Human Rights Watch Itoophiyaan miidiyaa wolabaa doorsisti, hujiin ala taasisti jedha

Itoophiyaa keessatti filannoon biyyoolessaa baatii Caamsaa nufunduraa kana geggeeffama. Yaadaafi falamii dhimoota biyyattii irratti mootummaafi paartilee mormitootaa jiddutti geggeeffamu kan gurraafi ija ummataa bira gahuu danda’u karaa miidiyaatiin. Miidiyaan bifa wolaba ta’een dirqama yaada kallattii hundaa burqu loogii tokko malee ummata biraan gahutu irra jira. Dirqama kana bahuu kandada’u miidiyaan tokko yoo dhiibbaa mootummaan alatti ufii isaatii bilisa ta’ee hojjate qofa.

Dimokraasiin miilaan gadi dhaabachuu, mootummaanis dimokraasii aadaa godhachuu kan ifatti agarsiisu wolabummaa miidiyaati. San biras ce’ee miidiyaan wolabaa milkii filannoo tokkootiif hedduu barbaachisa. Miidiyaan wolabaa mormitootaaf sagalee ta’a, dhugaa ummata biraan gaha, ummanni filannoo akka qabaatu godha. Bakka miidiyaan wolabni hinjirretti mormitoonni sagantaa siyaasaafi kaayyoo isaanii ummata biraan gahachuun isaaniif hinaanju. Ummataan qajelatti wolhinqunnaman. Yeroo heddu mootummoonni miidiyaa irratti dhiibbaa godhuun mormitootaafi ummata gargarbaasu; hiree mormitoonni filannoo injifachuu jaamsu. Miidiyaan wolaba hintaane, wolumaagalatti, dhugaa hinodeessu; hafuuruma mootumaa ta’a kan ummatatti baasu.

Haala miidiyaan ykn sabqunnamtiin wolaba ta’e hinjirre tokko keessatti filannoon wolaba ta’e nigeggeeffama jechuun tasa waan hinfakkaanne; osoma hidhaafi doorsisaan mormitootaa hinjiru ta’eeyyuu. Filannoon tokko wolaba fakkaachuu, paartileen mormitootaas hiree moo’achuu qabaachuu isaaf agarsiisni guddaan haala mootummaan miidiyaa wolabaa itti qabuufi ilaaluudha. Egaa miidiyaa wolabaa akkas filannoo wolabaaf murteessaa ta’e kana mootummaan Itoophiyaa danqa, doorsisa, hujii irraa dhabamsiisa jechuun kan Human Rights Watch (HRW) mootummaa Itoophiyaa balaaleffate.

Akka gabaasa Human Rights Watch kanatti, mootummaan Itoophiyaa tooftaa garagaraatti dhimma bahuudhaan pireesii wolabaa hujiin ala godhaa jira. Kuni filannoo dhufu irratti dhibbaa guddaa kan qabaatu ta’uu isaas HRW akeekkachiisa.  Gochi mootummaa kuni haarawaa miti akka HRW tti.  Mootummaan erga filannoo 2010 as tooftaa addaddaatiin miidiyaa wolabaa hujiin ala godhaa ture. Itoophiyaa keessatti, akka HRWtti, qilleensi miidiyaan wolabaa keessatti socho’an yeroodhaa yerotti dukkanaayaa, qabbanaayaa deemaati kan dhufe.

Mootummaan Itoophiyaa miidiyaa wolabaafi gaazexessitoota yaadaafi ilaalcha mootummaatiin adda ta’e qaban hundi nidoorsisamu, akka qorataa HRW Felix Horne jedhutti. Barreeffama gaazexessitootaan maxxamfame hordofee angawoonni mootummaa gaazexessoota bilbilaafi qaamaan doorsisu, maatii isaanis sodaachisu. Yeroo heddu gaazexeessitoonni seeraan ala hidhamu, sodaachifamu. kuni hundi kan ta’uuf preesiin wolabaa hujii isaanii bifa mootummaan fedhuun akka geggeessaniif tooftaa mootummaan hordofuudha. Gaazexessitoonnni wolabaa fedhii mootummaa hinguutan yoo ta’e, akka Felix Horne jedhutti, himannaa yakkaatu isaan irratti banama.

Bara 2014 keessa miidiyaa wolabaa 6tu dhiibbaa mootummaa dandamachuu dadhabnii cufaman. Baruma kana keessatti gaazexeessitoota 22tu yakkaan himatame. Gaazexessitoonni 30 biyya gadi lakkisanii baqachuf dirqamuu isaaniti kan gabaasni HRW mataduree  ‘Journalism is not a crime’ jedhuun gadi lakkifame kuni ifa godhe.

Baruma dabre kana keessatti gaazexessitoonni Oromoo hedduun yaadafi ilaalcha mootummaa hingammachiifne qabdan himannaa jedhuun hedduun hujii mootummaa irraa ari’amuun isaanis kan yaadatamuudha.

Human Rights Watch motummaan biyyattii gaazexessitoota hidhaman hunda akka gadi lakkisuuf waamicha isaa dhiheesseera.