Iyyannoon hojii (CV’n) dalagaa argachuudhaaf nama gargaaru qabxiilee sagal guutuu qaba

Abdii F Sabaa

Namoonni kan barataniif waan hedduuf. Dalagaa argachuufi woraqaa isaanitti dhimma bayanii jireenya fooyyeffachuun sababa isa tokko. Shakkii tokkoon alatti, baratanii dalagaa argatanii uf, maatiifi fira ufii gargaaruun waan hedduu nama gammachiisuufi fundura namaa dagaagsuudha. Gadaa tana, isa hinbaranne qofaaf osoo hintaane isa barateefis dalagaa argachuun dhimma yaachisaa erga ta’aa dhufee bubbulleera. Dargaggeessi meeqa yunivarsiitotaafi kolleejjota addaddaa irraa eebbifamee dalagaa dhabee akkam akka dararamuufi daandii irra marmaaru hedduu keenya biratti beekkamaadha.

Namni tokko baratee dalagaa kan dhabuuf irra jireessatti diinagdeen biyya takkaa hiree hujii gayaa uumuu dadhabuu irraa madda. Rakkoon siyaasaa fi hawasummaa (loogii, malaanmaltummaafi kkf) biyya takka keessa jirus dhabamiinsa hiree hujiif haala mijaataa uumuu ni mala. Sababoonni dhabamiinsa hujiif haala uuman akkuma jiranitti ta’ee, hujii dhabuu isaatiif namni hujii dhabe tokkos, xiqqaatus, gumaacha mataasaa qabaachuun nimala. Kuni akkamitti ta’a?

Biyyoota heddu keessatti, inni Afrikaa daran hamaadha, hireen dalagaa argachuu dhiphataati kan deemaaru; inni Itoophiyaa adda fakkaata. Hujii argachuun waan salphaa miti. Nama dalagaa barbaadu hunda dorgommii cimatu isa eeggata. Namoonni dalagaa barbaadan heddu waan ta’aniif. Dhaabbileen nama qaxaranis nama irra woyya qaba ykn gaariidha jedhanii amanan filatu. Filannoon kuni kan ta’u, inni marsaa jalqabaa, karaa iyyannoo hujiitiin (CV). Kana egaa qormaata iyyannoo hujii darbuu dirqii kan taasisu.

Haala rakkisaa kana keessatti namni hujii soqatu tokko dorgomtoota isaa moo’achuu qofa osoo hintaane dhaabbata beeksisa baase birattis caalaa ta’ee asbayutu irra jira. Dorgomaan tokko dorgomtoota isaa hundarra nama muuxxannoo, dandeettifi hamilee dalagaan suni gaafatu hunda guute fakkaatee as bayutu irraa eegama. Gama kanaan iyyannoon hujii (CV) gobbuu gargar cokuu irratti shoora guddaa taphata. Iyyannoon hujii (CV) akka namoonni tokko tokko hubatanitti waa’ema qabxii ittiin eebbifamanii ykn baay’ina ganna hujii irra turanii (muuxxannoo) qofatti fudhatamuu hinqabu. Dhaabbileen heddu waan dabalataa iyyataa irraa barbaadu. Yaadaafi hamilee kee iyyannoo kee keessatyi arguu barbaadu; waan isaan fedhan hojjachuuf dandeettiifi hamilee qabaachuu kee arguudha fedhiin isaanii.

Iyyannoo hojii (CV) erguun boqannaa beekisa irratti hirmaachuufi injifachuu isa jalqabaati. Xiyyeeffannaan keenyas isuma kana. Xalayaan hojii (CV) haala gaariidhaan hinqophooffne taanaan hireen nuti dalagaa argachuu, beeksisa baye irrattis hirmaannu, ganamumaan jaama jechuudha. Kanaaf waa’een iyyannaa hojii (CV) xiyyeeffannaa guddaa argachuu kan qabuuf.

Iyyannoon hojii waan heddu ammata. Bifa hedduun qophaayuus nidanda’a. Hunda caalatti kan hubatamuu qabu iyyannoon hojii (CV) keenya bifa ulaagaalee dhaabbanni beeksisa baase guutuun qopheessuu kan qabu ta’uu isaati. Namoonni iyyannoo hojii (CV) qopheessuudhaan hojii soqattan dhimmoota kanniin irratti gadi fageenyaan hojjachuu hindagatinaa.

  1. Beeksifni hojii bayee namoota muuxxannoofi dandeettii akkamii qaban akka barbaadu qalbiidhaan irra deddeebi’ii dubbisaa.
  2. Iyyannoo hojii (CV) keessan fuula jalqabaa bifa nama hawatuun qopheessi. Dhimmoota kanniinis, maqaa biratti dabalataan, laatuu hindagatin:a.
    • Teessoo (magaalaa fi ganda)
    • Email fi bilbila
    • Suuraa kee (kuni filannoodha)
  3. Barreeffama fuula jalqabaa (cover letter) irratti muuxxannoo, dandeettii, amalaafi hamilee dalagaa kanaaf qabdu gabaabatti ibsi.
  4. Jechoota ijoo beeksisa hojii baye keessa jiran gargar baasi. San booda dandeettii, muuxxannoofi hamileen kee akkamitti waan isaan fedhan akka guutu qajeelatti ibsi. Yaadadhu: waan ufii feetu osoo hintaane waan isaan fedhan barreessuu kan qabdu. Muuxxannoofi dandeettii kee fedhii isaaniin wolsimsiisuuf yaali.
  5. Iyyannoon kee dogoggora qubeefi yaadaa tokko akka hinqabne qajeelatti mirkaneeffadhu. Dogoggorri xiqqoon, isa qubee ta’uun nimala, jalqabumaa akka dorgommiin ala taatu sigodhaa. Ufeegi!
  6. Iyyannoon hujii (CV) tokko beeksisa hujii tokko qofaaf. Iyyannoo tokko, sanuu isa woggaa tokko dura qophaaye garagalchaa, beeksisa hujii bayu hundaaf erguun dogoggora guddaadha. Tokkoo tokkoo beeksisa hujii bayuuf iyyannoo hujii (CV ) haarawa qopheessutu sirraa eegama; hangamuu kuni dadhabsiisaa ta’us. Ati nama tokko. Jaarmayaaleen beeksisa baasan addadda garuu. Fedhiin isaaniis garagara. Hunda isaaniif akka fedhii isaanii guututti (qabxii 1ffaa fi 4ffaa hindagatin) iyyannoo hujii galchuu kan qabdu.
  7. Bakka guuti ykn odeeffannoo laati jedhamte hunda osoo hinguutin irra hin utaalin.
  8. Odeeffannoo kee isa Facebook, Linkedin, Google+ yeroo yerotti haaromsuu hin irraanfatin. Dhaabbanni beeksisa baase odeeffannoo kee miidiyaalee hawaasaa irra ilaaluu danda’a. Odeeffannoon CV irra keettuufi kan miidiyaalee irra jiru woldhabuu hinqabu. Odeeffannoo sixiqqeessu, eenyummaa kee saaxiluufi fedhii dhaabbata beeksisa baaseen wolhinsimne marsaa intarneetii irraa kaasi.
  9. Osoo hinergin dura iyyannoo hujii (CV ) kee irra deddeebi’ii gulaali. Altakka erga ergitee gaabbuun altti hiree sirreessuu hinqabduu beeki. Waan barressite irrattis yaada oogeessaa gafachuu hindagatin.

Hiree gaarii!

Barreessaa karaa firasabaa@gmail.com qunnammaa