Itoophiyaan jaarraa addunyaan quufte keessatti maaliidhaaf beelofti?

Abdii Gammachuu: Rooba dhabuufi El Nino'f saaxilamuu caalatti imaammata gaarii dhabuun ummataa fi qabeenya badiif saaxileera.

Wanti akka oduu beela Itoophiyaa dhagayuuf nama jibbisiisu, dhagayan ammoo nama qaanfachiisu, cimina biyyaa fi ummata isii gaafii keessa seensisu jira natti hin fakkaatu. Biyyattii keessatti woggaa woggatti, naannoo tokko tokkotti tarii woggaa guutuu, namoonni beelaaf saaxilaman jiraachuu isaati kan hubatamu. Yeroo yerotti beelayuu fi oduu beela Itoophiyaa dhagayuu nutumti hin hifannee? Addunyaan hundi ammoo nu hifatte, dur nu ajaa’ibsiifatte.

Oduun beelaa, maatiifi ijoollee foon irraa dhume agarsiisuufi loon du’e TV’n mul’isu, kuni nurraa deemutti jira hin fakkaatu. Hedduu nurra marmaaraa nu rifachiisa. Akka obboleewwan keenyaaf gaddinu, ija addunyaa afotti ammoo qaanfannu nutaasia. Marmartoo beelaa kanatti xumura latuudhaaf wonti tokko godhamutu irra ture; sanuu woggoottan heddu dura. Hanga ammaatti wonti godhame jira hin fakkaatu, anatti hin mul’atu, garuu.

Dhugaan ammatti jiru lammiilee Itoophiyaa miliyoona 8 ta’an gargaarsa nyaata hatattamaa kan isaan barbaachisu ta’uu isaati. Yeroo laakkofsi namoota beelaaf saaxilamanii miliyoona 4.5 gara 8’tti utaalu kuusaan nyaata yeroo hatattamaa akka laakkofsi lammiiwwan beelawanii dafee dabaluun osoo irra jiraatu, kan mul’ataa jiru garuu faallaa isaati: kuusaan nyaataa hir’ataa fi xuuxamaatiin kan deeme. Osoo lammiileen amma beelawan, naannoo miliyoona 8, afaan isaanii waa hin buufanne fi bishaan hin arganne, ummanni gargaarsa nyaata hatattamaa barbaadu jalqaba bara 2016’tti naannoo miliyoona 15 nidhaqqaba jedhamuu isaati kan hedduu nama yaachisu. Lammii Itoophiyaa hundaaf kuni oduu gaddisiisaa fi hamilee cabsaadha.

Itoophiyaan maaliidhaaf saahuu beelofti?

Addunyaan yeroo heddu, osoo harkaa fi sammuu qabdan, duroomuun mee haa hafuu, akkamitti waan lubbuu keessan ittiin jiraachistan akkamitti dhabdan jedhaa nu gaafatti; nu maalalti. Biyyoota addunyaa heddu keessatti namni tokko hojjatee, hammaattu hate ykn kadhatee, xiqqaatee xiqqaatu guyyatti al tokko nyaachuudhan lubbuu isaa inuma du’a jalaa baraara. Nyaata gayaa dhabuudhaan yoo taate malee namni guyyatti takka nyaata dhabuudhaan du’u hedduu miti. Biyyoota heddu keessatti, akka dhuunfaattis ta’ee gareedhaan beela irraa uf ittisuudhaaf waan danda’amu hunda carraaqanii, akkasittuu soorata yoo argachuu dhaban, hedduun isaanii mootummaa isaaniif birmatu qaban. Mootummaan biyya ambaa yoo rakkoon tokko humna isaa ol ta’e liqeeffatee ykn kadhateeti kan lammii isaa haleellaa beelaa jalaa kan baraaru. Bakka carraaqqiin guddaan kallattii hundaan godhametti, beelaa mitii hiyyummaas wanti harka hin kennachiifneef jira hin fakkaatu. Fakkeenyi biyyoota heddus ragaa kan bayu dhugaadhuma kana.

Itoophiyaa keessatti beelli barabaraan maaliidhaaf akkas lubbuu namaatti taphata garuu? Sababni isaa waan heddu ta’a. Sababa beela bara kanaaf mootummaan El Nino’tti quba kan qabu. Namoonni mootummaa itti gafatamaa godhanis jiru. Dhugaan ifatti mul’atu, sababni isaa kamiinuu haa ta’uu, lammiileen miliyoona hedduttii laakkawaman nyaata dhabuu irraa kan ka’e qarqara boollaa irra ciisaa kan jiran. Loon dhuman meeqa akka ta’e, waaqaan alatti,  kan beeku jira hin fakkaatu.

