Itti milkaayuu dhabus ODF biyyatti galuu kaayyoo qabsoo isaa kan godhate bara 2013

Biyyatti galuuf murteeffachuun ODF sadarkaa qabsoon Oromoo amma irra geetteen, akkasumas jijjiirama OPDO fi OFC keessatti ummameen waan wolitti hidhata qabaatuu miti. ODF gaafuma 2013'tti dhaabatu biyyati galuu kaayyoo isaa godhate.

Dhugaan dhugaadha. Dhugaan jaalalaa fi jibbaan haguugamuu hin qabdu. Dhugaan dubbatamuu, dhugaan seenaaf ol kaayamuu qaba. ODF (Oromo Democratic Front) bara 2013’tti kaayyoo qabsoo Oromoo biyyatti deebisuu jedhu irratti kan hundeeffame. Karoorri isaas woggaa 2 keessatti biyyatti deeb’iuuf turte. Yeroo sanitti qabsoon Oromoo keessaa fi alaanis baay’ee dadhabduu, ADWUI’n ammo hedduu quuftee turte. Haala san keessatti biyyatti galanii qabsaayuun hin danda’amu, dhumni mana hidhaatti rakkachuudha jedhamaa ture. Worri ODF garu as teennee rakkoo tareessuu fi miidhaa saba keennaaf fagoo irraa imimmaan harcaasuu irra biyyatti gallee haaluma rakkisaa san keessatti qabsaayutu qabsoo Oromoof faaydaa qaba amantaa jedhu qabte. Ummata woliin hidhamuu fi hadhaa qabsoo dhadhamuuf murteeffate. Tooftaan qabsoos hidhannoo maleesa ta’uu isaa dubbate.

OFC fi ODF addadurummaadhaan sabni kuni murannoodhaan qabsoo hidhannoo-maleessa geggesse taanaan jijjiirama fiduu ni danda’a jedhanii kan ifatti labsan. Yeroo ummanni heddu qabsoo qawwee malee qabsoon hidhannoo-maleessa mootummaa Woyyaanee hanga funyaaniitti hidhate jilbiiffachiisuu hin danda’u jedhanitti jaarmayaaleen kunniin qabsoo hidhanno-maleessaa filachuu isaaniitiif akka jaarmayaalee siyaasa Itoophiyaa (amala Woyyaanee) hin hubannetti fudhatamaa fi xiqqeeffamaa turan. Yeroo sanitti (bara2013/14) qabsoon hidhannoo-maleessaa fana tokko hin tankaarfachiisu jedhamaati kan ture. Amma, qabsoon hidhannoo-maleessaa eessaan akka Oromoo geette hundi argeera. Kan osoo yeroo dheeraa dura tooftaa kana hordofneerra ta’ee jedhaa mataa uf hooqus heddu.

Barri 2013, yeroon ODF biyyatti galuuf murteeffate yeroo OPDOn hirribaa hin kaane, OFC’nis hin jabaannee fi qabsoon Oromoo hin finiinne ture. Dhugaan Oromooo dubbatama taanaan ODF 2013’tti kaayyoo fi karaa itti amaneen qabsaayudhaaf murteeffachuu malee gabaa oo’ite saammachuu fi bu’aa argamaa ture qoodachuuf miti. Bara 2013 yeroo dukkanaa fi hedduun Oromoo, keessaa fi alattis, abdii kutatee fi mataa gadi qabtee ture waan ta’eef. Yeroo sanitti hedduun namaa jedhaa kan ture ODF biyya gallaan halali hin hojjachiisu, kayyon isaa kan ummata hidhaaf saaxilsiisu jedhamaati kan ture. yeroon sun yeroo ololli injifanno wolsaamuuf biyyatti galama jedhamu hin turre. Yeroo sanitti, akka sabaatti, kasaaraa malee injifannoo argataa hin turre waan ta’eef. Murtee ODF biyyatti galuuf bara 2013 dabarse kan qeeqaa ture heddu ta’us, kaayyoo biyyatti galee qabsaayuu dhugoomfachuudhaaf ODF yaalii heddu godhaa ture. Bitootessa bara 2015’tti, osoo fincilli Gincitti hin dhoone, jilli Ob Leencoo Lataan durfame Itoophiyaa seenus, guyyaa lama booda biyya irraa ari’amuun isaa ni yaadatama. Kunis kan ta’eef ODF mirga biyya keessaa karaan nagaan qabsaayuu argate tanaan qabsoo bilisummaa, fincila, finiinsuu mala sodaa jedhu Woyyaaneen qabaataa turte. Oromotu arguuf harkifate malee qabsoon hidhannoo malee, akkuma Ob Baqqalaan Garbaa fatai yeroo dheeraadhaaf jedhaa ture, humna Oromoo guddaa motumaa qormaatu malu ta’uu isaa Woyyaaneen erga hubattee  bubbulteert jechuudha. Sodaan Woyyaanee hin oolle. Bara 2015 fincilli diddaa gabrummaa inni bakka har’a geenneef sababa ta’e Gincitti dhooye. Woyyaaneef kun makmaaksa Oromoo ‘kan sodaatanis du’a, kan irraa hin oolles du’a jedhu’ san mirkaneesse. Imala woggaa 3 booda, hooggansa jaarmaya kamiinu ta’uu baatu, fincilli Oromoo Woyyaanee jilbiifachiiseera. Hawwiin Oromoo diinni kufee arguudha.

