Hidhamtoonni siyaasaa hundi akka gadilakkifaman Haylamaaram Dassaalenyi beeksise

#BaqqalaaGarbaa#DrMararaaGuddinaa fi hidhamtoonni siyaasaa hundi hiikamuuf. Jaarraa ilaalcha siyaasaa adda ta’e qabaachuu qofaaf hidhamuu fi gidiramuutti aduun dhiyaarti. Baga gammaddan!

Hidhamtoonni siyaasaa adabbiin itti murtaayee fi himannaan  irratti baname kaafamee mana hidhaatii akka bayan Haylamaaram Dassaalenyi dubbate.  Baqqalaa Garbaa, Dr. Mararaa Guddinaa, Gurmeessaa Ayyaanoo, Aaddisuu Bullaallaa, Ahmaddiin Jabal,Yonataan Tasfaayee fi kkf yeroo gabaabaa keessatti ni hiikamu abdii jedhutu jira. Manni hidhaa Maa’ikalaawii, kan Oromoon heddu keessatti gidirame, akka cufame beekameera. Kuni tankaarfii abdachiisaadha. Kuni bu’aa qabsoo hadhaayaati. Oromoon booni!