Injifannoo EPRDF fi kallattii qabsoo hegeree paartilee karaa nagaan Itoophiyaa keessatti socho’anii

YAADA (Abdii Gammachuu): Rakkoon hanga ammaatti kan mul’ate karaa nagaan qabsaayuu irraa miti. Worri karaa nagaan qabsaayan tarsiimoo, humnaafi cimina; shira, garajabeenyaafi diktaatarummaa EPRDFn wolmadaalu, afoo dhabatuufi dandamatu uumachuu dadhabuu isaaniiti.

Filannoo 2015 paartiin biyyattii wogaa 24 bulchaa ture EPRDF injifatee umrii bulchiinsa isaa gara 29 olguddise. Seenaa Itoophiyaa keessatti EPRDF bulchiinsa Haylasillaaseetti aanee isa lammataati; umrii dheerinnaan. Akka ibsa Boordii Filannootti, jaalatanis jibbanis, fudhatanis mormanis paartiin mormitootaa hundi, tokko keessaa osoo hinmilkaayin, harka duwwaa hafan. Hiriirriifi deeggarsi ummataa duula nafiladhaa irratti paartilee mormitootaaf laatamaa ture maaliif gara sagaleetti hinsharafamne jettanii worra mormitootaa yoo gafattan deebiin argattan, ‘kan raawwatame saamicha afaan qawweeti,’ kan jedhu. Isinis waan ta’e hunda taajjabuu hinoolle.

Bu’aan injifannoo kanaa kan raaje jira natti hinfakkaatu. EPRDFs akka injifatu beeka. Filatamuufi moo’achuun waan garagaraati. Filatamuun waan jaalalaafi fedhii irratti hundaayu. Moo’achuu humnaanis kabajsiifachuun inuma danda’ama- kan ta’es kanaan addaa miti. Bu’aa filannoo kanaan wolqabatee wonti xiqqoo nama raaju yoo jiraate ammas akkuma bara 2010 injifannoon EPRDF %100 fakkaachuu isaati. Taajjabdoonni heddu filannoo dura EPRDF tarsiimoof jecha barcumaa 20 ykn 30 inuma gadi lakkisa jechaa turan. Labsiin boordii filannoo biyyatti kan ifa godhe garuu dirqamni isaanitti laatamee irratti hojjataa turan EPRDFf injifannoo dhibbaan dhibbaa mirkaneessuu ta’uu isaati. Waadaa woliif seenan guutan. Labsii kaleessaan barcumaa 547 keessaa EPRDF 442 kiisa kaayyateera. Bu’aa filannoo labsame keessaa paartiin mormituu tokkolle teessoo tokko hinarganne. Inni hafe, teesoon 105 jechuudha, ammati kan eenyuu akka ta’e hinlabsame. Kan hafes yeroo eeggata malee irra buusaa EPRDF ta’uu wonti dhoorgu hinjiru. Bu’aan teessoo hafanii akka hinlabsamne maaltu akka isaan dhoorge anaaf ifaa miti. Tarii maal akka godhan ilaalaaru ta’a.

Naannoleen silaa fagoodha ykn duubatti hafoodha jedhaman kanniin akka Gambeellaa, Been Shanguul, Somaaleefi Afaar guutumatti jechuun nidanda’amaa bu’aa filannoo naannoo isaanii ifa taasisaniiru; isuma saamame san. Naannoon Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay fi naanoon Kibbaa bu’aa teessolee 28, 31, 7 fi 28 wolduraaduubaan osoo hinlabsin hafan. Kuni akkamitti ta’e? Maaliif ta’e? Kan beeku isaanuma.

