Jaalalli dhugaa qabxiilee 10 kanniin ufkeessatti ammata

Kan akka jalalaa jaalatamuufi faarfamu jira hinfakkaatu. Hundi jaalachuufi jaalatamuu fedha. Bineensotaafi allaattiis dabalatee. Jaalalli gammachuu qaba. Jaalalli, seeraan hinqabamu tanaa, gadda, kufaatiifi cabiinsa hamilee hamatti nama geessuus danda’a. Gammachuu guddatti kan nama geessu jaalala dhugaati. Miidhaafi hubaatii irraas kan nama tiksu isuma jaalala dhugaati. Humni jaalalaa danuu ta’uu isaati kan kuni hundi argisiisu.

Jaalalli dhugaa waan akka salphatti argamu ykn bira gayamuu miti. Namoota bayy’ee xiqqaa ta’aniidha, yoo kan jiran ta’e, kanniin jaalala dhugaan akka salphatti badhaafaman. Garuu  hedduun namaa hojjatee, carraaqee, akaafeefi bishaan obaaseeti kan jaalala dhugaatiin wolitti bayu. Ammas hedduun namootaa waan jaalala isaanii gidaara manaan wolitti buusu, galaana dhufaa jiru fudhachiisu irraa fagotti uftiksu. Jaalalli dhugaa woliigaluu, kennanii fudhachuufi wolhubachuu gaafata. Dimshaashumatti jaalalli dhugaa hujii cimaa ykn dadhabbiin waan argamu ykn uumamu malee wontuma gadi bayanii oorruudhaa haamatanii harkatti qabatanii manattiin galanii miti.

Jaalalli dhugaa garuu maaliidha? Madaalliin isaa hoo? Jaalala dhugaa isa kan sobaa ykn fakkeessaan akkamitti gargar baasuun danda’ama?

Qabxiilee jaalalli tokko isa dhugaa ta’uu agarsiisan 10 tarreessina. Jaalala keessa jirtan qabxiilee kanniiniin wolbira qabaa madaallii mataa keessanii itti laataa.

  1. Jaalalli dhugaa gocha. Jaalalli dhugaa waan ati namaaf taatu ammallee waan namni biros siif ta’u; haaluma kamiin keessattuu. Jaalalli dhugaa waan gochaan agarsiistu malee waan afaaniin odeessituu akka hintaane quba qabaadhu. Jaalala dhugaa nama jaalattuuf qabdu‘sijaaladhaa’ afaanii qofaan osoo hintaane gochaan agarsiisi.
  2. Jaalalli dhugaa nama hinhubu. Jireenya keessatti wolitti aaruun, mufannaafi wolhubachuu dadhabuun jira. Bakka jaalalli dhugaa jirus kuni inuma jira. Bakka jaalalli dhugaa jirutti rakkooleen ykn hir’inni kunniin waan irra deddeebi’aa mul’atanii miti, garuu.
  3. Jaalalli dhugaa haasawa gaariin madaalama. Lafa jaalalli dhugaa jirutti maqaa wolballessuufi wolyakkuun hinjiru. Yoo haasoftu jechoota ‘akka natti fakkaatutti’ ykn ‘akka amantaa kootiititii’ ykn ‘akka yaada kootti’ jedhanitti dhimma bayuu yaali.  Waan dhibbaan dhibbatti hinbeekne namatti hinfe’in. Jechaafi shakkiidhaan wolhadheessuun ganda jaalalli dhugaa jiruttii miti kan heddumaatan.
  4. Jaalalli dhugaa waan jaalannu akka woreegnuuf nuhingaafatu. Kana jechuun jaalalli dhugaa waan jalannu, maatii, hiriyyaafi fira keenya akka dhabnu ykn gargar baanu hinhayyamu. Namni wontoota jaalattuun gargar sibaasuuf carraaqu jaalala dhugaa siif akka hinqabne hubadhu. Jaalalli kee madaalawaa ta’uu qaba; gama hundaanuu. Namni jaalala dhugaa siif qabus kanarratti sijajjabeessa.
  5. Jaalalli dhugaa nama jaalattuufi kanniin biroo gargarbaasuu irratti hundaaya. Kana jechuun maatiifi fira jibbi jechuu miti. Namni ati jaalattu hunda irra akka jalattu, yeroo kees woliin galaafattu, bakka kamuu jiraattu akka yaadattu sirraa eegu. Kana hir’isuun, keessumattuu yoo wolirratti kuusame, balaa inni fiduu malu guddaadha.
  6. Waahila gaarii harkatti galfachuufi, dursii nama gaarii ta’i. Nama kaayyoo qabu, dhimma isaa too’atuufi waan barbaadu harkatti galfachuuf carraaqqatu ta’uun jaalala barbaaddu argachuufis ta’ee isa harkaa qabdu cimsachuuf sigargaara. Gufuuleen jireenyaafi jaalalaa bakka heddutti sirukutaniiran taanaan bu’uura rakkoo sanii sakatta’ii gara funduratti waan fooyya’iinsa qabu hojjachuu irratti fuulleffadhu.
  7. Jaalalli dhugaa daangaa jireenyaa keessa nama sochoosa. Maaliif jiraatta? Maal qabaachuufi horachuu feeta? Maal jibbita ykn maal waahilli kee akka hinhojjanne barbaadda? Waan jaalattuufi jibbitu ifatti gargar baasi. Nama wojjiin jiraatan woliin wolitti iyyaa, mataa woldhukkubsaa jiraachuun jiruu hinta’u. Durumaa kaasii, ‘Yoo x uumame, moromteen alatti nagaye ykn deeme,’ jechuu danda’uu qabda. Wonti ykn dogoggorri uumamu tokko tokko kan hireen 2ffaa ykn 3ffaa kennamuuf nijiru. Hanga barbaachisuu ol obsuun ufsobuu ykn nama murtee ta’uu dadhabuudha calaqqisiisa.
  8. Jaalalli dhugaa kaayyoofi kaka’umsaan guutamuu qaba;akka nama dhuunfaattis ta’ee akka wolootti. Lameen woljaalatan yaadaafi karoora isaanii bakkaan gayuu irratti woldeeggaruun alatti furmaata biroo hinqaban. Waan waahilli kee jireenya keessatti fedhu gargar baasii hubadhuu deggarsaan bira dhaabadhu.
  9. Jalalli dhugaa miidhamaa ufgodhanii ufkaayuu hinfedhu. Waan uumame hundarratti too’annaa hinqabu waan jedhu dhiisi. Irra jireessi waan uumamuu hayyama keetiin alatti hinuumamu. Hir’innaafi rakkina qabdu hundaaf sababa tarreesuu dhiisii itti gafatamummaa fudhadhuu akkamitti akka funduratti tankaarfachuu qabdurratti jabaadhuu hojjadhu. Jireenya kee irratti shufeera ta’i.
  10. Kaayyoof jiraadhu. Maal akka barbaaddu ifatti beeki. Uf-fooyyessuuf maal maal bifa fooyya’iinsa qabuun hojjachuu akka qabdu beeki. Jaalalli dhugaa kan woloo qofa osoo hintaane kan dhuunfaatis. Jalalli dhugaa yoo kophummaan sibarbaachisue siif hayyama; yoo sibarbaachise akka ufitti haasoftuufi ufiin mari’attuuf haala siif mijeessa malee bifa kamiinuu danqaa sitti hinta’u.