Jarmayaa siyaasaa fi tarsiimoo qabsoo cimaa dhabuudha injifannoo dhiigaan argame dabarsinee akka laannu kan nu godhaa jiru

Harun Hassen | Qabsoon kan geggeeffamaa turee fi gara funduraattis kan geggeeffamu dhiigaa namaatiin waan ta’eef akkaataan kasaaraa xiqqaan bu’aan guddaan argamuu malu irratti gadi fageenyaan hojjachuun dirqii ta’a.

Oromoon qabsoo woggaa tokkoo oliif dhiigaa itti jigsaa fi lafee ilmaan isaa itti cabsaa geggeesseen seenaa haarawa galmeessisuun isaa ifa. Galmi hawwamee fi karoorri qabame ammas bakka hin geenne, garuu.

Mootummaan Woyyaanee fi kittillayyoonni isaa dadhabbii fi fiigicha ganna tokkoo oliif irra turan irraa hara galfachaa jiraachuu dubbatu. Woggaa tokkoo oliif manni itti dhim’isaa fi sireen jalatti reeqqisaa erga turee booda, abdii horachaa fi kana boodas ganna 25f akka bulchitu dubbachaa jirti Woyyaaneen. Lammmaa Magarsaati ‘yoona geenne’ kan jedhe. Itti fufuudhaan, ‘yoo xinnaatee xinnaate, carraa nu harkaa bayee ture harka keennatti deebisuu dandeenyee jirraa. Deebifnee carraa argachuu dandeenyee jira’ jechuudhaan OPDO’n shunquuqxee shunquuxee awwaala keessaa bayuu isii nutti hime. Akkaataan Qeeroon Oromoon jarreen kana hallayyaa itti buuse raajiidha. Xiyyeeffannaan keenya garuu akkamitti jarreen kuni erga dhahannaan onnee isaanii dhaabatee deebi’anii ija banatan kan jedhu ta’uu qaba.

Kana booda Qeerroon Oromoo Woyyaanee hin raasu, mana irratti hin jigsu jechuun tasa hin danda’amu. Erga sochii san fakkaatuun ardiin sochootee, dachiin Oromoo dhiigaan lolaatee Woyyaaneen bifa kamiin 2016 dabarte? Akkamitti Woyyaaneen nu miliqxe? Boqonnaa qabsoo itti aanutti osoo hin ce’in dura isa dabre irraa barachuu fi waan hir’ate guuttachuun dirqama. Gamnummas.

Jalqabaa kaasee ykn gara jidduutti tooftaan qabsoo keennaa isa Woyyaanee boqonnaa dhabsiisuu, akka miilaan gadi hin dhaabannee fi hidda hin godhanne taasisuu ta’utu irra ture. Suni bifa quubsaadhaan ta’e hin fakkaatu. Rakkoon tooftaa dhabuu ykn tooftaa dadhabbaan masakamuu ta’uu mala. Ummanni miliyoona heddutti laakkayamu sochii takkaa mudhatee hin beekne geggeessee, dhiiga isaa akkasitti jigsee, gatii bilisummaan gaafattu baasee akkamitti hanga ammaatti bilisummaa osoo harkatti hin galfanne hafe?

Akka sabaatti jalqabaa kaasee saba ykn garee bicuun dhiitamuu fi saamamuun nurra hin turre. Woggaa oliif qabsoo hadhaayaa geggeessaa erga turree booda ammas Woyyaanee mataa irratti uf arguun keenna maaliif akka ta’e eennuufuu waan galuu miti. Gabrummaa xumura osoo itti hin goone hafne. Akkaataa qabsoo keenna itti geggeeffannu irratti rakkoon hamaan, hir’inni ajaa’ibaa jira jechuu qofa kan dandeennu. Rakkoo Oromoo kana wanti biraa maaltu ibsa? Ufitti quba qabuun alatti waaqas ta’ee qaama biraa himachuun nu hin baasu. Wanti addunyaa hunaaf salphatu maaliif Oromotti akkas kan ulfaatu? Wanti saboonni biraa argatan maaliidhaaf kan Oromotti dudda kennatan? Deebii gabaabaa ta’uu kan malu jarmayaalee fi gareen maqaa Oromoon socho’an oduu malee hujii quubsaa hojjachaa jiraachuu dhabuu isaaniiti. Qabsoon kuni kan geggeeffamaa turee fi gara funduraattis kan geggeeffamu dhiigaa namaatiin waan ta’eef uf eeggannaan godhamuu fi akkaataan kasaaraa xiqqaan bu’aan guddaan argamuu malu irratti gadi fageenyaan hojjachuun dirqii ta’a.

