Akka ardii Afrikaatti haalli Bulchiinsa Gaarii Itoophiyaa sadarkaa maalirra jira?

Afrikaa keessatti mirga namaa kabajuufi hirmaannaa hawaasaa mirkaneessuudhaan Itoophiyaan 45ffaa dha

Agarsiisni bulchiinsa gaarii Moo Ibraahim in bara 2015 ifa kan taasise Itoophiyaan Afrikaa keessatti bulchiinsa gaariidhaan sadarkaa 31ffaa irratti kan argamtu ta’uu isaati. Itoophiyaan 31ffaa kan taate biyoota Afrikaa qorannaan bulchiinsa gaarii irratti geggeeffame 54 keessaati.

Agarsiisni kuni dhimmoota bulchiinsa gaarii ijoo afur irratti hundaayuudhaan haalaafi sadarkaa bulchiinsa gaarii biyyootaa kan madaale. Qabxiileen kunniinis: ol’aantummaa seeraafi tasgabbii, mirga namaafi hirmaannaa hawaasaa, misooma ummataafi hiree diinagdee itti fufiinsa qabuudha. Qabxiin Itoophiyaan gama bulchiinsa gaariitiin  galmeessiste (48/100) isa biyyoonni Afrikaa jiddugaleessati galmeessisanii gadi kan ta’eedha.

Damee dametti gargar qoodamee yoo ilaallamu halli bulchiinsa gaarii Itoophiyaa addaaddummaa guddaa kan qabuudha. Biyyattiin gama mirga namaa kabajuufi hirmaannaa hawaasaa mirkaneessuutiin biyyoota Afrikaa 54 keessaa sadarkaa 45ffaa (qabxii 36/100) irratti kan argamtu ta’uu isaati agarsiisni Moo Ibraahim kan ifa godhu. Gama kanaan sadarkaan biyyattiin irra jirtu, akkuma Afrikaattuu, hedduu gadhee ta’uu argina. Kana qofaa miti,  kallattii kanaan woggoottan 14’n darbaniif  fooyy’aiinsi sona qabu kan hin mul’anne ta’uu isaati qorannaan kuni kan jala sarare.

Damee misooma ummataatiinis sadarkaan biyyattiin irra jirtu gaarii kan jedhamuu miti. Itoophiyaan Itoophiyaan sadarkaa 27ffaa irra kan teettu.  Gama kanaan yeroodhaa yerotti fooya’iinsi hanga tokko mudhatuu ragaaleen wolitti qabaman agarsiisanis, garuu,  damee barnootaatiin Itoophiyaan sadarkaa 46ffaa irratti kan argamtu. Qulqullini barnoota biyyattii sadarkaa yaachisaa ta’e irra jiraachuu isaati kan agarsiisni kuni ifatti labse. Sadarkaa gadi aanaa hanga yunivarsiitotaatti qulqullinni barnootaa jiraachuufi laakkofsi barattootaafi barsiisotaa kan wolhinmadaalle ta’uus qorannoon kuni bira gayeera.

Erga Dargiin kufee woggoota heddu boodas sadarkaan bulchiinsa gaarii Itoophiyaa hedduu waan fooyya’e hinqabu. Itoophiyaan sadarkaa bulchiinsa gaariitiin biyyoota Afrikaa yeroo dheeraadhaaf wolworaansaafi jeequmsa hamaa keessa turan kanniin akka Laaybeeriyaa, Seraa Liyoon, Ruwaandaafi Mozaambiiqii gadi taatee argamuun isii kan nama ajaa’ibuudha.

Akkuma wolii galaatti haalli bulchiinsa gaarii ardii Afrikaa kan nama boonsuu miti. ‘Isa woggoota 15 dura ture irra biyyooni Afrikaa heddu har’atti bulchiinsa dimokraatwaa ta’e qabu,’ jedhe Moo Ibraahim. ‘Haa ta’uu malee, yeroo dhiyoo asitti biyyooonni Afrikaa baay’een sirna bulchiinsa gaarii isaani hin fooyyessine; bakkuma dhaabatanitti hafan ykn inumaa duubatti mucucaatanii agarra.’ Fooyya’iinsi cimaan, gama bulchiinsa gaarii mirkaneessuutiin, galmeeffamuu dhabuun isaa hunda lammii Afrikaa kan yaachisu ta’uus dubbateera, Moo Ibraahim.

Akka qorannoo dhaabbata Moo Ibraahim bara 2015’tti bulchiinsa gaariidhaan biyyoonni Afrikaa keessatti sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa irra jiran Morishiyes, Keep Verdeefi Botsiwaanaadha. Dhuma sadarkaa bulchiinsa gaarii irra worri jiran ammooo Ripabilikii Jiddugaleessa Afrikaa, Suudaan Kibbaafi Somaaliyaadha. Bara kanatti biyyoonni akka Kot Divoor, Senegaal, Morokoofi Zimbaabee sadarkaa bulchiinsa gaarii isaanii fooyyessuu irratti hanga tokoo milkaayuu isaanii argina.

Sadarkaan bulchiinsa gaarii biyyoota Gaafa Afrikaa hundaa gadheedha. Somaaliyaa, Eertiraa fi Jibuutiin wolduraan duubaan sadarkaa 54ffaa, 50ffaa fi 36ffaa irratti kan argaman.

Dhaabbanni Moo Ibraahim kan woldrogomsiisu biyyoota qofaa miti; namootas ni madaala. Hifikeepunyee Pohaambaa, prezidaantiin Namiibiyaa duraanii, hooggansa sona-qabeessa laatuu isaatiif badhaasa Moo Ibraahim bara 2014 argateera.

Moo Ibraahim agrasiisa bulchiinsa gaarii biyyoonni Afrikaa ittiin madaalaman kana bara 2006 kan eegale. Kaayyoon dhaabbata fi qorannoon kanaa gama bulchiinsa gaariitiin sadarkaa biyyootaa baasuudhaa. Sadarkaan bayuun akka biyyoonni daawwitii bulchiinsa gaarii keessaan ufarganii woldorgommii bulchiinsa gaarii fooyyessuu keessa isaan seensisa abdiifi hawwii jedhutu ture. Akka yaadame fi hawwame sani biyyoonni Afrikaa heddu daawwitii bulchiinsa gaarii kanaan ufilaalaa haala biyya isaanii kan fooyyessan hintaane. Biyyoonni tokko tokko, inumaa, yoo agarsiisa Moo Ibraahim balaaleffataniifi rakkoo qaban amanuuf rakkatan argina.