Hadhaan hiyyummaa Itoophiyaa keessatti hammaataa dhufe, jedha UNDPn

Gabaasni UNDP kan ifa godhe Itoophiyaa keessatti hiyyummaan erga 2005 as daran hammaachuu, hiyyeessi miliyoona 25 biyya keessa jiraachuufi hiyyumaan gara 29% gadi bu'uu isaati

Dhaabbanni Misooma Biyyoota Gamtoomanii (UNDPn) gabaasa isaa misooma namaa (UNDP’s Human Development report) keessatti Itoophiyaa keessatti misoomni diinagdeefi namaa jiraatus hanga eegamee miti jedha. Akka gabaasa kanaatti Itoophiya keessati erga 2005 as laakkofsi namoota dukkana hiyyummaa keessa tirtiranii dhibbeentaadhaan waa xiqqoo hir’atus kanniin hiyyummaa keessatti hafaniif garuu jireenyi daran hadhaaye. Kana jechuun namoonni hiyyummaa keessatti hafan hadhaa jireenyaa isa bara 2005 dura ture irra hamaa ta’e dhadhamaati kan jiraatan.

Gabaasni UNDP kan agarsiisu Itoophiyaa keessatti ammas namoonni miliyoona 25 ta’an sarara hiyyummaatii (poverty line) gadi kan jiraatan ta’uu isaati. Oduun qorraan kuni kan labse, laakkofsi namoota hiyyummaa keessa jiraatanii dhibbeentaadhaan hir’atus, woggaa 15 booda laakkofsi namoota marmartoo hiyymaa keessatti gatamanii waan fooyya’e tokko hinqabu.

Agarsiisni misooma namaa (human development index) UNDP kan mul’isu gama kanaanis Itoophiyaa keessatti foyya’iinsi quubsaa ta’uu baatus jiraachuu isaati. Akka agarsiisa kanaatti misoomni namaa (Human Development) 0.35 (2005) irraa gara 0.46 (2013) ol siiqeera. Akka agarsiisa kanaatti Itoophiyaan kan ramadamtu biyyoota misooma namaatiin sadarkaa gadi aanaa irra jiraan keessatti. UNDPn biyyattiin bara 2025 misoma namaatiin biyyoota sadarkaa jiddugaleessa irra jiranitti nimakamti abdii jedhu qaba; yoo guddinni diinagdee akka amma jiru kanaan kan itti fufu ta’e.

Gama biraatiin gabaasni UNDP kuni kan ifatti mul’ise guddinni biyya keessa jiru, inni diinagdeefi misooma namaa, wolmadaalawaa kan hintaane ta’uu isaati. Garaagaraummaan abbootii qabeenyaafi kannin garjallaa jiranii jidduu jiru yeroodhaa yerotti hedduu bal’ataati kan dhufe. Kun kan ifa godhu hiyyeesi daran yoo hiyyoomu, dureessi qabeenya irraan qabeenya horachuu isaati. Misooma namaatiinis addaddummaan naannolee jidduu jiraachuu agarsiisa gabaasni UNDP. Naannoon Oromoiyaa, Amaaraa, Somaaleefi Afaar misooma namaatiin isa biyyoolessaatii gadi jiru, akka gabaasa UNDPtti.

Bakka bu’aan mootummaa Itoophiyaa ob.Mokkonnin Maanyaazzawaal addaaddummaan hiyyeessaafi dureessa jidduu jiru bal’ataa dhufe waan jedhu haalanii, misoomni biyyattii ‘kan qoteebulaafi hiyyeessa ammate’ jechuun dubbatan. Naannoon mootummaan naannolee kaawwan irra caalchisee ija addaatiin ilaalus hinjiru jechuudhaan gabaasa UNDP qeeqan.