Hawwiin lammiilee Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa seenuuf bayanii Maalaawii keessatti eebjuuu ta’e

Hawwiin lammiilee Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa seenuudhaaf manaa bayanii Maalaawii keessattii aabjuu ta’ee hafe, jedha gabaasni AFP. Baqattoonni Itoophiyaa dhibba heddutti laakkawaman manniin hidhaa Maalaawii garagaraa keessatti dararamaa jiraachuu isaatniiti kan gabaasni kuni saaxile.

Lammiiwwan Itoophiyaa hadhaa jireenyaa akka dhadhaman kan isaan taasise ‘seeraan ala’ Maalaawii seenuu isaaniiti. ‘Yakki baqattoota kanniinii hawwii Afrikaa Kibbaa seenuu qabatanii biyyaa bayuu isaanii qofa,’ jedhe mataan dhaabbata Doktoroota Daangaa-maleeyyii (MSF) Maalaawii, Ama’urii Gregooree. Baqattoonni kunniin yakka daangaa cabsuun himatamanii adabbii baatii jahaa hanga woggootaa dheeratutu irratti murtaaye. Yakka daangaa seeraan ala qaxxaamuruuf adabbii kuni hedduu cimaadha.

Wanti jireenya lammiilee Itoophiyaa kanniin daran hadheesse ammoo, adabbii hidhaafi maallaqa cimaa kana erga raawwatanii boodas mana hidhaatti dagatamuu isaaniiti. Erga adabbii isaanii raawwatanii boodas baqattoonni biyya isaaniitti deebi’uu akka hindandeenne dubbi-himaan mana hidhaa Deedzaa gabaasaa AFP ‘tti hime. Sababni isaas maallaqni geejjibaa biyya isaaniitti ittiin deebisan dhabamuu isaati. Baqattoota 317 Itoophiyatti deebisuuf $200,000 akka barbaachisuudha Dhaabbanni Godaansa Idil-addunyaa(IOM) kan ibse.

Haalli mana hidhaa keessa jiru hedduu suukkannessaadha. Baqatoonni baay’een dhibee sombaa, busaafi gogaatiin dararamaa jiru. Nyaataafi wol’aansas hinargatan. Mana hidhaa nama 100f qophaaye keessa hidhamtoonni 380’n ugguramaniiru.  Kutaa ciisichaa namoota 20’f yaadaamee tolfame keessa namooni 50 ciisan jechuun angawaan maqaan isaa akka hindhayamne gaafate tokko AFP’tti hime.

‘Biyyarraa fagaatanii akkana yoo dararaman arguun baay’ee nama gaddisiisa,’ jette Kaateriin Saanii mataan dhaabbata miti-mootummaa (NGO) nyaata, uffatafi saamunaa baqattootaaf laatuu. ‘Nama isaan gargaaru tokkos hinqaban.’

Akka mana hidhaa sona qabu hinqabne osoo beekan, miila isaanii hayyama mootummaa malee Maalaawii sensisuun altti yakka biraa akka hinraawwannes osoo argan, mana hidhaatti guuranii akkas baqattootatti taphachuun isaanii yakka dhala-namaa irratti rawwachuudha. Akka seera addunyaatti mirga baqattootaa kabajuun hindadeennye yoo ya’e hidhanii adabanii, maallaqas saamanii mana hidhaatti dagachuu osoo hintaane, akkuma daanga ce’anii bakka irraa dhufanitti deebisutu Maalaawii  irraa eeggama ture.

Yeroo baqattooni woraqaa tokkoon alatti, ardii Afrikaafi Aziyaa irraa, Awurooppaa qaqaxxaamuranitti lammiileen Afrikaa miila keessan hayyamaan ala dangaa ceesistan sababa jedhuun yoo akkana dararaman arguun hedduu nama gaddisiisa. Imala gara Afrikaa Kibbaatti godhamu irratti lammiileen Itoophiyaa yeroo heddu Keeniyaa, Tanzaaniyaa, Maalaawii, Zaambiyaafi Mozaambiik keessatti seeraan ala daangaa ceetan sababa jedhuun adamsamuun, hidhamuun, rebamuuniifi saamamuun hedduu aadeffatameera.