Teessoo hanga ammaa osoo hinlabsamin hafan keessaa worri mormitootaa waa ni argannaa jedhanii eeguun nimala; silaafuu abdii kutachuun gaarii miti. Wonti isaanis nutis ifatti beeknu, hooggantoonni dhaaba Medrek Prof. Bayyaneefi Dr.Mararaan injifatamuu isaaniiti. Isaan paarlaamaa akka hinseenne balbalti itti cufamte. Kana booda osoma EPRDF Medrekiif teessoo 10n hayyamee, silaa dubbiin qoodiinsa malee filannoo mitii, namni akka hooggantoota kanniiniitti, dandeettiifi muuxxannoo qabaatee, ummataafis ta’e dhaaba isaaniitiif paarlaamaa EPRDFn liqimfame keessaa sagalee guddaa ummata bira gayuu danda’u dhageessisuu eenyu?

Akkuma jirutti yoo ilaalle, injifannoon EPRDF cimina isaa, injifatamuun mormitoootaa dadhabina isaanii waan labsuu miti; kan siyaasa Itoophiyaa itti dhihaatee xiinxalleef. Kan fayyaa qabu dhibamaan wol’aansoo bayee, kan hidhate isa harka qullaa jiruun bakka falmetti injifannoon alatti wonti inni galuun tokko hinjiru. Faawulii guddaadha kan paartilee mormitootaa irratti hojjatame. Dirree taphaa akkanaa seenee kan moo’ates waan geerraruuf, kan moo’atames wonti booyuuf/yooyyomuuf natti hinmul’atu.

Filannoon kuni akka tajjabdoonni Gamtaa Afrikaa labsaniifi akka mootummaan ummata amansiisuuf yaalu dhugumatti haalli guyyaa san ture kan rakkoo guddaan maanxame ta’uu dhabuun nimala. Ta’us, ajjeechaafi doorsisaan ture. Namoonni Kofale, aanaa Midaa Qanyiifi naannoo kibbaatti du’aniiru. Garuu, dhiigni bakka hundatti dhangale jechuun hindanda’amnu. Xiqqaachuun ajjeechaa filannoon bifa ifa, bilisaafi dimokraatawa ta’een geggeeffame tasa nama hinjechisiisu; isa waan woggoota 5niif mitii woggoota 24f, osoo wolirraa hincitin Itoophiyaa keessatti ta’aa ture quba qabuuf. Filannoon guyyaa san karaa nagaan geggeeffame jechuun tasuma dirreen filannoo hundaaf diriiraa ture jechuu miti. Kan ummanni keessaafi hawaasni addunyaa dubbataa ture dhaabbileen mormitootaa, keessattuu erga 2005 asi, hallayyaa hamaa irraa kan oofamaa, ari’amaa turan. Dhugaan taajjabdoonni Gamtaa Afrikaas arguu dadhaban ykn arguu hinfeene kanuma.

Rakkoo ykn hir’ina taajjabdoonni Gamtaan Afrikaa qaban kan ifatti saaxile jechuma isaaniiti. Akka seeraatti filannoon osoo hineegalin dura sanduuqni filannoo duwwaa ta’uu isaa umatatti agarsiifamuu qaba ture. Buufata filannoo heddutti kuni kan hintaane ta’uu isaati taajjabdoonni Gamtaan Afrikaa kan ifa godhan. ‘Kuni,’ jedha ibsi taajjabdoonni Gamtaan Afrikaa, ‘iftoominaafi amanamiinsa’ irratti rakkoo qaba. Filannoon kuni rakkoo qabaachuu isaaf kunumti agarsiisa guddaa ture; kophatti gayaa ta’uu baatus. Akkasuu ta’ee, taajjabdoonni Gamtaan Afrikaa filannoo kanaaf qabxii A kennaniiti kan ganda ganda isaaniitti galan. Kanuma akka jedhaniif ture bakka qaamni biroo hundi, worri Awurooppaafi Ameerikaa, hayyama dhoorgatametti isaan kan affeeramaniif.

