Itoophiyaan haleellaa saayberii geezexeessitoota miidiyaa wolabaarratti geggeessiti, jedha Citizen Lab

Mootummaan Itoophiyaa gaazexeessitoota miidiyaa wolabaa biyya irraa baqatanii biyyaan alaa jiraatan irratti haleellaa saayberii dhaqqabsiisuudhaan lammiin biyyattii odeeffannoo wolabaa akka hinarganne godha jechuudhaan dhaabbanni qorannoo intarneetii magaalaa Toroontoo Citizen Lab jedhamu mootummaa Itoophiyaa yakke. Akka dhaabbata kanaatti kanniin haleellaa kanaaf saaxilaman irra jireessatti gaazexessitoota Televiziyoona Isaati (ESAT) Ameerikatti argamaniidha. Yaaliin mootummmaan Itoophiyaa kompiitara gaazexeessitoota kanniiniitti seensa argachuuf godhu, akka qorannoo kanaatti, iccitii gaazexessitoonni kunniin madda oduu isaanii dhoksuuf godhan harkatti galfachuuf jedhamee shakkama. Maddi oduu gaazexeessitoota kanniinii saaxilame taanaan lubbuun namoota Televiziyoona Isaatiif oduu laatanii balaa irra bu’uun nimala sodaa jedhutu jira.

Akka qorattoota kanaatti mootummaan Itoophiyaa baatii Sadaasaafi Muddee 2014 keessa yaalii kompiitara gaazexeessitoota Isaat lama cabsee seenuu taasiseera. Mootummichi kompiitara gazexeessitootaa kanniiniitti seensa argachuuf kan yaalii godhe mosajjii [software] faayiliifi iggita [password] hatu akkasumas haasaya Skypefi dhaamsa hatuuf dandeettii qabu kompiitara gaazexeessitootaa irratti fe’uudhaan. Mosajjii basaasaa kana kompiitara gaazexeessitootaa irratti fe’uun kan yaalame ergaa bifa miltoon [attachment] MS Word ergameen ture. Qabiyyeen ergaa kanaas waa’ee filannoo Itoophiyaa kan bara 2015 kan odeessu ture.

Haleellaan wolfakkaatu bara 2013 keessa gaazexeessitoota Televiziyoona Isaat irratti yaalamee ture. Inni kuni isa bara 2013 irra fooyya’aa ta’uu isaati kan himamu, garuu.

Teeknolojiin mootummaan Itoophiyaa gaazexeessitoota basasuuf dhimma ittii bayu kuni isa NSA [National Security Agency-Ameerikaa] fi biyyoonni guddatan hedduun dhimma itti bayaniin hedduu kan wolmadaalu ta’uudha kan the Washington Post gabaase.

Mosajjii kana kan gurguru, akka the Washington Post itti,  kampaanii biyya Xaaliyaanii Hacking Team jedhamuudha.  Kampaanonni mosajjii akkasii mootummoota addunyaa irratti mirga namaaf dantaa hinqabnetti gurguruun isaanii sirriidhaa miti jechuun dhaabbileen mirga namoomaaf falman qeeqan. Ta’us, worri Hacking Team mootummaa Itoophiyaatti mosajjii akkasii gurguruu isaa gaafatamanii garuu kampaanichi imaammata eenyumaafi iddoo maamiloota isaa saxiluu na dhoorgu  qaba jechuudhaan gaafiif deebii quubsaa laatu irraa ufqusateera.

Waa’ee gabaasa gaazexeessitoota Itoophiyaa biyya alaa irraa hojjatan mootummaan Itoophiyaa nibasaasa jedhu kana irratti dhaabbileen mirga namoomaaf falman mootummaa biyyattii qeeqaniiru. Tankaarfiin kuni galmee mootummaan Itoophiyaa miidiyaa wolabaa irratti qabuun kan wolitti hidhata qabu ta’uu isaati kan Human Rights Watch ibse. CPJn, dhaabbanni mirga gaazexessitootaaf falmu, mootummaan Itoophiyaa seenaa gaazexeessitoota miidiyaa wolabaa doorsisuufi hidhuu qaba jedheera.

Yaaliin basaauu yeroo addaddaatti televiziyoona Isaat irratti godhame kuni miidiyaa wolaba biraafi dhaabbilee mormitootaa biyyaan ala jiran heddu irratti hingodhamne wonti nama jechisiisu tokko hinjiru. Haalli akkanaa kompiitarri dhaabbileen siyaasaa mormituufi hooggansi dhimma itti bayan hundi kan qabamuu qabu namoota beekumsa kompiitaraa gahaa qabaniin ta’uu isaati kan nama hubachiisu. Kompiitaroonni dhimmoonni dhunfaa ittiin geggeeffamaniifi inni dhimmi dhaabilee ittiin geggeeffamu haalaan gargar bayuun dirqama. Kuni hinta’u taanaan balaan inni dhaabicha irraan gahuu maal akka ta’e bu’aa qorannoo kanaa caalaa wonti ifatti mul’isu tokkoyyuu hinjiru.