Rakkoon beelaa kuni Itoophiyaa keessatti akka maandhefatuuf haalli qilleensaa fi dadhabbiin mootummaa haala osoo hin mijeessin ykn hin hammeessin hin hafne. Kana jechutti kan nama geessu rakkoon El Nino fi dhabamiinsi roobaa rakkoo Itoophiyaa qofaa mudatuu miti. Addunyaa irratti naannoon roobaan hedduu quba wolhinqabnes ni jiru. Ilmi namaa naannoo akkasii keessas inuma jiraata. Biyyoonni jiruufi jireenyi ummataa guutummatti rooba irratti rarra’es heddutu jira. Ummanni kunis akkuma qoteebulaa keenyaa, yoo roobni yeroo isaa eegee dhufee fi yeroo isaa eegee deeme omisha gaarii argatan. Yoo roobni dhabames rakkoo addaddaaf saaxilamu. Akkasuu ta’ee, yeroon ummanni biyya biraa sababa dhabamiinsa ykn hanqina nyaataa irraa kan ka’e duuti mana isaaniitti morma isaan qabatte hin arginu, qaamni isaaniis foon fixatee lafee ta’es CNN fi BBC irraan hin mul’atu. Maaliidhaaf? Biyya ormaatti, yeroo roobni dhabamu mootummaa jiruufi jireenya ummata isaa quba qabaatuufi rakkatan ammoo isaaniif dafee birmatu waan qabaniif qofa.

Duumessa balaa roobuuf jiru arguu dadhabuu

Yeroo heddu beelaan kan hubamuu fi akka maandhee beelaatti kan beekamu ummata Itoophiyaa fi biyya isaaniiti. Seenaa Itoophiyaatti, beelaan wolqabatee, yeroon mootummaan qeeqa jalaa baye hin jiru. Kan bara kanaas kan adda godhu jira hin fakkaatu. Mootummaan rakkoo dhabamiinsa roobaatiin wolqabatee uumamu, beelas dabalatee, kamiifuu kan komatamuuf sababa malee miti. Tokkoffaa, rakkoo dhufaa jiru, El Nino fi balaa inni fiduu malus, arguu dadhabuu isaatiif. Rakkoo gurguddaa akka El Nino irra uftiksuuf haala qonna isaanii jijjiirama qilleensaa jiruun wol simsiisuun tasa sadarkaa qotee bulaa keenyaatti waan yaadamuu miti. Humnaafi beekumsa isaaniitii oli. Mootummaan garuu humna, qabeenyaa fi teknolojii waan dhufaa jiru ittiin argu qaba. Haalli El Nino uume kan uumame Galaana Paasifik irratti baatii heddu dura. Mootummaan Itoophiyaa biyyattiin rakkoo jijjiirama qilleensaatiif saxilamtuu akka taate qajeelchee beeka. Ammas, El Nino’n bara 1997/8 biyyattii irratti hubaatii akkamii akka geesse yaadatama. Qoteebulaan keenya jijjirama dhufaa jiru akka hubatuu fi tankaarfii barbaachisu hunda akka fudhatu yeroodhaan maaliidhaaf hin godhamne, hin gorsamne ture?

Rakkoon El Nino, akkuma heddun keenya beeknu, akka balaa uumamaa isa biraa, sochii lafaa fi sunaamii, waan hanga limsuu ijaatti hunda dhabamsiisu, namaafi gamoo buqqisuu miti. El Nino fi balaan inni fidus, kan ijaa fi sammuu qabutti, waan fageenyatti mul’atuudha. El Nino’n, kan rafeef malee, isa dammaqeef bilbila ‘dhufaaraa qophaayaa’ jedhu osoo hin qililchine balaa nama irraan babayuu miti.

Rakkoo uumamuu maluuf qophaayina gayaa dhabuu

Mootummaa kan komachiisu, qabxiin lammaaffaa, hir’ina qophaayina gayaati. Beela bara kanaa kan uume akkuma gara gubbaatti tuqame sochii lafaa ykn sunaamii miti. Rakkoon beelaa hamaan kuni kan dhufe, akka mootummaan jedhutti, hirina roobaa sababa El Nino irraa maddeen; anis amantaa El Nino’n haala hammeesseera jedhu qaba. Ta’us garuu haalli El Nino uumamuun mootummaan akka ummata rakkoof saxilamuu malu toohatu, imaammata isaa akka sirreeffatuu fi hunda caalatti qophaayina barbaachisu akka taasisuuf yeroo fi hireee gaarii kan laate ture. Imaammata gaariifi qophaayinni gayaan jira osoo ta’ee namoonni hanganaa osoo hin miidhamin tankaarfiin ciccimaan ni fudhatama ture. Mootummaan lammiilee fi qabeenya biyyattii tiksuuf waadaa seene tokko kana arguu dadhabuu fi itti qophaayuu dhabuu isaatiif bifa kamiinuu gaafii fi qeeqa jalaa hin bayu. Itti gaafatamummaas, gaaga’ama gayaa jiruuf, qaama biratti, El Nino’s dabalatee, dabarsuu hin danda’u.

