Itoophiyaan labsii Paarlaamaan Awurooppaa baase gufachiisuudhaaf loobii qaxaruuf jedhame

Itoophiyaan dhaabbata loobiif woggatti gara Doolaara Ameerikaa miliyoona 2 kaffaluuf

Mootummaan Itophiyaa labsii Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa tibbana baase gufachiisuuf jecha dhaabbilee loobii qaxaruuf asiifi achi jechaa jiraachuun himamaa jira. Tewodiroos Adhaanoom, Geetaachoo Raddaa fi Abdulaziiz Mohaammad dhaabbilee loobii gabaa Braasels, Landanii fi Waashingitan irraa barbaaduuf dhama’aa jiraachuun hubatameera.

Yeroo ammaatti dhaabbileen loobii torba mootummaa Itoophiyaa bakka bu’anii hujii loobii Braaselsitti geggeessuuf fedhii isaanii argisiisaniiru jedhama. Dhaabbanni hujii loobii kanaaf mootummaa Itoophiyaan filatamu woggatti  kaffaltii naannoo miliyoona lamaa (doolaara Ameerikaa) Itoophiyaa irraa kiisa seensifata. Maallaqani loobiin nyaattu kuni Itoophiyaa keessatti, sanuu yeroo ummanni miliyoona heddu beelaaf saaxilame kanatti, rakkoo heddu furuu danda’a ture.

Dhaabbanni Landanitti maandheffatee (Chelgate) fi inni Ameerikaa tokko woldorgommii dhaabbilee loobii torba jiddutti taasifamaa jiru kana injifatuun isaa kan hin oolle ta’utu himama.

Mootummaan Itoophiyaa bara 2005, filannoon hatamuun wolqabatee, dhiibbaa qoqqobbii diinagdee fi diploomasii guddaa mootummoota worra dhihaa isarra gayee ture jalaa kan dandamate hujii dhaabbileen loobii Waashingitan irraa isaaf hojjataa turaniin. Yeroo sanittis Itoophiyaan garee loobii K Street jedhamuuf baatitti doolaara heddu kaffalaa turuun isii beekameera.

Mootummaan Itoophiyaa ufii isaa dubbatee addunyaa amansiisuu akka hin dandeenne hubateera; keessumattuu yeroo addunyaan rakkoo Oromiyaa keessa jiru qajeelatti baraa dhufte kanatti. Yaaliin hundi firii argamsiisuu dhabnaan fuula isaanii gara dhaabbilee loobiitti kan deebisan. Mootummaan Itoophiyaa bara kana dhaabbilee loobiitti dhimma bayuun rakkoo guddaa amanamiinsaa fi fudhatama dhabiinsaa isa mudate jalaa bayuun isaa ni shakkisiisa. Irra caalatti, hojjachuu fi hojjachuu dhabuun loobii Woyyaanee kan rarra’u kallattii worraaqsi amma Oromoon itti jiru qabatu irratti. Qabsoon Oromoo daran finiinaa deeme taanaan humni loobii Woyyaanee mana gubataa jiru dhaamsuudhaaf bishaan waabaa takkaa facaasuu irra waan jiruu miti.

Ta’us garuu, mootummaan #OromoProtests dhaamsuudhaaf humnaa fi tooftaan itti hin fayyadamne kan hin jirre ta’uu isaati kan sochiin amma eegalan nutti argisiisu. Qabsoon Oromoo ni eegale. Akka waan injifanne lafa dhiituu fi ufdagatuun waan dhiigaan argame hunda gatuudha. Oromoon dammaqinaan waan Woyyaaneen yaadduu fi hojjattu faana bu’aa; tooftaa tooftaa Woyyaanee madaalu, danda’ama taanaan kan caalu, baafachuudhaan carraaqqii mootummaa fashalsiisuu fi qabsoo eegale ammoo galma geessuu qaba.

Daandii irra dhufne isa rakkoo himachuu fi wolkomachuutti xumura laatuu qabna, dhiiroo!