Woldeeggaruu fi woljaalchuun waan tokko. Woljibbunis isa biraati. Garuu, sobaan woldiinsuu, ololaan umamta wolirratti kakkasuun, shiraan wolkuffisuun waan Oromoon qabaataa turee miti. ODF bara 2013 irraa biyyatti gala jedhaa carraaqaa turuun isaa osoo beekamu, ammas bara 2015 biyya akka hin seenne dhoorgamuun isaa osoo hubatamu, amma ODF biyyatti galuuf murteessuun isaa akka tooftaa Ob Leencoon qabsoo Oromoo belbelaa jirtu gufachiisuuf qabatee gadi bayeetti dhiyeessuu fi hafarsuun kijiba qofa osoo hin taane dabna haa ta’u jedhamee wolcabsuu fi shiraan wolkuffisuuf Oromooo keessa facaafamaa jiruudha. Dhugaan moo’achuu osoo dandeenne shiraan wolkuffisuun qabsaayaa fi sabboonaa Oromoo irraa hin bareedu. Aadaan akkanaa nu keessati dagaagnaan nu miidhuu mala. Kan Ob Baqqalaa Garbaas baka deemu hundatti dhaamaa jiru wolabaaruu fi wolqeequu keessatti Oromoo wolqusachuu akka qabuudha.

Ifana aduu arguu eegalle malee ammassi saba keennaaf hin bariine. Qabsoon kana boodaa, imalli nu funduraa, inni bilisummaa gonfachuu fi ce’umsa gara sirna dimokraasii mirkaneeffachuu, waan OPDO fi OFC qofatti dhiifamuu miti. Jaaramyaalee fi qabsaayonni dhimmi Oromooo na ilaallata jedhan hundi keessatti qooda fudhachuu qaban. Kuni akka ta’uuf bulchiinsi Dr Abiyyis haala mijeessuu qaban. Dhiibbaanis irratti godhamuu qaba. Hiree xixiqqoo argamaa jirtuttis, osoo hin tuffatin, fayyadamuun gayee jaarmaya siyaasaati. Jijjiiramni amma dhiiga Qeerroon dhufe hiree biyyatti galuu kan uume ODF qofaaf osoo hin taane hunda isaaniitiif. Dhaabbileen Oromoo hunduu amma filannoo lama qabu. Tokkoffaa, qabsoo tana bakka geette irra gara funduratti tankaarfachiisuudhaaf biyya seenanii ummata Oromoo waliin qabsaayuu. Haluma rakkisaa kana keessatti  seenanii hin qabsaayan yoo ta’e hanga yoomiitti eegu? Hanga gafa Oromiyaan guutummatti bilisoomtuu? Lammaffaa, biyya galuuf yoo haalli hin hayyamu jedhanii kan amanan ta’e ykn fedhii hin qaban ta’e karaa nu baasa, saba Oromoof bu’aa caalu argamsiisa jedhanii itti amananiin qabsoo geggeessuudha. Kan isa baasu jaarmaya santu beeka. Nama raasaa jiruu miti kan tooftaa fi tarsiimoo isaanii barreessee harka kaayu. Tooftaa fi tarsiimoo jaarmaya tokkoo hin deeggarru ta’uu mala. Garuu mirga tooftaa fi tarsiimoo isaan fayyadu baafachuu, karaa itti fakkaateen hojjachuu isaaniif kabajuu qabna. Yaada koo malee kan biraa hin ta’u aadaa jedhu qabataa, isa karaa biraan waa hojjachuuf tattaafatu irratti dhagaa darbataa deemuun diina jalatti yoo nu kufise malee saba guddaa kana laga ceesisuu fi gadadoo jaarraa olii keessaa baasu hin danda’u.