Hubaatii sukkaarri fayyaa namaa irraan gayu

Jaarraa hedduuf sukkaarii nyaata mi’eessaa, qaamaafis faayda-qabeessa ta’eeti kan ilaallamaa ture. Hanga yeroo dhihootti, sukkaaratti baay’inaan dhimma bayaa kan turan hawaasa hundaa miti. Ummata hawaasa keessatti diinagdeenis ta’ee siyaasan gulantaa addaa qaban; abbootii qabeenyaafi kanniin sadarkaa taayitaa addaddaa irra turaniidha. Sukkaarri manniin hiyyeessaa fi kanniin jireenya jiddu-galeessaa qabanii kan seenuu eegale naannoo dhuma jaarraa 20ffaa keessa.

Biyyoota Awurooppaa heddu imala kolonii irratti akka bobba’an kan godhe keessaa inni tokko barbaacha ykn omisha sukkaaraati. Lammiiwwan ardii Afrikaa miliyoona heddu ta’an gabrummaadhaan gara ardii Ameerikaatti kan geeffamaniif qonna shankooraa, sukkaara omishuu, irratti akka hojjataniif. Jaarraa 16ffaa kaasee hanag gara dhuma 20ffaatti, tarree mi’eessitootaatti, sukkaaraaf kabajaafi sadarkaa addaatu laatamaa ture. Haata’uu malee, woggoottan dhihoo asi odeeffannoon bayan hundi kan mul’isan, sukkaarri jaalalaa fi kabajaa jaarraa hedduuf qabaataa ture sarbamaa dhufuu isaati.

Jaarraa heddu booda waa’ee sukkaaraa irratti hubannoon qabnu hedduu dabalaati kan dhufe. Kunis kan madde qorannoo saayinsii heddu yeroo dheeraadhaaf sukkaara irratti geggeeffamaa ture irraayi. Jaarraan kuni dhalli namaa faaydaaleefi miidhaa sukkaraa, bifa nama hin mamsiisneen, kan qajeelatti gargar baasee keessatti hubateedha. Akka ilaalchaa fi hubannoo kana dura tureetti osoo hin taane, sukkaarii, waan jireenya dhala namaa mi’eessu qofa osoo hin taane waan summeessus ufkeessaa qabaachuu isaati kan barame.

As biratti kan hubatamuu qabu, gonkumaa sukkaara lagadhaa jechuu koo akka hin taane. Guyyatti, dhiirri sukkaara giraamii 38 oli, dubartiin ammoo giraamii 25 oli nyaachuu kan hin qabne ta’uu isaati kan ogeeyyii fayyaatiin gorfamu. Kuni sukkaara nyaata garagaraa keessatti argamus dabalateeti. Rakkoon fayyaa kan dhufu, egaa sukkaarri kanaa olii guyyatti yoo nyaatameedha.

Dhugaan jiru garuu, hedduun keenya guyyatti sukkaara qaamni keenya hayyamuu oli kan soorannu. Namoonni tokko tokko sukkaara kan hin nyaanne itti fakkaatee yeroo shaayiifi buna dhugan sukkaara kan heddummeessan argina. Kuni sirrii hin fakkaatu. Sababnis, nyaanni nuti nyaannu hedduun isaa (daabboo, cuunfaa fi kanniin biroos dabalatee) sukkaara qaama keenya miidhu kan uf keessaa qabu ta’uu isaati. Sukkaara nyaata addaddaa irraa argannuun alatti, shaayii fi bunatti sukkaara maankaa 5 hanga 10 yoo kurru maal hayya?

Rakkoon fayyaa sukkaara heddummeessuu irraa maddan kanniin asii gadiiti.

  1. Sukkaarri gulukoosii dhigaa olkaasa.
  2. Insuliinii qaamaa jeequudhaan, sukkaarri balaa dhibee sukkaaraa fi onneetiif nama saaxila.
  3. Furdina qaamaa (ijooleefi gayeessa irrattis) hin barbaachifne namatti fida.
  4. Sukkaarri, akkuma foonii, nama jaarsaa.
  5. Miidhaa tiruu irraan gaya, sukkaarri.
  6. Uumamiinsa kaansariitiifis sukkaarri haala kan mijeessu ta’uu isaati kan hubatame.
  7. Ilkaan namaas balleessa, sukkaarri.

Mi’aa sukkaaraatiin sobamuun nurra hin jiraatu. Kan cululuqu hundi worqee miti jedhuu mitii?