Gama mootummaatiin bu’aan filannoo fedhii ummataa kan ifatti labse yoo jedhamu dhagayama. Kuni dhugaadha haa jennuu mee. Garuu bifuma kamiin? Addunyaa kam irratti kaadhimamaan tokko of dhiisee paartii morkataa isaaf sagalee kan laatu? Injifatamuun waan jiru. Garuu kan baratame, biyyootumaafi sirnoota filannoo hatuun beekaman heddu keessattuu, kaadhimamaafi maatiin, firrifi hiriyyoon isaa/isii, hundas ta’uu baatu, irra jireessatti sagalee kan laatan firuma isaanii kaadhimamaa ta’ee dhiyaateef. Hangamuu xiqqaatu, sagalee injifannoos argatuu baatu, kaadhimamaan tokko karaan sagalee 1 ol ittiin argatu jira. Hedduus salphaadha. Filannoo bara kanaa irratti, akka bu’aan filannoo buufata garagaraatti maxxanfame ifataasisetti, kadhimamtoonni sagalee 0 argatan jiru. Kana jechuun kaadhimamtoonnis ufhinfille, fira isanii irraas sagalee tokkos hinarganne. Dhugaan bu’aa filannoo Itoophiyaa kana. Hangam ummanni ija sooqiddaan akka miicate kana caalatti kan mul’isu ragaan jira hinse’u.

Filannoo kanas ta’ee arfan kana dura dabre hunda irratti EPRDF filannoon ni injifatama, angoo dabarsee nilaata jedhee kan eege hinjiru. Dhaabbanni EPRDF dhawaataan gara abbaa irreetti geeddarame tasa angoo filannoon akka gadi lakkisuuf hinqophoofne irra deddeebi’ee himamaa ture. Akkasuu ta’ee, paartileen mormitootaa takkaa filannoo irraa qooda fudhachuu hinlaganne. Irra deddeebi’anii kan ibsan injifachuus baatan adeemsi kuni hawaasa dadammaqsuufi humneessuuf faaydaa guddaa qabaachuu isaati. Garuu, injifachuun bakka hinjirretti, duulli yeroo filannoo ummata dadammaqsuufi ijaaruu irratti xiyyeeffate hanga yoomitti itti fufa? Dadamaqsuufi kakaasuun, akkasuma araada dadamaqsuu qofa guutachuuf osoo hintaane, dadammaqiinsa booda injifanno gonfachuudhaaf. Galmi dhaaba siyaasaa tokkoo injifachuudhaan angoo biyyatti harkatti galfatee mootummaa isaa uumuudha. Haala woggoota 24n dabreen mul’atetti, hujiin mormitootaa irra jireessatti dadammaqsuu irratti kan daangaye yoo ta’u, EPRDF ammo tarsiimoo, seera qabeessaafi seera dhabeessa, angoo guutummatti ittiin dhuunfatu baafataafi irratti hojjataa jiraachuu isaati.

Haalli woggoota 24f Itoophiyaa keessatti mul’ate, adeemsa dimokraasiifi bulchiinsa gaariin wolqabatee, hedduu abdii nama kutachiisa. Harka mammaratanii taa’uun fala ni ta’aa, garuu? Falli maratanii taa’uu yoo hintaane, falli biraa maal ta’utu mala? Paartileen mormitootaa marmartoo kana keessaa bayuuf maal maal godhuu qabu? Humni obsa isaa xuruurrate tarsiimoo qabsoo nagaa keessaa bahee isa biroo filatuun nimala. Paartii ammas tarsiimoo qabsoo karaa nagaa ijibbaata itti laata amantaa jedhu qabuuf ammas hujii manaa guddaafi hedduu ulfaataa ta’etu isa eeggata. Dhaabbanni tokko tarsimoo qabsoo isa kamuu hafilatuu, dhugaan yeroodhaa yerotti ifa ta’aa dhufte kan ifa gootu, karaan angoo EPRDF harkaa ittiin fuudhan hedduu dheeraafi baay’ee wolxaxaa ta’uu isaati. Rakkoon hanga ammaatti kan mul’ate karaa nagaan qabsaayuu irraa miti. Worri karaa nagaan qabsaayan tarsiimoo, humnaafi cimina shira, garajebeenyaafi diktaatarummaa EPRDFn wolmadaalu, afoo dhabatuufi dandamatu uumachuu dadhabuu isaaniiti.

