Itoophiyatti gufuuleen brokraasii sochii daldalaa danqaa jiru jedha Baankiin Addunyaa

Gabaasni Baankii Addunyaa (BA), Doing Business 2015, akka mul’isutti Itoophiyaan gufuulee sochii daldalaa fi diinagdee daqan hir’isuu irratti hedduu hinmilkoofne. Akka qorannoon BA biyyoota 189 irratti geggeeffame addeessetti Itoophiyaan madaallii haala daldalaaf mijaataa ta’e qabaachuu agarsiisuun adunyyaa irratti sadarkaa 132ffaa dha. Kana jechuun biyyattiin sadarkaa woggaa dabre qabdu irraa, 129ffaa, gadi buu’uu isiiti kan ragaan BA kuni agarsiisu.

Qorannoon BA (Baankii Adunyaa) kuni kan xiyyeeffate dhimmoota sochii daldalaa saffisiisuuf hedduu barbaachisoo ta’an kanniin akka daldala eegaluu; hayyama daldalaa, liqii baankii fi human elektiriikaa argachuu; gibira kafaluu; daangaa biyyattii ce’anii daldaluu; woliigaltee mallattaaye kabjsiisuu fi  kkf ufkeessatti ammata.

Namoota ykn dhaabbota daldala akkaa haarawaatti eegaluu barbaadaniif Itoophiyaan haala mijeessuu irratti ammas fagoo duubatti akka argamtuudha kan qorannoon BA kuni agarsiisu. Kanneen daldalatti seenuu fedhaniif haala mijeessuudhaan Itoophiyaan sadarkaa 168ffaa (biyyoota 189 keessaa) irra teesseerti. Kuni kan addeessu, ammas daldala eegaluuf bu’aa bayiin heddu akka namoota gara addunyaa daldalaatti seenuu fedhan eeggatuudha. Gufuulee jiraniif ufqopheessuun dirqama daldaltootaa yoo ta’u, biyyattiinis namoota daldala eegaluu fedhan jajjabesssuu fi haala mijeessuu irratti hujii guddaa hojjachuu qabdi.

Hayyama ijaarsa laatuu ykn haala mijeessuudhaan Itoophiyaan sadarkaa 28ffaa irratti argamti. Gama kanaan biyyoota akka Aafrikaa Kibbaa, Ruwaandaa fi Keenyaa irras, Itoophiyaan sadarkaa fooyya’aa irratti kan argamtu ta’uu isiiti kan gabaasni BA ifa godhu.  Hayyama ijaarsaa harkatti galfachuuf Itoophiyaa keessatti  adeemsa 7 nama eeggata. Garuu, wolumaagalatti waan barbaachisu hunda xumuruun  guyyaa 125 gaafata, akka gabaasa BA tti.

Liqii baankii argachuudhaan sadarkaan Itoophiyaan irratti argamtu 165ffaa dha. Gamaa kaanaan bara dabre irraa waaxiqqoo fooyya’iinsi biyyattii keessatti argamee  jira. Rwaandaan liqii baankii kanneen gaafataniif daftee argamsiisuudhaan sadarkaa  4ffaa irratti argamuun isii wanti biyyi keenya fooyyessuu qabduu fi kan Ruwaandaa irraa barachuun nurra jiru waa heddu ta’uu isaa gabaasichi mul’isa.

Kallattiin ammas danqaa guddaa qabu, daldala irratti jechuudhaa,  waa’ee daldala biyyoota olla ykn biyyoota biroo woliin geggeessuuti. Akka gabaasa BA Itoophiyaan haala daldala adunyaa mijessuu ilaallatuun sadarkaa 168ffaa irra jirti. Biyya Itoophiyaatti woraqalee meeshaa gara biyya alaa ittiin ergan argachuuf guyyaa 8, woraqaa meeshaa gara biyyattiin galchan argachuuf ammo guyyaa 11 nama gaafata. Bifuma wolfakkaatuun meeshaa tokko biyyaa irraa gara biyya birootti erguufis ta’ee biyyaa biroo irraa gara Itoophiyaatti galchuuf jiddu galeessatti guyyaa 44 akka barbaachisuudha kan gaabaasni BA agarsiisu. Bifuma wolfakkaatuun, meeshaa konteeynara tokkoo biyya Itoophiyaa irraa gara biyyaa birootti erguu timaamatti DA (Doolaara Ameerikaa) 2,380, biyya biroo irraa galchuun ammo  DA 2,960 akka fudhatuudha kan qorannoon kuni agarsiisu.

Akka gabaasni BA agarsiisutti, Itoophiyaan woliigaltee ykn mallattoo namoota jiddutti godhame tiksuu ykn kabajsiisuu dhaan sadarkaa 50ffaa irratti kan argamtu. Kuni biyyoota Aafrikaa heduun wolbira yoo qabamu hedduu caalmaa kan qabu ta’uu isaati kan gaabaasni BA mul’isu. Biyyitti gama kanaan sadarkaa gaarii irra teesse gufuulee kannen biroo daldala danqaa jirani wonti hinfooyyessineef tokko hinjiru. Murannoon, sadrkaa ol’aanatti, waan hunda dura jiraachuu qaba, garuu.

Baankii Addunyaa