IMF diinagdee fooyyessuuf qabxiilee Itoophiyaan irratti xiyyeeffachuu qabdi jedhu tarreesse

Haalli diinagdee Itoophiyaa, akka wolii galaatti, gaarii fi fundurri isaas abdachiisaa ta’uu kan ifa godhe, gabaasni IMF, kallattiin xiyyeeffannaa barbaadanii fi wantoonni fooyya’uu qaban jedhu irratti biyyattii gorsuu hin dhiisne. IMF gabaasa isaa keessatti kan mul’ise rakkooleen bu’uura diinagdee Itoophiyaa sochoosuu ykn imala isaa gufachiisuu danda’an heddu jiraachuu isaaniiti.  Itoophiyaan, akka ilaalcha IMF’tti, guddina diinagdee waaree mirkaneessuuf murannoo guddaa qabdi taanaan sirna liqii, akkaataa gibiraa, sochii alergii, humna sharafaa fi toohannaa intarpiraayizoota mootummaa fooyyessuu irratti hujii manaa guddatu isii eeggata.

IMF gabaasa isaa keessatti kan ifa taasise biyyattiin gatii meeshaalee woggaa woggatti hedduu dabalu too’achuu irratti ammas dadhabina agarsiisaa jirti. Gatiin nyaataa bara 2015’tti %11.8 ol ka’e, akka gabaasa kanaatti. Kuni qormaataa ummataafi diinagdee biyyattii fundura dhaabbateedha jedha IMF. Mootummaan imaammata isaa gatiin meeshaalee woggaa woggatti dijiitii tokkoo ol akka hin daballeef baase dhugoomsuu irratti ciminaan hojjachuu akka qabu IMF hubachiisa.

Gabaasni IMF liqiin mootummaan Itoophiyaa biyya alaa irraa argatuu fi galiin alergii irraa sassaabamu wolhingitu jedha. Kunis humna biyyattiin liqii deebsitee kaffaluuf qabdu laaffisa ykn gaafii keessa seensisa. Kuni fooyya’uu dhabuun diinagdee biyyattiif rakkoodha.

Sochiin meeshaalee biyya alaa irraa galchuu cimee itti fufuu isaa agarsiisa gabaasni IMF. Rakkoon kan jiru garuu, alergii irratti. Sochiin alergii fi faaydaan isarraa argamu, sababa gadi bu’iinsa gatii nuugii fi worqeen wolqabatee, qabbanaayaatiin kan dhufe. Alergii cimsuudhaafis ta’ee babal’isuuf kan waan heddu hojjachuu qabu mootummaadha.

Biyyattii keessatti liqii argachuuun, keessumaayyuu dhaabbileen dhuunfaaf, danqaa guddaa qabaa jedha IMF. Mootummaan haala kana fooyyessuu irratti hojjachuu akka qabu IMF gorsa.

Dameeleen diinagdee ykn misoomaa ijoon mootummaan dhuunfataman abbootii qabeenyaa dhuunfaatiifis banaa ta’uun akka irra jiru, IMF mootummaa Itoophiyaa hubachiisa.

Kallattiin gorsi IMF irratti xiyyeeffate inni biroo ammoo haala toohannaa intarpiraayizoota mootummaa foyyessuu fi akkaataa Baankii Biyyoolessaa hammayyeessuu irratti. Sirni toohannaa intarpiraayizooota mootummaa, IMF kan jedhu, iftoomina qabaachutu irra jira. Baankiin Biyyoolessaa ammoo imaammata maallaqaa isaa hammayyeessuu fi dandeettii haala diinagdee funduratti tilmaamuu cimsachutu irraa eggama. Gama biraatiin, Baankiin Biyyoolessaa hir’ina bajataa mootummaa qunnamu utubuuf jecha liqii mootummaaf laatu hir’isuun akka irraa eeggamus akeekkachiisa.

Qabxiin ammas IMF irratti fuulleffate dhimma hariiroo baankota dhuunfaa fi Baankii Biyyoolessaa jiduu jiruudha. IMF baankonni dhuunfaa %27 maallaqa isaanii boondii Baankii Biyyoolessa bituuf akka oolchan dirqamuun isaanii imaammata dogoggoraadha jedha. IMF, maallaqni bittaa boondiif oolu kuni investimentii irratti yoo dhangala’e biyyattiin irra fayyadamti amataa jedhu akka qabu ibse.

Qarshiin Itoophiyaa woggatti %6 humna sharafa isii dhabaa deemti; Doolaaratti yoo sharafamtu. Akkasuu ta’eeti, akka amantaa IMF’tti, humni qarshii Itoophiyaa ammas baay’ee cimaadha. Kunis dhimma fooyya’uu qabuudha.

IMF guddinni biyyattti keessatti mul’ataa jiru itti fufiinsa qabaachuu kan danda’u yoo hunda ammatee fi fayyadamaa taasiseedah jedha. Gama lammiilee biyyattii hunda guddina kana irraa fayyadamoo godhuutiin hujiin guddaan hojjatamuu kan irra jiru ta’uu gabaasni IMF akeeka.

Investimentii jajjabeessuu sabab jedhuun kaffaltii gibiraan maletti abbootiin qabeenyaa kallattii hedduun tajaajila akka argatan godhuunis dhaabbatuu akka qabuudha IMF kan gorsa isaa Muummicha Ministeraa biyyattii biraan kan gaye.

IMF mootummaa Itoophiyaatiif, diinagdee fi haala maallaqaa irratti, qorannoo gadi fageenyaa erga gegegessee booda, gorsa laataa turuu isaa ibse. Haa ta’uuu malee, gorsa laataman keessaa kanniin xiyyeeffannaa mootumma gayaa hin argatin heddu jiraachuu isaanii ibse. Mootummaan Itoophiyaas gorsa tokko tokko kan fudhatu , isaan biroo kan hin keessummeessine ta’uu isaa marii garee IMF fi MM Haylamaaram Dassaalenyi jiddutti ta’e irratti ifa godhuu isaa gabaasni IMF kuni agarsiisa.