Mootummaan EPRDF angoo irra kan jiru humnaan. Roorroo! Sagaleen ummataa guyyaa filannoo hatamaara ta’a. EPRDF angoo irra turuu kan mirkaneeffataaru garuu, sagalee guyyaa filannoo hatamu qofaan miti. Irra jireessi hujii umrii angoo dheereffachuu kan eegale dur ganna 24 dura. Yeroo filannoon woggaa 5 eegaa debi’uu hujiin EPRDF tarsiimoma ganna 24 dura lafa kaayyatan irra deddeebi’anii gamaaggamuudha. Hir’inna dhabamsiisu. qaawwalli uumameera taanaan cufu. Adeemsa paartilee mormitootaa gamaaggamuun kanniin waa xiqqoo lum’a baasuti jiran qucee dhayu. Kuffisu. Lafa qabsiisu. Bifa wolirraa hincinneen ummata sodaachisu, doorsisu, hiree jiruufi guddinaa dhabsiisu. Hujiin miidiyaa wolabaa ukkaamsuu, hawaasa tokko-shaniin xaxuufi dhaabbilee hawaasa taphaan ala godhuu qaamuma tarsiimoo bifa kamiinuu yoo ta’e angoo irra turuuf jecha wixineeffamee bal’innaan irratti hojjatamaa tureedha.

Maallaqni wonti hintoo’anne ykn hinbitne tokko hinjiru; gayaa haa ta’uu malee. Karaan EPRDF angoon akka harka isaatii hinbaane ittiin mirkaneeffatu inni biroo deeggartootaafi sagalee ummataa maallaqaan bituudhaan. Komiin mooraa mormitootaatii irra deddeebi’amee dhagayamus kanuma mirkaneessa. Maallaqaan kan bitaman deeggartoota paartilee mormitootaa irraa kaasee hanga koree filachiistuutti. Kaniin sagalee kennatanis maallaqaan bitamu. Waadaa, hurrii obboroo, EPRDF isaaniif seenuun sobamu. Hiyyumaan, silaafuu, waan nama hingoone hinqabdu.

Paartileen mormitootaa hunda tooftaa EPRDF dhimma itti bayu hujii irra oolchuu kan isaan dhoorgu tooftaa kanaaf jibbaa qabaachuu (heedduun tooftaa EPRDF seera-dhabeessa) isaanii qofaa miti. Humna tooftaa EPRDFtti dhimma bayuus hinqaban. Mallaqaan sagalee ummataa bituu mitii konkolaataa isaaniitti gaaza guuttachuu, waajjira kireeffachuu worra hindandenne hedduun isaanii. Humna dadhabaa akkanaafi bittinaayiinsa kana fakkaatuun biyyi partileen mormitootaa mootummaa abbaa irree keessatti garagalchan tokko hinjiru.

Kuni dhugaa Itoophiyaati- hangamuu hadhaayuu. Mormituun kamnuu dhaaba EPRDF isa bifa kamiinuu, hangamuu tooftaan isaa fokkisaa yoo ta’e, angoo irra turuuf murteesse wojjiin qabsoo geggeessaara. Isa irraa angoo fudhachuuf carraaqutti jiru. Morkataan kee yoo cimaa ta’e, asbiratti ciminni gosa heddu qaba, daran cimtee ykn irra aantee argamuu qofa kan nama baasu. Kuni hinta’u taanaan tasa moo’achuun, taayitaa mootummaa harkaa fudhachuun hinyaadamu- aabjuu guyyaati. Dhuguma paartileen mormituu Itoophiyaa keessa jiran, hangamuu cimanii yoo ijaaraman, EPRDF caaluu nidanda’uu? Yoo kan danda’amu ta’e, yoom? Abadi EPRDF gubbaa gadi worri mormitoota jalaa ol akka laalanitti jiraatu jechuunis sirrii hinta’u. Cimini amansiisaan paartilee mormitootaaItoophiyaa keessatti yoo kan dhufuu woggoota 10f achii oli, abdii wolkutachiisuuf miti, gaafachuun nimala. Garuu hujii ijaaramuufi cimuu, isa garasitti nama geessu, ammuma, har’uma eegaltu hunda irratti dirqama ta’a. Adeemsi hanga ammaa ture, jiru dhaabbata akka EPRDF mitii isa hedduu laafaa ta’e kamuu angoo irraa fonqolchuuf gahaadha hinjedhu sammuun koo. Maaltu guutamuu ykn jijjiiramuu qaba ree?