Nyaata yeroo hatattamaa lammii balaa beelaaf saaxilamaniif argamsiisuun dhimma salphaa miti. Dursanii imaammata cimaa rakkoo akkanaatiif dafanii fala ittiin barbaadan lafaa qabaachuu gaafata. Gaarummaan imaammata gaarii ykn cimaa qabxiin ittiin madaalamu tokko qophaayinni quubsaan jiraachuu agarsiisuu fa’a ammata. Qophaayinni gahaan jiraannaan mootummaan ummata beelaye qajeelatti beekuu bira dabree nyaanni kuusa mootummaa keessa jiru namoota meeqaafi yeroo hangamiif akka gayu beekuu isa dandeessisa. Addaaddummaa uumame yeroodhaan beekame taanaan kan hanqate liqaanis ta’ee kadhaan guuttachuudhaan ummata daabboo takka dhabaaf beelaye du’a jalaa baraaruun inuma danda’ama. Kan argutti jirru garuu, mootummaan laakkofsa namoota gargaarsa barbaadaniiyyuu qajeelatti kan hin beekne ta’uu isaati. Yeroo baatii tokko hin caalle keessatti laakkofsi namoota beelaaf saxilamanii miliyoona 4.5 irraa gara miliyoona 8 utaale jedhamuun isaa kanuma mirkaneessa.

Kadhatanii ykn liqeeffatanii ummata beelaye du’a jalaa baasuu mitii, omisha biyyattii dhihaa gara bahaatti geggeessuun yeroofi dadhabbii guddaa waan gaafatuudha. Mootummaan nyaata bituudhaaf gabaa Awurooppaa keessa akka socho’aa jiru dhagayama. Dhaabbileen gargaarsaas (NGO) gargaarsa wolitti qabuuf fiffiigaa jiru. Kuni hundi gaariidhaa. Rakkoon garuu nyaanni mootummaan bituufi qamadiin NGO’n fidu ummata beelaye bira kan gayu baatii heddu boda; erga heddu du’anii fi saawwanis dhumanii booda. Nyaata bituun kan hin oolle, gargaarsas laatuun kan hin hafne yoo ta’e akkuma mallattoon beelaa mul’ateen, El Nino’s dabalatee, maaliidhaaf tankaarfiin hin fudhatamne ture? Hundi akka hin dhumanneef carraaqqiin kana booda godhamus waan jajjabeeffamuu qabu ta’ee, kanneen du’aniif lafee ta’n osoo yeroodhaan ijaa fi gurra argatan ta’ee balaa kana hundaaf hin saaxilaman ture.

Itoophiyaa keessatti rakkoo heddutu uumama; sababni isaa kamiinuu haa ta’uu. Wanti yeroo heddu arginu, kan aadeffatame, daqiiqaa dhumaa irratti fiiguudha, erga namoonni lafee ta’anii fi saawwan dhumanii booda. Kuni dogoggora guddaadha. Mootummaan dhimma Abbaayiif akkamitti akka socho’u hundi beekna. Dhugaa dubbanna yoo ta’e, lammii qarqara boollaa irra jiru baraaruudhaaf wanti sanii olii hojjatamuun, ijibbaanni dhumaa godhamuun isarra hin turee? Lubuu namaa baraaruu dura wanti dursi kennamuufii qabu tokko jiraatuu hinqabu. Wanti hojjatamu hundi, bu’uura misoomaas dabalatee, lammii biyyattii jiraachisuu fi jireenya isaanii foyyessuudhaaf. Boru jireenya gaarii jiraannaaf har’a namoota dhumaniif birmannaa gayaa laatuu dadhabuun qaanessaadha.

Ummata ufii guyyatti al tokka nyaachisuu fi isa dhumaa jiru du’a irraa hanbisuu oso hin dandeenye imaammata, isa dogoggoraatti jechun nama dhibus, shakkiin alatti garuu, kan ammatti dursi laatamuufii hinqabne, fkn daandii baaburaa Awaashii hanaga Maqaleefi sagnataa qorannoo samii, irratti bobba’uu maaltu fide? Fageessanii waan as deemaa jiru arguu dadhabuu fi dhimmoota dursi laatamuufii hin qabneen qabamuun, shakkiin alatti, balaa sadarkaa kanaan wolitti nama baasa. Biyya mootumman ummataa fi naannoo isaa quba qabaatu, bakka rakkoon jirutti ammoo hi’rina isaa guuttatuuf tattaafatutti rakkoon bifaafi sadarkaa kanaa tasa hin mul’atu. Biyyi al tokka, sanuu woggaa kudhan keessatti, El Nino’n dhahamtee mitii, kanniin yeroo hunda balaan uumamaa itti wolgeggeeddarus rakkoo kana fakkaatuuf hin saaxilamne. Keenya adda!

Ijoolleefi maatii foon fixatanii lafetti geeddaramanii fi loon dhuman laakkawaa qamadii gargaarsaa kadhachuun ni danda’ama.  Garuu, osoo gaaga’amni sadarkaa kanaa ummataafi qabeenya irra hin gayin duumessa rakkoo dhufaa jiru arganii, ummataa fi hawaasa addunyaatti ibsanii, hunda sochoosanii deeggarsa barbaachisu yeroodhaan wolitti qabanii lammii fi qabeenya dhumaatii irraa hanbisuun imaammata gaarii, ummataaf yaaduu, gamnummaafi dandeettii qabaachuu gaafata.