Injifannoon dhiigaan argame akka harkaa nu hin baane tikfachuu fi qabsicha eegalame gara funduraaatti tirsachuudhaaf hujii quubsaa hojjataa jirraa? Nati hin fakkaatu. Gama biraatiin, waan arganne nu harkaa baafachuudhaaf Woyyaaneen tooftaa ciccimaa baafatteeti kan socho’utti jirtu. Kana guyyaa guyyatti argutti jirra. Yeroo kanatti, Woyyaanee (OPDO) miilaan gadi dhaabachuudhaaf jecha wanti hin dubbanne, waadaan hin seenne tokko hin jiru. Argutti jirra. Lammaa Magarsaa afaanii waan heddutu bayaa jira. Hedduun namaa kan jedhutti jiru qilleensi inni baasuu fi ergaan inni osoo addaan hin kutin dabarsaa jiru tooftaa yeroo bitannaatti- ummata gowwoomsuu. Ta’uu ni mala. Kan ta’uu malu waan lama keessaa isa tokko. Tokkoffaa, Lammaan, akkuma hoogganoota OPDO isa dura turanii, kijibaati kan jiru. Inni lammaaffaa, Lammaa Magarsaa hayyama Abbaay Tsahaayyee faan alatti yoo aabjuu jijjiirama Oromiyaa keessatti fiduu faana bu’aa jiraate hunda dura kan rukutamu isa ta’uu isaati. Kamtu akka sirrii ta’e beekuun kan danda’amu erga gareen TPLF miilaan deebitee dhaabachuu isii mirkaneeffate booda. Sun kana booda baatii muraasa fudhachuu mala. Hanga saniitti Lammaa Magarsaa dargaggoo heddu dhamaase, shakkii OPDO’n nama ta’aa jirtii jedhu gurra  buuse. Kuni hamaadha. Garuu, Lammaa Magarsaa gurra nama hedduu argataa fi qalbii namoota yeroo heddu qarqara irra dhaabatanii argataa dhufuun isaa ifa. Kuni akka ta’uuf hayyamamuun irra hin turre. Tooftaa fi tarsiimoo kana irra aannuun waan hin qabneef, ammatti oduun odeeffamuu fi viidiyoon Facebook irratti daawwatamu kan Lammaa Magarsaa ta’eera. Tooftaan Woyyaanee hojjataa jiraachuu isaaf kun agarsiisa tokko.

Qabsoon yeroo dheeraadhaaf geggeeffamaa ture, dhaame jechuun hin dada’amau. Garuu, dhugaa hadhooftuu dhagayuuf qophii taanaan qabbanaayuun isii ifa. Yeroo qabsoon oo’ee geggeeffamaa turee fi labsii yeroo hatattamaa booda hidhaa fi du’aan gootota kumaatama ufbiraa dhabne. Kan du’eef gumaa baasuun, isa hidhame, dhiibbaa goonee fi tooftaa hundatti dhimma baanee, gadi lakkisiisuun dirqama hunda keenaa, worra mana hidhaan ala jiruuti. Kuni yoomuu dagatamuu hin qabu. Kan du’e irraanfachuu fi kan hidhame mana hidhaatti dagachuudhaan qabsoon geggeeffamu hin jiru. Geggeeffamtus eessaa hin geettu. Daandii irratti kan haftu.

Oromoo rakkoo keessaa baasuudhaaf hundi keenna dirqama qabna. Tokkoo tokkoo keennaa irraa waan guddatu, waan heddutu eegama. Dirqamni jaarmayootaa fi namoota Oromoo hoogganna jedhanii ammoo dachaa heddu. Isaan kunniin dirqama baadhatan; hunda caalatti akka abbootii qabsichaatti uf fudhatan waan ta’ef. Yeroo Oromoon kumaatamaani (hoogganootas dabalatee) mana hidhaatti rakkatuu fi yoomuu caalatti ‘Command Post fi Liyyuu Poolisiin’ Oromotti taphatu kanatti gama jaarmayaalee fi namoota biroon waan hojjatamaa jiru  heddu hin arginu. Haala rakkisaa keessatti waan rakkoo hir’isu hojjachuu fi irraa aananii mdhachuu irra, yeroo heddu isaan Comand post sababatan dhageenna. Kan taa’uu baretti saahuu sababa huji isa dhoorgu qofatu itti mudhata, sababatu itti heddummaata. Jaarmayaalee fi hoogganoonni, akkuma namoota biroo, taa’anii kan hidhame rabbiin haabaasu, isa du’e araarama haabuusu irra jiru fakkaata.

Oromoon al tokko kaanaan maal akka hojjachuu danda’u agarre. Baay’inaan daanditti bayuun qofti gayaa akka hin taanes hubanne. Qabsoo woggaa tokkoo oliif geggeeffame irraa waan heddu baranne. Qabsoo Oromoo eennutu funduratti furguggaasa? Tooftaa qabsoo eennutu nuuf baasa? Hujiin kuni hujii nama muraasaa miti. Jaarmaya cimaa, yeroo faana tankaarfatuu fi isa gufuuleen qabsoo nu afoo jiran itti mul’atu nu barbaachisa. Hanga ammaatti waan argannu hunda kan nu hakaa harcaasu; yeroo hunda erga funduratti tankaarfannee kan duubatti nu deebisu jarmayaa siyaasaa cimaa dhabuudha. Hangamuu hawwinu, hujii siyaasaa cimaa bilisummatti nu geessu jarmaya siyaasaa cimaan alati geggeessuun hin dandeennu. Jarmayoonni siyasaa hanga ammaatti jiran rakkoo akka qaban ifa. Xiqqeessuu fi hamilee isaanii buusuun garuu rakkoo keennaaf fala hin ta’u. Falli akka hojjatan dhiibbaa irra buusuu, waan dandeennu hundaan tins’isuu…yoo hundi nuuf hin taane ammoo jaarmaya biraas ijaaruun ni danda’ama. Wanti fudhatama hin qabne garuu akka faffacaanetti jiraachuu fi teennee akka waan bilisummaan samii buutuutti eeggachuudha.

Barreessaa karaa harun2has@gmail.com qunnamuu dandeettan