Dhaabbanni biyya bulchaa jiru EPRDF ammaaf daandii hundaanuu olaantummaa gonfateera; dhaabbile mormitootaa hunda irratti. Dirreen biyya keessaa tan EPRDF. Isaanumatu wol woliin taphataara. Akka shaakala ispoortii, gareen tokko bakka lamatti hiramee, bifa wolmiidhuun, woldadhabsiisuufi wolmadeesuun hinjirreen taphatu, qaama oo’ifatu. Biyya alaattis osoo hin hafin EPRDF kan dhaabbilee mormitootaa taphaan ala godhe.

Akka rakkoo Itoophiyaa marseefi hir’inna EPRDF  qabuuf mooraan mormitootaa deggarsa siyaasaa, diploomaasiifi horii bifa fooyya’aa ta’een hawaasa addunyaa irraa argachutu isa irra ture. Dhugaan jiru garuu kiisiin mooraan mormitootaa duwwaa, sagaleen isaanii ammo hedduu dadhabaa ta’uu isaati kan xiinxallinu. Kanaaf ragaan mootummoonni worra Dhihaa (EPRDF woggaa 24 erga irreen bulchee booda) mootummaan Itoophiyaa ‘dimokraatawa’ jechuun hanga dubbatanitti gayan. Imala siyaasaa ganna 24f godhan booda worri mormitootaa ammas deeggarsa siyaasaafi diploomaasii gahaa argachuu mitii, worri Dhihaa siyaasa Itoophiyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan, uffaana hiriirsuun mee haa hafuu, godhuu irratti hinmilkoofne mormitoonni. Nama gaddisiisa.

Haalli amma jiru hinjijjiramu jechuun nama dhiba. Wonti taajjabdoonni heddu jechutti jiran haalichi akka salphatti waan jijjiramu hinfakkaatuudha. Hujii guddatu worra mooraa mormitootaa keessa jiran hunda eeggata.

Injifatamuunis faydaa mataa isaa qaba; hiree waa barachuufi dadhabina jiru fooyyeffachuu uuma. Filannoo kana booda paartilee mormituu hunda harkatti kan hafe miseensaafi sagantaa siyaasa isaaniiti; maallaqa qaban hunda duula nafiladhaa irratti xuruuraniiru ta’a.  Paartilee hundaaf ammi yeroo yaada, hoogansa, imaammata, tarsiimoofi toofta isaanii irra deebi’anii itti gamaaggamaniif xiinxxallamiidha. Hundi isaanii injifannoo ittiin ufjajjabeessan nitarressan ta’a. wonti kan raasa dhaabatetti mul’atu garuu hundi kaayyoo isaanii bira gayuu dadhabuu isaniiti: ammatti EPRDFn kuffisuu mitii qajeelatti sochoosuun hindanda’amne. Humni kuni kopha kophatti socho’ee mitii, tokkos osoo ta’ee hujiin mootummaa abbaa irree hiddaan buqqisuu waan laayyo miti. Qaamni cimnina hir’innaafi dadhabina qaban beekuu irraa madda.

