Itoophiyaan uggura intarneetiin addunyaa irratti 3ffaadha; uggurri intarneetii guyyatti doolaara miliyoona 4.3 isii dhabsiisa

Mootummaan Itoophiyaa uggura intarneetiin Afrikaa keessatti 1ffaa addunyaa irratti ammoo sadarkaa 3ffaa irra akka jiru beekame. Mootummaann Woyyaanee intarneetii cufuudhaan ummata dukkana odeeffannoo keessa jiraachisa; mirga isaanii sarbuudhaan doorsisa.

Sababa sochii bal’aa biyya keessatti osoo wolirraa hin citin bara 2016 geggeeffamaa turen wolqabatee intarneetiin yeroo hedduuf kan cufamaa ture. Uggurri intarneetii ummata nagaa qofaa miti kan miidhe. Sababbii uggura intarneetii kanaan Woyyaaneen guyyaa tokko qofa keessatti Doolaara Ameerikaa miliyoona 4.3 dhabuu isii dabbanni Brookings Institution ifa godheera. Intarneetiin baatii hedduuf cufamuun isaa kasaaraa inni Woyyaanee irraan gaye isa guyyaa tokkoo irratti hundaayuudhaan heerreguun nama hin rakkisu.

Intarnetii ugguruu fi kasaaraa sadarkaa kanaa keessumeessuudhaaf kan Woyyanee dirqe Qabsoo Oromooti. Kayyoon uggura kanaa odeeffannoo ukkaamsuudhaa ummata dukkana keessatti hanbisuu fi dhuma irratti qabsoo bilisummaa dhaamsuudha.

Uggura intarneetii yeroo addaddatti taasifameen lammiileen biyyattii miidiyaalee hawasaa kanniin akka Facebook, Whatsapp, Viber, IMO fi kanniin biroottii akka hin fayyadamne taasifameera. Miidiyaan biyya alaatti maandheffatanii dhimma Itoophiyaa irratti barreessan heddus biyya keessatti akka hin dubbifamneef cufamaniiru.

Ummata Itoophiyaa keessaa %12 qofa kan intarneetitti dhimma bayu. Saafisa intarneetiin (upload fi download) Itoophiyaan addunyaa irratti sadarkaa dhumaa irratti kan argamtu. Isuma sanuu nama irraaa cufatti kan Woyyaaneen namatti taphattu, biyyattii kan kasaaraa diinagdee keessa galchitu.

Bifuma wolfakkaatun, mootummaan Itoophiyaa namoota ‘Kokaa’ qaxaruudhaan waa’ee misoomaa fi siyaasa biyyattii irratti odeeffannoo dhugaa irraa fagaate akka barreessanii fi addunyaa kijibaan akka dhamaasan akka godhu qorannoon Freedom House agarsiisa. Worri intarneetii jala taa’anii odeeffannoo kijibaa mootummaa Woyyaaneef barreessan maallaqa, lafaa fi taayitaa akka argataniidhan kan gabaasni kuni saaxilu.

Gama biraatiin, muuxxannoo Liibiyaa fi Sooriyaa irraa argattetti dhimma bayuudhaan mootummaan Woyyaanee kompiitaraa jiddugaleessaa irraa email, haasawaa fi SMS ummataa akka dubbiftuu fi hordoftu gabasni kuni saaxila. Gama teeknolojiin kan hujii basaasaa Woyyaanee milkeessaa jiru kubbaaniyaan ZTE, Chaayinaati.  Akka Freedom House jedhutti, mootummaan Woyyaanee sagalee ummtaa woraabaa dhaggeeffatti, SMS dubbisti. Teekonoljiin ZTE, ZSmart jedhamu, kan EthioTelekom dhimma itti bayu yeroo namonni bilbilaan haasawan eessa dhaabatanii akka haasawan humnoota tikaatti agarsiisa. Kana jechuun namoota waan mootummana hin feene haasawan, bilbilaanis ta’ee miidiyaa hawaasaan, humnoonni tikaa battalumatti  akka too’annoo jala oolchan isaan dandeessisa.

Namoonni humnoonni tikaa na hordofaa jiraachuu malu jedhanii uf shakkan iddoo geggeeddarataa qunnamntii bilbilaa taasisuun yoo xiqqaate battalumatti qabamuu jalaa nama baraara. Gara boodaatti gadi lakkifame taanaan teeknolojii cufaa kanniin akka Whatsapp (end to end encryption) kan humni Woyyaanee dubbisuu hin dandeennetti dhimma bayuun dirqii ta’a.