Hookkara Afrikaa Kibbaa: lammiileen Itoophiyaa 2 ibiddaan gubatan

Obboleewwan lama turan kan dukkana isaanii keessatti ibiddi itti lakkifame. Tokko lubbuun isaa dabrite, inni lammaffaa hospitaala jira.

Hookkarri lammiilee biyyoota Afrikaa biroo kanniin Afrikaa Kibaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffate torbaan kana keessa babal’achuu isaati kan gabaafame. Lammiileen Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan kanniin hookkarri kuni lubbuufi qabeenya isaanii galaafate keessaa tokko. Jimaata dabre namoonni hookkara jibbaa namoota biyyoota Afrikaa  biroo irra dhufaniin guutame lubbuu Tasammaa Maarqoos galaafatee obboleessa isaa Aleeks Maarqoos hubaatii hamaaf saaxileera, akka gabaasa Times Live mul’isutti. Qabeenyi isaanii kan eloo ganna hedduun wolitti qabame hanga limsuu ijaatti boombii gaazaan daaratti geeddarame.

Tasammaa Maarqoos imala dheeraa bu’i bayii hedduun guutame dandamatee baatii 4 dura ture kan Afrikaa Kibbaa seene. Aabjuu isaa osoo hinjiraatin kan lubbuun isaa galaafatamte; aabjuun isaa jaamte.

Dubichi akkana ture. Obboleewwan lamaan Afrikaa Kibbaa naannoo Darbaanitti hojii meeshaa qinxaboo gurguruu irratti bobba’anii jiraatu. Jimaata dabre humnoonni badii jibbaa namoota biyyoota Afrikaa biroo irraa dhufaniin guutaman obboleewwan kanniinitti suuqa isaan duubaan itti cufanii ibidda itti gadi lakkisan. San booda maaltu akka ta’e isinumti tilmaamaa.

Aleeks , obboleessi isaa du’uu quba kan hinqabne, ‘naannoo sa’aa tokkotiif keessatti nutti cufanii ibiddan nuguban. Gubataa booyaa ture,’ jechuun waan irra gaye siree hospitaalaa irraa gabaastotatti hime. Mataa, harkaafi luka Aleeksii irraa ibiddi hubaatii cimaadha kan geesse. Aleeks, ‘wonti nurratti raawwataa jiru baay’ee nama gaddisiisa. Hundi keenya Afrikaadha. Anaafi obboleessi koo hujiin alatti waan birootti hinjirru. Maaliif nu ajjeesu?’ jedhe.

Tasammaan ibiddaafi aara dandamachuu hindandeenne. Hafiinsa lubbuu Aleeksiif sababa kan ta’e namicha isaani ‘container’ irraa kireeffatanii ture. Konteenara cabsee irraa banuu qofa osoo hintaane ibidda qaama isaanii guutummatti nyaataa tures irraa dhaamsuu danda’eera.

Haleellaafi hookkarri Afrikaa Kibbaatti kaluu kana akka haarawaatti ka’eef sababa kan ta’e mootichi Zuuluu Goodwill Zwelithini lammiiwwan biyya biroo akka Afrikaa Kibbaa keessaa ari’aman mootummaaf waamicha dhiyeessuu isaati jedhama. Gara boodaatti waamicha dhiyeessuu isaa waakkatuuf yaalus woraabbiin sagalee mooticha Zuuluu kan mirkaneessu, ‘lammiiwwan biyya biroo irraa dhufan fe’atanii gara biyya isaaniitti deebi’uu qabu,’ jedhuu isaati. Bifuma wolfakkaatuun ilmi perezidaant Jaakob Zuumaas, ‘boombii dhooyuuf deemu irra taa’aa jirraachuu keenya quba qabaachuu qabna. Lammiileen biyya biroo biyya nurraa fudhachuuf deeman,’ jechuun saba-himatti hime.

Perezidaantiin biyyattii Jaakob Zuumaa hookkara ademaa jiru balaaleffatee kanniin lammii biyya biroo xiyyeeffannoo godhatan adeemsa isaanii irraa akka ufqusatan gaafateera.

Hookkara naannoo torbaan sadiif Darbaaniifi naannoo isiitti adeemaa tureen namoota kuma heddu kanniin Malaawii, Itoophiyaa, Somaaliyaa, Moozaambiikiifi Koongoo irraa ta’antu qe’ee irraa buqqa’an, qabeenya isaaniis saamaman. Nammoonni kumaatamatti laakkawaman mooraa quphannaa yeroo heddu keessa jiraachuudha kan himamu. Moorama kanniin keessattis nagaafi tasgabbiiin dhabamuu isaati kan nama gaddisiisu. Jimaata dabre mooraa quphannaa yeroo 11 irras haleellaan gayuun gabaafameera.