Hirriba gayaa dhabuun rakkoo dhibee sukkaaraafi onneetiif nama saaxila

Hirriba heddumeessuunis rakkoo mataa isaa qaba

Namoonni guyyatti sa’aa 6 gadiif hirriba argatan kanniin hirriba gayaa argataniin yoo wolbira qabamu hireen isaan dhibee sukkaaraafi onneetiif saaxilamuu baay’ee ol ka’adha, jedha qorannoon.

Qorannoon biyya Kooriyaatti namoota 2,600 irratti woggaa lamaa oliif geggeeffame kan ifa taasise namoonni guyyatti sa’aa 6 gadiif rafan carraan isaan dhibee sukkaaraafi onneetiif saaxilamuu  %41 isa kanniin hirriba gayaa argatanii caalee kan argame.

Qorannoon kuni kan geggeeffame si’a lama. Inni jalqabaa jidduu bara 2005 – 2008’tti yoo ta’u, inni lammaffaa bara 2008 – 2011 jiddutti ta’uun isaa beekameera. Yeroo qorannoon kuni itti geggeefame kanatti, namoota qorannoon irratti godhame keessaa %22 irratti sababa hirriba gayaa dhabuutiin wolqabatee rakkoon fayyaa, sukkaraa dhiigaafi onnee, isaan irratti mul’atee jira.

Qorannoon kuni osoo irratti hin geggeeffamin dura namoonni hunduu dhibee sukkaaraas ta’ee kan onnee hinqaban ture. Rakkoon kan mul’achuu eegale yeroo qorannoon geggeeffamuufi sana booda namoota hirriba gayaa hin arganne irratti.

Hirriba gayaa dhabuun, akka bu’aa qorannoo kanaatti, sukkaarri dhiigaa %30 akka ol ka’u taasisa. Bifuma wolfakkaatuun, guyyatti sa’aa jahaa gadiif rafuun rakkoo biraas qaba; garaa, furdina qaamaa, namatti guddisa. Kanaan alattis, hirriba gayaa dhabuun sadarkaa yaadannoo namaa (memory), dandeettii dhibee ufirraa ittisuu (immune system) fi testestiroonii akka hir’isus hubatameera.

Bu’aan qorannoo kana qorannoolee kana dura hirriba gaya dhabuufi dhibee, keessumattuu sukkaaraafi onnee, jidduu wolitti hidhatiinsi jiraachuu agarsiisan daran kan cimseedha.

Gama biraatiin, hirriba heddummeessuunis rakkoo furdina qaamaa, rakkoo duddaa, dhibee onnee, bowwoofi dhiphinaaf kan nama saaxilu ta’uu isaati qorannooleen addaddaa kan mirkaneessan.

Jireenya fayya-qabeessaaf, namni tokkoo guyyatti sa’aa saddeetiif hirriba argachuu akka qabuudha kan ogeeyyiin gorsan.