Jijjiira Itoophiyaa keessatti arguu kan hinhawwine hedduu miti. Jijjiirama bu’uuraa fiduu miti waa xiqqoo argamsiisuuf gamtaan hojjac huun barbaachisaadha. Waa’een barbaachisummaa gurmuu uumuu kuni irra deddeebi’amee dubbatamus milkayuu hindandeenne. Rakkoo isaatiifis sababa heddutu tarreeffama. Tokkummaan dhufuu kan dideef, mooraan mormitootaa tokkummaa jibbanii osoo hintaane, EPRDF diigamiinsaafi faffaca’iinsa isaanii irratti waan hojjatuuf worri jedhan jiru. Kuni dhugaa ta’uun nimala. Rakkoon jiru garuu, dhaabbanni siyaasaa tokko gufuun akkanaas akka isa mudatu beekee fala isaafis waan ta’u tarsimoo lafaa qabaachuu qaba. Rakkoo akkanaa irra aanuuf, yaadaanis ta’ee hujiin yoo EPRDF irra hinoolle paartiin kamuu, gamtaanis ta’ee kophatti socho’u, tasa moo’achuu hindanda’u. Dhugadha EPRDF isaaniif hinrafu. Isanis rafuu hinqaban. Daran kan taa’aa buluu qabu isaan. Osoma EPRDF nudiiguuf dadhabu akkamitti tokkummaafi cimina keenna mirkaneeffannaadha gaafiin deebii argachu qabu.

Worri har’a abshaalummaa, gara jabeennaafi cimina EPRDF odeessan, dhaabanni kuni gaafa mootummaa Dargii eessa akka tureefi haala maal keessa akka ture yadachuu qabu. Yoo isaan achii ka’anii as gayan, deeggarsa alaatiinis ta’ee isa keessaa, nu hoo maaltu inchii takka funduratti tankaarfachuu nudhoorgee ufgaafachuu dirqama isaan irratti ta’a. Ijoon dubbii dhaabbanni siyaasaa tokko yoo bu’uureffamu rakkoo salpha furuufii miti. Rakkoo gurguddoo furuuf malee. Rakkoon hangamuu haa baay’atuu, haalli keessatti socho’an hangamuu haa ulfaatuu, tooftaafi dandeettii ifnana injifannootti bayuun lafaa qabaachuu qaba dhaabni siyaasaa tokko. Kana hingodhu taanaan nibada. Dhabama ta’a. Ummannii saahuu isuma wojjiin dadhabaa jirchuu hindanda’au; Dhaabbanni siyaasaa waan bayeef yeroodhaan bakkaan hingayu taanaan obsi miseensotaafi deeggartootaa nixuuxama.

Adeemsi siyaasaa yeroo dheeraa fudhachuun nimala. Dhaabbanni tokko du’a, kan biraa ammoo nika’a. Hooganaan dhaaba tokko nijaara, inni dargaggeessaa nidhaala. Dadhabbiin siyaasaa kamuu bu’aa argamsiisuuf malee maqaa qofaaf kan jiraatu jira jedhee hinamanu gama kootiin. Jiraachuun isaanii ummata isaanii jiraachisuuf yoo ta’e, moora mormitootaa irraa yoo xiqqaate qabxiileen arfan kunniin ni eeggamu. Woggaa 5 booda carrammaan waaxiqqoo EPRDF ittiin jarjarsan jiraachuuf haalli kunniin ammumaa guutamuu qaba.

