Ijoolleen lakkuun abbaa lama irraa dhalachuun isaanii mirkanaaye

Hireen lakkuun abbaa ykn dhiira lama irraa dhalachuu 13,000 keessaa tokko

Lakkuun lamas, sadis, achii olis haadha takka irra nidhalatu. Haati lakkuu 8 dhaltee guudiisaartus jirti. Garuu, hundi keenna kan hubannu hangamuu haabay’atanii lakkuun hundi haadha takka; abbaanis lakkuun takkuma. Oduun hubannaa keenna isa yeroo dheeraa faallessu gadi bayeera. Lakkuu haadhaan takkaa, garuu abbaa lamaa.

Ameerikaa New Jersey irraa oduun dhagayame lakkuun lama hadha takkaafi abbaa lama qabaachuu isaaniiti. Haati ijoollee tanaas hanga yeroo dhiyootti ijoolleen lamaanuu abbaa tokko irraa dhalachuu isaaniiti kan hubattu. Gara boodaatti garruu, yoo haati yeroo torbaan tokko incaalle keessatti dhiira lama wojjiin ciisuu isii amantu namichi lammataa DNAn ijoolle akka ilallamau gaafata; durumaa kaasee shakkii ijoolleen tuni tiyya jedhu waan ufkeessaa qabuuf. Ta’us, qorannoon DNA akka hawwii isaa ijoollee lamaanuu kan isaaf murteessu hinturre. DNAn kan mirkaneesse  ijoolleen lakkuun dhiiga haadhaatiin  malee kan abbaatiin firummaa kan hinqabne ta’uu isaaniiti. DNAn lakkuu abbaan adda baasuudhaan kan namoota falamaa seenan lachuu jiddutti nag buuse.

lakkuu abbaa garagaraaSaayinsistoonni mudannoo akkanaatiin superfecundation jedhu.Akka qorattootaatti kuni kan uumame yeroo jalqabaatiifii miti; isa dhumaas hinta’u. Hireen lakkuun abbaa  ykn dhiira lama irraa dhalachuu jira: mudannoon akkanaa 13,000 keessaa tokko, akka qorannoo saayinsistootaatti .

Dhimmichi kuni guutummatti marsaa laguu dubartootaatiin wolqabata.  Afaan saayinsiitiin haati ijoollee tanaa yeroo marsaa laguu isiitti killee lama altokkoon gadi lakkiste. Ammas marsama san keessatti dhiira lama woliin wolqunnamtii goote. Killen lameenuu namoota adda addatiin kan cabde. Bifa kanaan abbaan lakkootaa lama ta’e kan asbaye.