Humni Agaazii hafuura fixachuu fi abdii kutachutti dhiyaateera

Abaaro, Naqamtee fi Guraawwaa irraan duumessaaye bilisummaan nutti urgaaye.

Oromoon jagnummaa fi abshaalummaa takkaa argamee fi dhagayamee hin beekneen Woyyaanee fi meeshaa isii (Agaazii) fundura dhaabatutti kan jiru. Qabsoon baatii sadii olii geggeeffame sa’aa kanatti (xiqqaa guddaa, baadiyaa fi magaalaa hirmaachisaa) Oromiyaa hunda woliin gayutti jira. Humni Agaazii halkan guyyaa, konkolaataa fi xayyaaraanis asii fi achi jedhu, ofii isaa hafuura fixachuu fi dafqa xuruurrachuun alatti Oromoo hin jilbiiffachiisne, qabeenya TPLF’s barbadaayiinsa jalaa hin baafne. Magaalaa fi baadiyaa heddu keessatti ummanni naga fi tasgabbiin, iddoo rukutamuu qabu gargar baafatee, hujii qe’ee isaa qulqulleessuu irratti kan bobba’e.

agaazii harka laateQabsoon sabni keenna itti jiru too’annaa Woyyaaneetiin ala; hangamuu dhoksuu fi ni jirra jechuudhaaf yaaltus. Woyyaaneen lubbuu ufii jiraachisuu fi qabeenya saamte tiksuuf waan qabdu hunda (Agaazii, boombii, helikooptaraa, taankii fi hamvee) bobbaastee jirti. Humna woggoottan 25f mooraa keessatti nyaachisaa fi ispoortii hojjachiisaa turte ummatta Oromoo irratti bobbaaste. Humni guyya giiteef kunuunfattee olkaawwatte, amma asii fi achi, kufaa-ka’aati kan jiran. Kuni hundi ta’us kan argame kasaaraa irraan kasaaraadha. Oromoo jilbiiffachiisuu mitii poolisii fi OPDO eessa akka isiin buute too’achuun hin danda’amne. Oduun dhagayutti jirru humni Agaazii fi federaalaa fiigichaa fi dadhabbii baatii sadiif isa mudateen bututuu bira dabree sadarakaa qaama fi hafuura fixachuu, akkasumas abdii kutachutti gayeera. Kuni hundi Abbaay Tsahaayyee fi kittillayyoota isaa angoo irra tursiisuudhaaf. Garuu, hanga yoomiitti kan akka saree ganda keessa sukkisaa fi ummata nagaatti dhukaasaa kan jiraatan? Mallattooleen yeroon humni Agaazii fi federaalaa harka laatuu fi qawwee lafa kaayyatu fagoo akka hin taane argisiisan hedduminaan mudhataa dhufaniiru. Hubadhaa, osoo Woyyaaneen hin eegini kan poolisiin Oromiyaa afaan qabattee mana ufiitti dhokatte.

kanniisa.qeeroo.oromooWoyyaaneen tuffii fi quufaan bokokte kinniisa Oromoo duchiiste; gaagura chabsee akka baatu goote. Amma kinniisni gaaguraa fi gaaraa bayeera. Woyyaaneen baatii sadiin darban kinniisa Oromoo ajjeesuu fi aaraan ukkaamsuuf dhama’aatiin kan turte. Garuu, yaalii hanga ammaatti ta’een iddaa fi kuffisaa kan ture kinniisa Oromooti. Gara funduraattis ijibbaanni dhumaa inni kinniisa qawween ukkaamsuu Woyyaaneen ni godhama. Dhumarratti, shakkii tokkoon maletti, kan baqatuu fi boolla itti galu kan soqatu Woyyaaneedha malee tasa kanniisa Oromoo ta’uuf hin deemu.

Oromoon yeroo dheeraadhaaf ajjeefamaa fi hidhamaatiin kan ture. Sochiin baatii sadii oliif geggeeffame Oromoo hunda, bifa addaddaatiin, kan hirmaachiseedha. Sochiin kuni waan tokko ifa godheera: Woyyaaneen kana booda miilaan dhabatte taanaan hunda keennaaf dhumate. Duruu duri, amma ammoo kumaatamaan ajjeefamna, hidhamna, bifa takkaa argamee hin beekneen saamamamuuf deeman. Kuni osoo lubbuun jirru, sanuu erga hanga sochoonee fi iddoo kana geennee booda, akka ta’uuf hayyamuu hin qabnu. Oromoof, baasii baatii sadii oliif kaffalee deeffachuu fi injifannoo galmeessise tikfachuuf, falli kana booda jiru tokko qofa. Osoo ajjeefamnuu fi hidhamnu harka wolqabannee qabsoo kana funduratti dhiibuu qofa; hanga magaalaa fi baadiyaan hundi Woyyaanee irraa qulqullooftutti. Harka wolqabnnee bifa amma eegalleen funduratti deemnu, kan ajjeefame awwaalataa fi kan madaaye yaalataa, Finfinnee seenuun keenna waan akka goobanaatti ifatti mudhatuudha. Nuti dinnaan, nu gaye jenneen eennu kan Oromoo jilbiiffachiisu;kan imala isaa gufachiisu?

Hunda caalatti qabsoon kuni ulfaata fi obsa fixachiisaa ta’uun nimala. Waan fedhes yoo ta’e garuu Woyyaaneef jilbiiffachuu fi baramara qaroo ufii awwaalataa fi salphataa jiraachuu irra waan ulfaatuu miti. Barana garuu dhiigni qaroo keennaa dhangala’e akka bilisummaa jaarraa hedduuf dharra’aa jiraanneen nu gayuu fi saba qaanfate kabajee itti horu hin shakkinaa. Kan hunda keennaaf ifaa: kana booda Oromoon hallayaa gabrummaa keessa inuma hin tiranne; daaraa hiyyummaa keessas inuma hin gangalanne.

Kan saahuu hubatamuu qabu qabsoon kuni kan irratti fuulleffate ummata Tigraayii miti. Oromoon humna woraanaa fi humna poolisii hunda irrattis miti kan fincila diddaa gabrummaa labse. Qabsoon mirgaa fi kabajaa jaarraa hedduuf dhabne deeffachuu kan geggeefamutti jiru, addadurummaadhaan, Oromoo fi garee TPLF (worra ajaja ummata nagaa ajjeessuu dabarsu, qabeenna keenna samuu fi nu jilbiiffachiisuuf tattaafatu) jiddutti. Qaamni inni biraa Oromoo cinaa dhaabatuu, yoo dide ammoo qarqara ijaajjee gootummaa qeeroo daawwatuu qofa falli qabu.

Abaaro irraan duumessaaye bilisummaan nutti urgaaye.