  1. Mooraan mormituu hundi, addaaddummaan ilaalcha siyaasaa jiraatus, agoobara tokko jalatti wolgayuu qaban. EPRDFs osoma qawwee qabuu agoobaraan socho’a. Haalli paartileen mormitootaa Keeniyaa, Naayjeeriyaa, Zaambiyaafi biyyoota Afrikaa heddu keessatti paartii angoo irra jiru ittiin fonqolchan kanuma. Adda durummaan qabxii kanaa waa’ee fedhi osoo hintaane dirqama; karaan EPRDF ittiin ari’atamu kan biraa tokko hinjiru. Gamtaan akka Medrek faati jajjabeessa ta’us EPRDF garagalchuuf gahaa miti.
  2. Duulli diploomaasii obsa fixachiisan oolee osoo hinbulin kallattii hundaan banamuu qaba. Worri Dhihaa hundi rakkoo Itoophiyaa keessa jiru qajeelatti quba qabu jechuun sirrii natti hinfakkaatu. Mootummooni quba qabaachuu nimalu. Hujiin hawaasa addunyaa rakkoo Itoophiyaa keessa jiru hubachiisuu quubsaan hojjatameera jedhee hinamanu. Osoo ta’ee waa xiqqaatus dhiibaan hangi tokko hawaasa worra Dhihaa irraa mootummoota ija duruunfatanii EPRDF deeggaran irra nigaya ture. Mootummoonni rakkoo Itoophiyaa osoo beekan EPRDFf dibbee tumanis jiru. Kana kan godhaniif jaalalaafi firummaa addaa EPRDF wojjiin qabaatanii osoo hintane dantaa isaniitiif. Isaanis amansiisuun nidanda’ama. Michummaan isaan EPRDF wojiin qaban waan abad hindulloomnee miti. Kan wolitti isaan hidhe, foncaan, dantaadha. Dantaa EPRDF isaaniif guutu worri mormituus guutuuf, ammattis yoo hindandeenne, waadaa seenuu qabu.
  3. Gubbaa roobee, lafaa olbayee horii/maallaqni hedduu barbaachisaadha. Ifatti kan beekamu hedduun namaa EPRDF jala durii kaase hanga har’aatti kan tirtiruuf jaalalaafi sagantaa EPRDFn hawatamee miti, jiraachuudhaaf. Maalaqaan ummata bitan. Worri mormituus, liqeefatanii, kadhatanii, eessayyuu haafidanii xiqqaatee xiqqatu maallaqa namoota bakka ijo ijoo irra jiran ittiin ufirraa qaban horachuu qabu. Kan sukkaarri itti hinmi’oofne jira hinfakkaatu. Keesattu gadaa tana kan maallqa jalaa hinawwaanne jira hinse’u. Akkuma EPRDF taphatutti taphachuudha. Yoo danda’ame inumaa fooyyessanii.
  4. Ummata lafarratti ijaaruu. EPRDF akka kun ta’uuf hayyamaa? Hinhayyamuudha, debiin gabaabaan. Hayyamaan wonti ta’u waan hinjirreef karama danda’ame hundaan, dhaabbileen mormitootaa, namoota harka garaa jalaan ijaaramuu danda’uu qabu. Hooy hooyiifi garmaamsaan samoona duula nafiladhaa kophaa isaatti injifannoo harkatti galfachuuf gayaa miti. Hujiin paartilee mormitootaa kan ta’uu qabu- tokko-shan guutummatti diiguu ykn tokko-shan biraa ijaaruudha. Wolumaa galatti daangaan hujii siyaasa mormitootaa kan miseensa dhaabaa bira ce’e ta’uu qaba.

Qabxiileen arfan  asii olitti tuqaman, mormitoota cimsuuf murteessoodha kan jedhe, waan akka salphatti guutamanii miti. Enyumtuu kana nihubata. Itoophiyaa kessatti, sanuu bulchhiinsa EPRDF jalatti wonti akka salphatti ta’u tokko hinjiru. Bayanii galuufi hojjatanii jiraachuun hangam akka ulfaataa dhufe hundi quba qaba. Paartileen mormitootaa hundi, jaallatanii jibbanii, hujii guddaafi qabsoo hadhaayaaf ufqopheessutu isaan irraa eegama. Foollii bilisummaa xiqqoo arguuf yoo xiqqaate haaladureen kunniin guutamuun dirqama ta’a.  Sunumtuu osoo guutamee eenyuu afaan guuttatee paartiin angoo irra jiru ni buqqa’a kan jedhu hinjiru. Ammatti yaaluufi gaggaragalchaa fala barbaaduun alatti  falli biraa dhiheenyatti hinmul’atu. Hanga ba’aan ulfaataan kuni ummata irraa bu’utti taa’uufi abdii kutachuu irraa fafti guddoon hinjirtu.