi hafarsaa jiran. Kan hubatamuu qabu bu’aas dhabu gaga’ama tokkollee kan hin qabne ta’uu isaati.  Wanti balaaleffatamuuf tokko hin jiru jechuudha. Waan hunda caalatti yoo namoonni waa hojjanna, ykn dogoggora dabre sirreeffann jedhanii asii fi achi fiiganitti hiree isaaniif laatuun gaarii ta’a. Ganamumaan yaalii namaa busheessuu fi hamilee burkuteessuun Oromoof kasaaraa yoo ta’e malee bu’aa tokkollee argamsiisuuf hin deemu. Kan shakkiin guutame daangaa irra dhaabate ilaaluu gara tokkummaan kuni itti deemuu malu xiinxaluun mirga isaati. Sa’aa kanatti kan namni sabboonaa Oormoo ufiin jedhu tokko godhuu hin qabne yaalii tokkummaa kana, shakkiidhuma bu’uura hin qabne fi muuxxannoo dabre qofa irratti hundofnee, abaaruu fi olola hin jirre itti roobsuu kan hin qabne ta’uu isaati. Hamilee walii cabsuu fi ija walii jaamsuun hunda keenna dukkana keessatti kan hanbisu.

Oromoo, yaliiin kuni jajjabeeffamuu qaba; akka bu’aa argamsiisu. Namoonni kuni nuuf hin taane jedhan ykn woliigaltee labsame irraa shakki qaban yaada ta’uu maluu burqisiisuu fi hojjatanii waan kana caalu argisiisutu isaan irraa eegama. Dirreedhuma irratti kuni hin ta’u, daandiin saaqame kuni eessayyuu nu hin geessu, riqichi tokkummaa tolfame kuni hin ceesisu jechuun saba kana hallayyaa gabrummaa keessaa tasa hin baasu. Bakka yaadaa fi tarsiimoo fooya’aa harkaa hin qabnetti isa kana tuffachuun dhama’iinsa ykn rakkina beekumsaa qabaatiinsa irraa madda. Itti haa yaadnuu.